Qorontos Lammaffaa 11:1-33

  • Phaawulosii fi ergamoota hunda irra caalan (1-15)

  • Rakkoowwan Phaawulos ergamaa taʼuu isaatiin isa irra gaʼan (16-33)

11  Gowwummaa xinnoo qabaachuu kootiif naaf obsitu jedheen abdadha. Garuu amma iyyuu naaf obsaa jirtu!  Ani hinaaffaa Waaqayyootiin isiniif nan hinaafa; sababiin isaas, abbaa manaa tokkoof, jechuunis Kiristoosiif akka durba qulqulluutti isin dhiheessuuf dhuunfaatti isin kaadhimeera.+  Haa taʼu malee, akkuma bofichi haxxummaa isaatiin Hewaaniin gowwoomse,+ sammuun keessan karaa taʼe tokkoon mancaʼee amanamummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif taʼu irraa ni garagala jedheen sodaadha.+  Sababiin isaas, namni tokko dhufee Yesuus isa nuti isiniif lallabne sana irraa adda taʼe yoo isiniif lallabe yookiin hafuura kanaan dura fudhattan irraa adda taʼe yookiin misiraachoo kanaan dura fudhattan irraa adda taʼe+ yoo fide isin wanta inni jedhu salphaatti fudhattu.  Ani waan tokkoon illee ergamoota keessan warra hunda irra caalan sanaa gad akkan taʼe godhee hin yaadu.+  Ani nama akka gaariitti dubbatu taʼuu baadhus,+ beekumsa akkan qabu garuu mirkanaaʼaa dha; kanas karaa hundumaa fi waan hundumaan ifa isiniif gooneerra.  Yookiin akka isin ulfina argattaniif gad of qabee gammachuudhaan misiraachoo Waaqayyoo gatii malee isiniif lallabuun koo cubbuu dhaa?+  Ani isin tajaajiluuf jedhee, gumiiwwan kaan irraa gargaarsa fudhachuudhaan isaan saameera.+  Haa taʼu malee, utuun isin bira jiruu yeroon rakkadhee turetti, obboloonni Maqedooniyaadhaa dhufan wanta na barbaachisu hunda waan naa kennaniif, ani nama tokkotti illee baʼaa hin taane.+ Eeyyee, karaa kamiin iyyuu baʼaa akkan isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; gara fuulduraattis of eeggachuu koo ittan fufa.+ 10  Akkuma Kiristoos dhugaa nan dubbadha, hamman naannoowwan Akaayaa keessa jirutti wanta kanaan boonuu koo hin dhiisu.+ 11  Maaliif? Waanan isin hin jaallanneefii? Akkan isin jaalladhu Waaqayyo beeka. 12  Haa taʼu malee, wantan hojjechaa jiru kana hojjechuu koo ittan fufa;+ kana kanan godhus namoonni wantoota ittiin boonaniin* nu waliin of qixxeessuu barbaadan wanta kanaaf buʼuura isaaniif taʼu akka hin arganneefi. 13  Sababiin isaas, namoonni akkasii warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of jijjiiran, ergamoota sobaa fi hojjettoota gowwoomsitoota taʼani dha.+ 14  Kun immoo nama hin dinqisiisu; sababiin isaas, Seexanni mataan isaa maleekaa ifaa fakkaachuuf of ni jijjiira.+ 15  Kanaafuu, tajaajiltoonni isaas tajaajiltoota qajeelinaa fakkaachuuf yoo of jijjiiran nama hin dinqisiisu. Taʼus, dhumni isaanii akkuma hojii isaanii taʼa.+ 16  Ammas nan dubbadha: Namni kam iyyuu gowwaa akkan taʼe godhee hin yaadin. Gowwaa akkan taʼe yoo yaaddan illee, xinnoo akkan boonuuf akka nama gowwaatti na simadhaa. 17  Wantan amma dubbachaa jiru kana ofitti amanamee boonuudhaan akka nama gowwaattan dubbadha malee fakkeenya Gooftaa hordofeen dubbadha miti. 18  Namoonni hedduun wantoota fooniitiin* waan boonaniif, anis nan boona. 19  Isin baayʼee ogeeyyii waan taataniif, warra gowwaa taʼan gammachuudhaan obsitu. 20  Eeyyee, isin nama isin garboomfatu kam iyyuu, nama qabeenya keessan saamu kam iyyuu, nama wanta qabdan isin jalaa fudhatu kam iyyuu, nama isin irratti of jaju kam iyyuu, akkasumas nama isin kabalu kam iyyuu ni obsitu. 21  Kun dadhaboo waan nu fakkeessuuf, kana dubbachuun koo wanta nu qaanessu dha. Haa taʼu malee, warri kaan ija jabina yoo argisiisan, akka nama gowwaattan dubbadha, anis ija jabina nan argisiisa. 22  Isaan Ibrootaa? Anis akkasuma.+ Isaan Israaʼelotaa? Anis akkasuma. Isaan sanyii Abrahaamii? Anis akkasuma.+ 23  Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Akka nama maraateettan dubbadha, ani hundumaa nan caala: Isaan caalaa hojjedheera,+ yeroo baayʼee hidhameera,+ rukuttaa lakkoofsa hin qabne rukutameera, akkasumas yeroo baayʼee duʼa jala gaʼeera.+ 24  Yihudoonni, 40 jechuuf tokko hanquu siʼa shan na garafaniiru,+ 25  Siʼa sadii uleedhaan reebameera,+ yeroo tokko dhagaadhaan tumameera,+ siʼa sadii dooniin ani ittiin deemu caccabeera,+ guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra tureera; 26  yeroo baayʼee karaa deemeera, lageen irraa balaan, saamtota irraa balaan, saba koo irraa balaan,+ saboota kaan irraa balaan,+ magaalaa keessatti balaan,+ lafa onaa keessatti balaan, galaana irratti balaan, akkasumas obboloota sobaa irraa balaan na irra gaʼeera; 27  baayʼee dhamaʼeera, dadhabeeras, halkan hedduu hirriba malee buleera,+ beelaʼeera, dheebodheeras,+ yeroo baayʼee hagabuu taʼeera,+ dhaamodheera, akkasumas daareera.* 28  Wantoota alaan na mudatan kana malees, guyyaa guyyaadhaan waaʼeen gumiiwwan hundumaa na yaaddessa.+ 29  Namni tokko yoo dadhabe, ani hin dadhabuu? Namni tokko yoo gufate, ani aaree hin gubadhuu? 30  Boonuun yoo na barbaachise, wantoota dadhabina koo mulʼisaniin nan boona. 31  Waaqnii fi Abbaan Gooftaa Yesuus inni bara baraaf jajamu sun akkan sobaa hin jirre beeka. 32  Damaasqoo keessatti bulchaan Areexaas Mooticha jalatti bulchu na qabuuf magaalaa warra Damaasqoo eegsisaa ture; 33  haa taʼu malee, guuboo keessa kaaʼanii karaa foddaa dallaa magaalattiitiin gad waan na buusaniif+ isa harkaa miliquu dandaʼeera.

Miiljaleewwan

Ykn., “aangoo isaaniitiin.”
Jechuunis, akka ilaalcha namaatti.
Kal., “qullaa taʼeera.”