Baʼuu 24:1-18
24 Achiis inni Museedhaan akkana jedhe: “Ati, Aaron, Naadaab, Abihuunii+ fi jaarsoliin Israaʼel 70ni gara Yihowaatti ol baʼaatii fagoodhaa sagadaa.
2 Museen kophaa isaa Yihowaatti haa dhihaatu; warri kaan garuu isatti akka hin dhihaanne; sabichis isaa wajjin akka ol hin baane.”+
3 Museenis dhufee dubbii Yihowaa hundumaa fi heerawwan isaa hundumaa sabichatti hime;+ guutummaan sabichaas sagalee tokkoon, “Nuti dubbii Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna”+ jedhanii deebisan.
4 Kanaafuu, Museen dubbii Yihowaa hundumaa ni barreesse.+ Achiis ganama bariidhaan kaʼee gaaricha jalatti iddoo aarsaa tokkoo fi siidaawwan gosoota Israaʼel 12n bakka buʼan 12 ni ijaare.
5 Sana booda Israaʼelota dargaggoota taʼan ni erge; isaanis aarsaawwan gubaman ni dhiheessan; akkasumas qotiyyoowwan aarsaawwan gamtaa+ godhanii Yihowaadhaaf ni dhiheessan.
6 Achiis Museen dhiigicha irraa walakkaa isaa fuudhee saanii golboo keessatti naqe; walakkaa dhiigichaa immoo iddoo aarsaa irratti facaase.
7 Sana booda kitaaba kakuu sana fuudhee sagalee isaa ol kaasee sabichaaf dubbise.+ Isaanis, “Wanta Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna; ni ajajamnas” jedhan.+
8 Kanaafuu, Museen dhiigicha fuudhee sabicha irratti facaasuudhaan,+ “Kun dhiiga kakuu isa dubbii kana hundumaa wajjin haala wal simuun Yihowaan isinii wajjin gale sanaa ti” jedhe.+
9 Musee fi Aaron, Naadaabii fi Abihuun, akkasumas jaarsoliin Israaʼel 70ni ol baʼanii
10 Waaqa Israaʼeliin ni argan.+ Miila isaa jalas wanti akka dhagaa afamaa safiroos* fakkaatu jira ture; wanti sun akkuma samii qulqulluu ture.+
11 Innis geggeessitoota Israaʼel+ kana hin miine; isaanis mulʼata Waaqa dhugaa ni argan, akkasumas ni nyaatan, ni dhuganis.
12 Yihowaanis Museedhaan, “Gaaricha irratti gara kootti ol baʼiitii achi turi. Gabateewwan dhagaa seerichaa fi ajaja isa qajeelfama akka isaaniif taʼuuf ani irratti barreessu sana siif nan kenna”+ jedhe.
13 Kanaafuu, Museen tajaajilaa isaa kan taʼe Iyyaasuu+ wajjin ni kaʼe; achiis gara gaara Waaqa dhugaatti ol baʼe.+
14 Jaarsolii sanaan garuu, “Hamma gara keessanitti deebinutti asumatti nu eegaa.+ Aaronii fi Huur+ isinii wajjin jiru. Namni dhimma seeraa qabu kam iyyuu gara isaanii deemuu dandaʼa”+ jedhee ture.
15 Achiis utuma duumessi gaaricha uwwisee jiruu, Museen gara gaarichaatti ol ni baʼe.+
16 Ulfinni Yihowaa+ Gaara Siinaa irra jira ture;+ duumessichis guyyaa jaʼaaf gaaricha ni uwwise. Guyyaa torbaffaattis inni duumessicha gidduudhaa Musee ni waame.
17 Israaʼelota warra kana ilaalaa turanitti ulfinni Yihowaa fiixee gaarichaa irratti ibidda cimaa fakkaatee mulʼata ture.
18 Achiis Museen duumessicha keessa seenee gara gaarichaatti ol baʼe.+ Innis guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra ture.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.