Saamuʼel Tokkoffaa 2:1-36
2 Sana booda Haannaan akkana jettee kadhatte:
“Garaan koo Yihowaatti ni gammada;+Yihowaan gaanfa* koo ol qabe.
Ani gochawwan fayyinaa keetti waanan gammaduuf,Afaan koo diinota kootiif deebii kennuuf banameera.
2 Kan akka Yihowaa qulqulluu taʼe tokko illee hin jiru,Si malee kan biraan hin jiru,+Kan akka Waaqa keenyaas qarsaan hin jiru.+
3 Of tuulummaadhaan hin dubbatinaa;Dubbiin of jajuus afaan keessan keessaa hin baʼin,Sababiin isaas Yihowaan Waaqa waan hundumaa beeku dha;+Wanta namoonni hojjetan sirriitti kan madaalu isa dha.
4 Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru,Warri gufatan garuu humna argataniiru.+
5 Warri quufanii turan daabboodhaaf jedhanii mindeeffamanii hojjechuuf dirqamaniiru,Warri beelaʼan garuu kana booda hin beelaʼan.+
Dubartiin dhabduun* ilmaan torba deesse,+Ishiin ilmaan hedduu qabdu garuu kophaatti hafte.*
6 Yihowaan ni ajjeesa, ni jiraachisas;*Gara Awwaalaatti* gad ni buusa, achi keessaas ol ni baasa.+
7 Yihowaan ni hiyyoomsa, ni sooromsas;+Inni ni salphisa, olis ni qaba.+
8 Inni isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa;Isa hiyyeessas tuullaa daaraa* irraa ol ni kaasa,+Bulchitootaa wajjin akka taaʼan godha,Barcuma ulfinaa isaaniif ni kenna.
Utubaawwan lafaa kan Yihowaa ti,+Innis lafa oomisha kennitu isaan irra kaaʼe.
9 Inni tarkaanfii warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega,+Hamoonni garuu dukkana keessatti cal jechisiifamu,+Namni moʼicha kan argatu humna isaatiin miti.+
10 Yihowaan warra isaa wajjin wal lolan ni caccabsa;*+Inni samii keessaa kakawwee isaanitti ni gadhiisa.+
Yihowaan guutummaa lafaa irratti murtii ni kenna,+Inni isa mootii godhate sanaaf humna ni kenna,+Gaanfa* isa inni dibe sanaas ol ni qaba.”+
11 Achiis Elqaanaan gara mana isaa isa Raamaatti argamuu dhaqe; mucichi garuu qajeelfama Eelii lubichaa jalatti tajaajilaa Yihowaa taʼe.+
12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan;+ Yihowaadhaafis kabaja hin qaban turan.
13 Isaan aarsaa sabichi dhiheessu keessaa isa gaʼee lubootaa taʼe fudhachuu mannaa akkana godhu turan:+ Namni kam iyyuu utuu aarsaa dhiheessaa jiruu, tajaajilaan lubichaa utuu foonichi affeelamaa jiruu shukkaa qara sadii qabu qabatee dhufuudhaan,
14 shukkaa sana sataatee, distii gurra lama qabu, xuwwee yookiin distii gurra tokko qabu keessa liccisiisa. Wanta shukkaan sun ol baase kam iyyuu lubichi ofii isaatiif fudhata ture. Isaan Shiilootti Israaʼelota achi dhufan hundumaa irratti akkanuma godhu turan.
15 Kana malees, namichi aarsaa dhiheessu sun cooma sana gubuu isaa dura+ illee, tajaajilaan lubichaa dhufee, “Foon ani lubichaaf waadu naa kenni. Inni foon dheedhii qofa malee foon affeelame si irraa hin fudhatu” isaan jedha.
16 Yommuu namichi, “Dura cooma isaa haa guban;+ sana booda isa barbaadde* fudhachuu dandeessa” isaan jedhu, inni immoo “Lakki, ammuma naa kenni; taʼuu baannaan humnaanan si irraa fudhadha!” isaan jedha ture.
17 Namoonni sun aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu waan tuffataniif, cubbuun tajaajiltoota sanaa Yihowaa duratti baayʼee guddaa taʼe.+
18 Yeroo kanatti Saamuʼel mucaa xinnoo taʼus, efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatee*+ Yihowaa duratti tajaajila ture.+
19 Haati isaas aarsaa waggaa waggaadhaan dhihaatu dhiheessuuf yommuu abbaa manaa ishii wajjin ol baatu hundatti waggaa waggaadhaan qoloo xinnoo hojjettee isaaf fiddi turte.+
20 Eeliinis Elqaanaa fi haadha manaa isaa eebbise; Elqaanaadhaan, “Bakka ilma Yihowaadhaaf kenname* kanaa, Yihowaan haadha manaa tana irraa dhala siif haa kennu” jedhe.+ Isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan.
21 Yihowaanis Haannaa waan yaadateef, ishiin ni ulfoofte;+ dabalataan ijoollee dhiiraa sadii fi ijoollee durbaa lama ni deesse. Saamuʼel mucichis Yihowaa duratti guddachuu isaa itti fufe.+
22 Yeroo kanatti Eeliin baayʼee dulloomee ture; inni wanta ilmaan isaa Israaʼelota hundumaa irratti raawwachaa jiran hunda,+ akkasumas dubartoota karra dunkaana walgaʼii duratti tajaajilanii wajjin akka ciisan+ dhagaʼee ture.
23 Inni akkana isaaniin jedha ture: “Wanta akkanaa maaliif raawwattu? Wanti ani waaʼee keessan namoota hundumaa irraa dhagaʼaa jiru kun gaarii miti.
24 Dhiisaa yaa ijoollee koo, oduun saba Yihowaa gidduutti odeeffamaa jiruu fi ani dhagaʼu kun gaarii miti.
25 Namni tokko nama isa kan biraa irratti cubbuu yoo hojjete, namni kan biraan Yihowaa isaaf kadhachuu dandaʼa;* namni tokko Yihowaa irratti cubbuu yoo hojjete+ garuu, eenyutu isaaf kadhachuu dandaʼa?” Taʼus, Yihowaan isaan ajjeesuu waan barbaadeef, isaan abbaa isaanii dhagaʼuu didan.+
26 Saamuʼel mucichi garuu qaamaanis taʼe ulfinaan Yihowaa durattii fi namoota duratti guddachuu isaa itti fufe.+
27 Namni Waaqayyoo tokkos gara Eelii dhufee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani utuu isaan biyya Gibxiitti mana Faraʼoon keessatti garboota taʼanii jiranii, mana abbaa keetti ifatti of hin mulʼisnee?+
28 Inni luba taʼee akka na tajaajiluuf, gara iddoo aarsaa kootti ol baʼee+ aarsaawwan akka dhiheessuuf, ixaana akka aarsuu* fi ana duratti efuudii akka uffatuuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filatamee ture;+ anis aarsaawwan Israaʼelonni* ibiddaan dhiheessan hundumaa mana abbaa keetiif kenneen ture.+
29 Isin aarsaa koo fi kennaa koo isa ani mana koo keessatti+ akka dhihaatu ajaje kan tuffattan* maaliifi? Aarsaa sabni koo Israaʼel dhiheessu hundumaa keessaa isa filatamaa nyaattanii of gabbisuudhaan ana caalaa ilmaan keetiif ulfina kan kennite maaliifi?+
30 “‘Kanaafuu, dubbiin Yihowaa Waaqa Israaʼel akkana jedha: “Ani manni kee fi manni abbaa keetii yeroo hundumaa fuula koo dura akka deemu dubbadheen ture.”+ Amma garuu Yihowaan akkana jedha: “Kana booda garuu kun matumaa hin taʼu; sababiin isaas ani warra ulfina naa kennaniif ulfina nan kenna;+ warri na tuffatan garuu ni tuffatamu.”
31 Kunoo, mana kee keessaa namni dulluma bira gaʼu tokko illee akka hin jiraanne gochuuf, guyyaan ani jabina* kee fi jabina mana abbaa keetii itti kutu ni dhufa.+
32 Israaʼel wanta gaariitti yommuu gammadutti, ati mana koo keessatti ija kee duratti morkattuu ilaalta;+ mana kee keessattis lammata namni dulloomaan hin argamu.
33 Namni kee inni ani iddoo aarsaa kootti akka tajaajiluuf hambisus ijji kee akka dadhabu ni godha; gaddas sitti ni fida;* namoota mana kee keessaa hedduun isaanii garuu goraadeedhaan ni duʼu.+
34 Wanti ilmaan kee lamaan Hofnii fi Finahaas irra gaʼu kun siif mallattoo ni taʼa: Lamaan isaanii iyyuu guyyuma tokkotti ni duʼu.+
35 Achiis luba amanamaa tokko ofii kootiif nan kaasa.+ Inni akka hawwii garaa kootti* ni hojjeta; ani mana yeroo dheeraa jiraatu isaaf nan ijaara; innis yeroo hundumaa isa ani dibe sana dura ni deema.
36 Namni mana keetti hafu kam iyyuu mindaa maallaqaa fi daabboo cabduu argachuuf jedhee gara isaa dhufee isaaf sagaduudhaan, “Maaloo, daabboo cabduu tokko akkan nyaadhuuf hojii lubummaa isuma tokko irratti na ramadi” jedha.’”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “jabina.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “maseenni.”
^ Kal., “ni goggogde.”
^ Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “gara jireenyaatti ni deebisa.”
^ Ykn tarii, “bakka kosii itti gatan.”
^ Ykn tarii, “Warri Yihowaa morman ni naasifamu.”
^ Ykn., “Jabina.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “isa lubbuun kee kajeele.”
^ Kal., “hidhatee.”
^ Kal., “ergifame.”
^ Ykn tarii, “Waaqayyo abbaa murtii isaaf taʼa.”
^ Kal., “ilmaan Israaʼel.”
^ Ykn tarii, “aarri aarsaa akka ol baʼu gochuu.”
^ Kal., “dhiittan.”
^ Kal., “irree.”
^ Ykn., “lubbuun kee akka gad dhumu ni godha.”
^ Ykn., “wanta garaa koo fi lubbuu koo keessa jiru.”