Daaniʼel 2:1-49

  • Nebukadnezaar Mootichi abjuu nama dhiphisu arge (1-4)

  • Namni ogeessi abjuu hiikuu dandaʼu dhabame (5-13)

  • Daaniʼel gargaarsa Waaqaa gaafate (14-18)

  • Icciticha waan mulʼiseef Waaqa jajate (19-23)

  • Daaniʼel abjuu sana mootichatti hime (24-35)

  • Hiika abjuu sanaa (36-45)

    • Dhagaan mootummichaa siidicha caccabsa (44, 45)

  • Mootichi Daaniʼeliif ulfina kenne (46-49)

2  Nebukadnezaar mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti abjuu abjuʼate; inni* akka malee waan jeeqameef+ rafuu hin dandeenye.  Kanaafuu, mootichi abjuu isaa akka isatti himaniif luboota falfala raawwatan, warra hooda dubbatan, falfaltootaa fi Kaladoota* akka waaman ajaja dabarse. Isaanis seenanii mooticha dura dhaabbatan.+  Mootichis, “Ani abjuu abjuʼadheen ture; wantin abjuʼadhe sun maal akka taʼe beekuu waanan barbaaduuf jeeqameera”* isaaniin jedhe.  Kaladoonnis afaan Aaraamiin akkana jedhanii mootichaaf deebisan:*+ “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. Abjuu kee nu tajaajiltoota keetti himi; nutis hiika isaa sitti himna.”  Mootichis akkana jedhee Kaladootaaf deebise: “Murtoon koo kana dha: Isin abjuu koo hiika isaa wajjin natti hin himtan taanaan, qaamni keessan ni kukkutamta; manni keessanis mana boolii uummataa* ni taʼa.  Abjuu koo fi hiika isaa yoo natti himtan garuu, kennaa fi badhaasa, akkasumas ulfina guddaa isiniif nan kenna.+ Kanaafuu, abjuu koo fi hiika isaa natti himaa.”  Isaanis yeroo lammaffaadhaaf, “Mootichi abjuu isaa nu tajaajiltoota isaatti haa himu; nutis hiika isaa isatti ni himna” jedhanii deebisan.  Mootichis deebisee akkana jedhe: “Isin murtoon koo maal akka taʼe waan beektaniif, yeroo argachuuf yaalii gochaa akka jirtan akka gaariittan beeka.  Abjuu koo natti hin himtan taanaan hundi keessan iyyuu adaba tokkotu isin eeggata. Haa taʼu malee, hamma haalli isaa jijjiiramutti wanta sobaa fi gowwoomsaa taʼe tokko natti himuuf walii galtaniittu. Amma abjuu koo natti himaa; anis hiika isaa ibsuu akka dandeessan kanaan nan beeka.” 10  Kaladoonnis akkana jedhanii mootichaaf deebisan: “Mootiin yookiin bulchaa guddaan, luba falfala raawwatu yookiin nama hooda dubbatu yookiin nama biyya Kaladootaa wanta akkanaa gaafatee beeku waan hin jirreef, namni wanta mootichi gaafatu kana gochuu dandaʼu lafa* irra hin jiru. 11  Wanti mootichi gaafate kun rakkisaa dha; waaqolii warra nama duʼu gidduu* hin jiraanne sana malee namni wanta kana mootichatti himuu dandaʼu hin jiru.” 12  Yeroo kanatti mootichi akka malee aaree namoonni ogeeyyiin Baabilon keessa jiran hundi akka balleeffaman ajaja dabarse.+ 13  Yommuu ajajni kun dabarfamettii fi namoonni ogeeyyiin ajjeefamuuf jedhanitti, isaan Daaniʼelii fi michoota isaas ajjeesuuf barbaaduu jalqaban. 14  Yeroo kanatti Daaniʼel malaan, akkasumas of eeggannoodhaan Ariyook isa ajajaa eegdota mootichaa taʼee fi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran ajjeesuuf baʼee ture sana ni haasofsiise. 15  Innis Ariyook isa abbaa taayitaa mootichaa taʼe sana, “Mootichi ajaja ulfaataa akkanaa kan dabarse maaliifi?” jedhee gaafate. Yeroo kanatti Ariyook dhimmicha Daaniʼelitti ni hime.+ 16  Kanaafuu, Daaniʼel ol seenee hiika isaa mootichatti akka himuuf yeroon akka isaaf kennamu mooticha gaafate. 