Faarfannaa 102:1-28
Kadhannaa namni cunqurfame yeroo abdii kutatettii* fi yeroo yaaddoo isaa Yihowaa duratti dhangalaasetti dhiheesse.+
102 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhagaʼi;+Iyyi ani gargaarsa argachuuf dhageessisu si bira haa gaʼu.+
2 Yeroo dhiphina kootti fuula kee na jalaa hin dhoksin.+
Gurra kee natti qabi;*Yeroon si waammadhu dafiitii deebii naaf kenni.+
3 Sababiin isaas, guyyoonni koo akka aaraatti darbu,Lafeewwan koos akka iddoo ibiddaatti gubatanii gurraachaʼaniiru.+
4 Nyaata koo nyaachuu waanan irraanfadheef,Garaan koo akka margaatti coolligeera, gogeeras.+
5 Sagalee koo ol kaasee aaduu kootiin kan kaʼe,+Lafeewwan koo foon kootti maxxananiiru.+
6 Allaattii bishaanii lafa onaa keessa jirtu nan fakkaadhe;Ani akkuma hurunguu xinnoo bakka diigamaa gidduu jirtuu ti.
7 Hirriba maleen bula;*Ani akkuma simbirroo kophaa ishii baaxii irra jirtuu ti.+
8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu.+
Warri natti qoosanis* abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
9 Daaraa akka nyaataatti nan nyaadha,+Wantin dhugus imimmaaniin makameera,+
10 Kunis kan taʼe dheekkamsaa fi aarii keetiin kan kaʼe dha,Ati kan ol na kaaste na darbachuuf qofa dha.
11 Guyyoonni koo akka gaaddidduu darbuu* ti,+Akkuma margaas coolligaan jira.+
12 Yaa Yihowaa, ati garuu bara baraaf jiraatta,+Beekamtiin* kees dhaloota hundumaa gidduutti itti fufa.+
13 Yeroon gaarummaa kee ishiitti itti argisiistu amma waan taʼeef,+Ati dhugumaan kaatee Xiyoonitti gara laafina ni argisiista;+Yeroon murteeffame sun gaʼeera.+
14 Tajaajiltoonni kee dhagoota ishiitti ni gammadu,+Biyyoo ishiitiif illee jaalala guddaa qabu.+
15 Saboonni maqaa Yihowaa,Mootonni lafa irraa hundis ulfina kee ni sodaatu.+
16 Sababiin isaas, Yihowaan Xiyooniin deebisee ni ijaara;+Ulfina isaatiinis ni mulʼata.+
17 Kadhannaa hiyyeeyyii xiyyeeffannaadhaan ni dhagaʼa;+Inni kadhannaa isaanii hin tuffatu.+
18 Namoonni gara fuulduraatti dhufan* Yaahiin akka jajataniif,Kun dhaloota dhufuuf barreeffameera.+
19 Inni iddoo ol kaʼaa isaa isa qulqulluu irraa gad ni ilaala,+Yihowaan samii irraa lafa ni ilaala,
20 Kanas kan godhu, hidhamtoonni yommuu aadan dhagaʼuuf,+Warra duuti itti murteeffames bilisa baasuufi;+
21 Maqaan Yihowaa Xiyoon keessatti,Jajamuun isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;+
22 Kunis yeroo saboonnii fi mootummoonniYihowaa tajaajiluuf walitti qabamanitti taʼa.+
23 Inni jabina koo yeroo isaa malee na irraa fudhateera;Umurii koo gabaabseera.
24 Anis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo,Yaa isa dhalootaa hamma dhalootaatti jiraattuu,Walakkaa umurii kootti na hin balleessin.+
25 Ati hundee lafaa bara dheeraa dura keesseetta,Samiiwwanis hojii harka keetii ti.+
26 Isaan ni badu, ati garuu ni jiraatta;Hundi isaanii akkuma uffataatti ni moofaʼu.
Ati akkuma uffataatti isaan ni jijjiirta, isaanis ni darbu.
27 Ati garuu sanuma, waggoonni kees matumaa dhuma hin qaban.+
28 Ijoolleen tajaajiltoota keetii tasgabbiidhaan jiraatu,Sanyiin isaaniis jabaatee si dura dhaabbata.”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “dadhabettii.”
^ Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
^ Ykn tarii, “Huqqadheera.”
^ Ykn., “akka gowwaatti na ilaalanis.”
^ Ykn., “dheerachaa jiruu.”
^ Ykn., “Maqaan.” Kal., “Yaadannoon.”
^ Kal., “uumaman.”