Warra Efesooniif 2:1-22
2 Kana malees, isin yakkaa fi cubbuu keessaniin duutanii kan turtan taʼus, Waaqayyo jiraataa isin godheera;+
2 yeroo sanatti akka sirna* addunyaa kanaatti,+ akka bulchaa aangoo qilleensichaatti+ deddeebiʼaa turtan; kunis hafuura+ isa amma warra hin ajajamne irratti hojjechaa jiru dha.
3 Eeyyee, hundi keenya yeroo sanatti fedhii foonii+ fi fedhii yaada keenyaa raawwachaa, hawwii foonii keenyaa wajjin wal simnee isaan gidduu jiraachaa turre;+ akkuma warra kaaniis uumama keenyaan ijoollee dheekkamsaa turre.+
4 Haa taʼu malee, Waaqayyo gara laafinni isaa guddaa dha;+ inni jaalala guddaadhaan waan nu jaallateef,+
5 yeroo cubbuu keenyaan kan duune turretti illee Kiristoosii wajjin nu jiraachiseera;+ isinis gaarummaa isaa isa guddaadhaan fayyitan.
6 Kana malees, Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa waan qabnuuf Kiristoosii wajjin nu kaasee, isaa wajjin iddoowwan samii keessa akka teenyu godhe;+
7 kana kan godhes, sirna* dhufu keessatti arjummaa isaatiin baayʼina gaarummaa isaa isa guddaa hunda irra caalu nu warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabnutti argisiisuuf jedhee ti.
8 Isin karaa amantii keessanii gaarummaa guddaa kanaan fayyitaniittu;+ kunis kennaa Waaqayyoo ti malee hojii keessaniin kan argattan miti.
9 Namni kam iyyuu boonuuf sababii akka hin qabaanneef, fayyina kana kan argattan hojii keessaniin miti.+
10 Nuti hojii harka Waaqayyoo* ti; hojii gaarii isa Waaqayyo akka hojjennu dursee nuuf murteesseef, tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabnuun+ uumamneerra.+
11 Kanaafuu, isin warri saboota kaan keessaa dhuftan yeroo sanatti warri harka namaatiin “dhaqna qabatan” sun “namoota dhaqna hin qabanne” jedhanii isin waamaa akka turan yaadadhaa.
12 Isin yeroo sanatti saba Israaʼel irraa fagaattanii, kakuu waadaa sanaatiif+ keessummoota taatanii Kiristoos malee jiraachaa turtan; addunyaa keessattis abdii malee fi Waaqayyo malee jiraachaa turtan.+
13 Amma garuu tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabdaniin isin warri yeroo sanatti Waaqayyo irraa fagaattanii turtan dhiiga Kiristoosiin isatti dhihaattaniittu.
14 Kiristoos nagaa keenya dha;+ inni girgiddaa gidduu isaaniitti dallaa taʼee gargar isaan baase diigee+ garee lamaan tokko godheera.+
15 Gareewwan lamaan isaa wajjin tokkummaa qaban sana nama haaraa tokko gochuu+ fi nagaa uumuudhaaf foon isaatiin diinummaa, jechuunis ajajawwan Seerichaa warra labsiiwwan qabatan sana balleesseera;
16 kana kan godhes karaa muka dhiphinaa*+ isaatiin gareewwan lamaan sana qaama tokko godhee guutummaatti Waaqayyotti araarsuufi; sababiin isaas, inni duʼa isaatiin diinummaa balleesseera.+
17 Akkasumas, inni dhufee isin warra fagaattanii turtaniifis taʼe warra dhihaatanii jiraniif misiraachoo nagaa lallabe;
18 sababiin isaas, nuti saboonni lamaan karaa isaa hafuura tokkoon bilisummaadhaan Abbaatti dhihaachuu dandeenyeerra.
19 Kanaafuu, isin kana booda keessummootaa fi namoota biyya ormaa miti;+ kanaa mannaa, isin qulqullootaa wajjin lammii biyya tokkoo ti,+ miseensota maatii Waaqayyoo tis;+
20 buʼuura ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu;+ dhagaan golee inni buʼuura taʼe immoo Kiristoos Yesuusi dha.+
21 Guutummaan gamoo sanaa tokkummaa isaa wajjin qabuun kutaawwan isaa hundumaa wajjin walitti makamee+ mana qulqullummaa Yihowaa* isa qulqulluu taʼee guddachaa jira.+
22 Isinis iddoo Waaqayyo hafuuraan jiraatu taʼuuf tokkummaa isaa wajjin qabdaniin ijaaramaa jirtu.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “adeemsa.”
^ Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “buʼaa hojii isaa.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.