17  Achiis Daaniʼel gara mana isaa deemee waaʼee dhimma kanaa michoota isaa Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaatti hime. 18  Innii fi michoonni isaa namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran kaanii wajjin akka hin balleeffamneef, iccitii kana ilaalchisee Waaqni samii gara laafina akka isaanitti argisiisu akka kadhatan isaan gaafate. 19  Achiis iccitiin sun halkan Daaniʼeliif mulʼataan ni ibsame.+ Kanaafuu, Daaniʼel Waaqa samii ni jajate. 20  Akkana jedhe: “Ogummaanii fi jabinni kan Waaqayyoo qofa waan taʼeef,+Maqaan isaa bara baraaf* haa jajamu. 21  Inni yeroo fi waqtii ni jijjiira,+Mootota iddoo isaaniitii ni kaasa, ni muudas,+Ogeeyyiidhaaf ogummaa, warra hubannaa qabaniifis beekumsa ni kenna.+ 22  Inni wantoota gad fagoo taʼanii fi wantoota dhokfaman ni mulʼisa,+Wanta dukkana keessa jiru beeka,+Ifnis isa bira jiraata.+ 23  Yaa Waaqa abbootii kootii, ati ogummaa fi humna waan naaf kenniteef,Galataa fi jajannaa siif nan dhiheessa. Ammas ati wanta si gaafanne na beeksisteetta;Wanta mooticha yaaddesses nu beeksisteetta.”+ 24  Achiis Daaniʼel gara Ariyook isa mootichi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran akka ajjeesu ramade sanaa dhaqee,+ “Namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran keessaa eenyuun iyyuu hin ajjeesin. Mooticha duratti na dhiheessi; ani hiika isaa mootichatti nan hima” isaan jedhe. 25  Ariyookis yeruma sana Daaniʼeliin fuudhee mooticha duratti dhiheessee, “Namoota Yihudaadhaa boojiʼaman keessaa nama hiika isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko argadheera”+ isaan jedhe. 26  Mootichis Daaniʼel isa Belteshaazaar jedhamu+ sanaan, “Ati dhuguma abjuu ani argee fi hiika isaa natti himuu ni dandeessaa?” jedhe.+ 27  Daaniʼelis akkana jedhee mootichaaf deebise: “Namoota ogeeyyii, warra hooda dubbatan, luboota falfala raawwatan yookiin warra urjii lakkaaʼan keessaa tokko illee iccitii mootichi gaafate kana isatti himuu hin dandaʼu.+ 28  Haa taʼu malee, Waaqni iccitii mulʼisu tokko samii keessa jira;+ inni wanta guyyoota dhumaatti raawwatamu Nebukadnezaar Mootichatti beeksiseera. Yommuu siree kee irra ciistee turtetti abjuun argitee fi mulʼatawwan gara sammuu keetti dhufanii turan kanneen kana dha: 29  “Yaa mootii, ati utuma siree kee irra ciistee jirtuu wanta gara fuulduraatti raawwatamu abjuʼachuu jalqabde; inni iccitiiwwan mulʼisus wanta gara fuulduraatti raawwatamu si beeksiseera. 30  Haa taʼu malee, iccitiin kun kan natti mulʼifame ani nama lubbuudhaan jiru kam iyyuu caalaa ogummaa waanan qabuuf miti; kanaa mannaa, ati mootichi yaada garaa kee keessa jiru akka hubattuuf hiika isaa si beeksisuufi.+ 31  “Yaa mootii, ati yommuu ilaaltu siidaa guddaa tokko ni argite. Siidaa guddaan akka malee calaqqisu sun si dura dhaabbatee ture; bifti isaas kan nama sodaachisu ture. 32  Siidaan sun mataan isaa warqii gaarii irraa,+ qomni isaa fi harki isaa meetii irraa,+ garaan isaa fi luqqeettuun isaa sibiila diimaa irraa,+ 33  lukti isaa sibiila irraa,+ akkasumas miilli isaa walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee* irraa kan tolfame ture.+ 34  Atis ilaaluu kee itti fufte; dhagaan tokko harki utuu isa hin tuqin fottoqee yommuu buʼu ni argite; dhagichis siidaa sana miila isaa isa sibiilaa fi suphee irraa tolfame sana rukutee caccabse.+ 35  Yeroo sanatti sibiilli, supheen, sibiilli diimaan, meetiinii fi warqiin sun hundi caccabee akkuma habaqii oobdii bonaa irra jiruu ni taʼe; bubbeen haxaaʼee waan isaan fudhateef, isaan keessaa wanti tokko illee hin hafne. Dhagaan siidaa sana rukute garuu gaara guddaa taʼe; guutummaa lafaas ni uwwise. 