Ximotewos Tokkoffaa 2:1-15
2 Hundumaa dura akaakuu namootaa hunda ilaalchisee wawwaannaan, kadhannaan, warra kaaniif kadhachuunii fi galanni akka dhihaatu nan gorsa;
2 guutummaatti Waaqayyoof buluu fi dhimminee hojjechuudhaan jireenya tasgabbii fi gabii qabu akka jiraannuuf,+ moototaa fi warra aangoo qaban+ hundumaatiifis akkasuma akka godhamu nan gorsa.
3 Kun, Waaqayyo isa Fayyisaa keenya taʼe duratti gaarii fi fudhatama kan qabu dha;+
4 inni fedhiin isaa akaakuun namootaa hundi akka fayyanii+ fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatani dha.
5 Sababiin isaas, Waaqa tokkotu jira;+ Waaqayyoo fi namoota gidduu+ immoo araarsaa+ tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼe dha;+
6 inni namoota hundumaatiif* furii wal gitu godhee of kenneera;+ kunis wanta yeroo isaatti dhugaa baʼamuufii qabu dha.
7 Anis lallabaa fi ergamaa,+ jechuunis amantii fi dhugaa ilaalchisee barsiisaa sabootaa+ taʼee kanan muudame kana dhugaa baʼuufi;+ ani dhugaa dubbachaan jira malee sobaa hin jiru.
8 Kanaafuu, ani dhiironni bakka hundumaatti dheekkamsaa+ fi falmii irraa fagaachuudhaan+ harka qulqulluu ol kaasanii*+ yeroo hunda Waaqayyoon akka kadhatan nan barbaada.
9 Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonnis shurrubbaa dhaʼachuu fi warqii yookiin callee* yookiin uffata gatii guddaa qabuun utuu hin taʼin, karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan uffata seera qabeessa* taʼeen of haa miidhagsan;+
10 dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti hojii gaariidhaan of haa miidhagsan.+
11 Dubartiin guutummaatti bitamuudhaan+ callistee haa barattu.
12 Dubartiin akka barsiistu yookiin dhiira irratti aangoo akka qabaattu ani hin heyyamu; kanaa mannaa haa callistu.+
13 Sababiin isaas, jalqaba Addaamtu uumame; Hewaan sana booda uumamte.+
14 Kana malees, Addaam hin gowwoomfamne; guutummaatti kan gowwoomfamtee+ fi seera kan cabsite dubartittii dha.
15 Haa taʼu malee, dubartiin hubannaa+ dabalatee, amantii, jaalalaa fi qulqullummaadhaan jiraachuu ishii* yoo itti fufte, ijoollee daʼuudhaan eegumsa argatti.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “namoota akaakuu hundumaatiif.”
^ Ykn., “Waaqayyoof amanamoo taʼanii.”
^ Dhagaa gatii guddaa qabuu fi qaama qurxummii tokko tokko keessaa argamu.
^ Ykn., “ulfina qabeessa.”
^ Kal., “isaanii.”