36  “Abjuun sun kana dha; amma hiika isaa mootichatti ni himna. 37  Yaa mootii, ati mootii moototaa ti, Waaqni samii mootummaa, humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;+ 38  namoota bakka hundumaatti argaman, akkasumas bineensota bosonaa fi simbirroota samii harka keetti dabarsee kenneera; inni hunduma isaanii irratti bulchaa si godheera;+ mataan warqii sun suma dha.+ 39  “Haa taʼu malee, si booda mootummaa kan biraan si irra xinnaatu ni kaʼa;+ achiis mootummaa kan biraan, jechuunis mootummaa sadaffaan inni sibiila diimaa taʼe ni kaʼa, guutummaa lafaa irrattis ni bulcha.+ 40  “Mootummaa arfaffaan immoo akkuma sibiilaa cimaa ni taʼa.+ Sababiin isaas, akkuma sibiilli wanta hundumaa caccabsuu fi daakutti, eeyyee, akkuma sibiilli hurreessutti inni isaan kana hundumaa ni caccabsa, ni hurreessas.+ 41  “Akkuma miilaa fi quba miilaa walakkaan isaa suphee irraa, walakkaan isaa immoo sibiila irraa tolfamee argite sanaatti, mootummichis ni qoqqoodama; haa taʼu malee, akkuma sibiila suphee laafaatti makamee argite sanaatti, inni hamma tokko jabina sibiilaa ni qabaata. 42  Akkuma qubni miilaa sun walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfametti, mootummichis walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa ni taʼa. 43  Akkuma sibiilli suphee laafaatti makamee argitetti, isaanis namootatti* ni makamu; haa taʼu malee, akkuma sibiilli supheetti hin maxxanne, isaanis walitti hin maxxanan. 44  “Bara mootota sanaatti Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne+ tokko ni hundeessa.+ Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu.+ Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa;+ kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata;+ 45  kunis akkuma dhagaan tokko utuu harki isa hin tuqin gaara sana irraa fottoqee baʼee sibiila, sibiila diimaa, suphee, meetii fi warqii sana yommuu caccabsu argite sanaa ni taʼa.+ Waaqni inni Guddaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu mootichatti beeksiseera.+ Abjuun kun dhugaa dha; hiikni isaas amansiisaa dha.” 46  Achiis Nebukadnezaar Mootichi Daaniʼel duratti adda isaatiin lafatti gombifamee ulfina guddaa isaaf kenne. Kennaanii fi ixaanni akka isaaf dhihaatus ajaja ni dabarse. 47  Achiis mootichi Daaniʼeliin, “Ati iccitii kana mulʼisuu waan dandeesseef, dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqolii, Gooftaa moototaa fi isa iccitii mulʼisu dha”+ jedhe. 48  Sana booda Daaniʼeliif ulfina guddaa kenne; kennaa gaggaarii hedduu isaaf ni kenne; guutummaa koonyaa Baabilon irratti bulchaa isa godhe;+ namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiran hundumaa irrattis ajajaa hoggantootaa isa godhe. 49  Mootichi gaaffii Daaniʼel dhiheesseen Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo+ bulchiinsa koonyaa Baabilon irratti ni muude; Daaniʼel garuu mana mootummaa keessatti tajaajila ture.

Miiljaleewwan

Kal., “hafuurri isaa.”
Jechuunis, namoota hooda dubbachuu fi urjii lakkaaʼuu irratti dandeettii qaban.
Kal., “hafuurri koo jeeqameera.”
Dan 2:4b irraa hamma 7:28tti jalqaba irratti kan barreeffame Afaan Aaraamiin ture.
Ykn tarii, “tuullaa kosii; tuullaa faltii.”
Ykn., “lafa gogaa.”
Kal., “foonii wajjin.”
Ykn., “baraa hamma bara baraatti.”
Ykn., “suphee gubame (bocame).”
Ykn., “sanyii ilmaan namootaatti.”