Faarfannaa 103:1-22
Faarfannaa Daawit.
103 Yihowaa nan jajadha;Guutummaan eenyummaa kootii maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.
2 Yihowaa nan jajadha;Wanta inni godhe hundumaas matumaa hin irraanfadhu.+
3 Inni balleessaa kee hundumaa siif dhiisa,+Dhukkuba kee hundumaas ni fayyisa;+
4 Lubbuu kee boolla* irraa ni oolcha,+Jaalala isaa isa amanamaa fi gara laafina isaas si gonfachiisa.+
5 Dargaggummaan kee akka kan risaatti akka haaromuuf,+Umurii kee guutuu wantoota gaggaariidhaan si quubsa.+
6 Yihowaan warra cunqurfaman hundumaatiif+ jechaQajeelummaa fi haqaan tarkaanfii ni fudhata.+
7 Inni daandiiwwan isaa Museetti,Gochawwan isaas ilmaan Israaʼelitti beeksiseera.+
8 Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa* dha,+Aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha.+
9 Inni yeroo hundumaa dogoggora hin funaanu,+Bara baraafis haaloo qabatee hin turu.+
10 Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne,+Akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.+
11 Sababiin isaas, hammuma samiin lafa irraa ol fagaatu,Jaalalli isaa inni amanamaan namoota isa sodaatanitti argisiisu guddaa dha.+
12 Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,Balleessaa keenya nu irraa fageesseera.+
13 Akkuma abbaan tokko ijoollee isaatti gara laafina argisiisu,Yihowaanis warra isa sodaatanitti gara laafina argisiiseera.+
14 Sababiin isaas, inni akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka,+Biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata.+
15 Namni duʼu garuu umuriin isaa akkuma kan margaa ti;+Inni akka abaaboo dirree keessaatti ni daraara.+
16 Yommuu bubbeen bubbisu garuu,Akkuma waan achi hin turreetti ni bada.*
17 Yihowaan garuu jaalala isaa isa amanamaaWarra isa sodaatanitti+ bara baraaf* ni argisiisa,Qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif,+
18 Warra kakuu isaa eeganiif,+Akkasumas warra ajajawwan isaa of eeggannoodhaan raawwataniif ni taʼa.
19 Yihowaan samii keessatti teessoo isaa cimsee hundeesseera;+Mootummaan isaas wanta hundumaa irratti bulcha.+
20 Isin maleekonni isaa warri humna guddaa qabdan,Warri sagalee isaatiif ajajamuudhaan* dubbii isaa raawwattan hundi, Yihowaa jajadhaa.+
21 Raayyaawwan isaa,Tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa raawwattan+ hundi Yihowaa jajadhaa.+
22 Hojiiwwan harka isaa kan taatan hundi,Iddoowwan inni bulchu* hundumaa keessatti Yihowaa jajadhaa.
Guutummaan eenyummaa kootii* Yihowaa haa jajatu.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “awwaala.”
^ Ykn., “arjaa.”
^ Kal., “Iddoon isaas kana booda isa hin beeku.”
^ Ykn., “baraa hamma bara baraatti.”
^ Kal., “sagalee dubbii isaa dhagaʼuudhaan.”
^ Ykn., “Iddoo ol aantummaa isaa.”
^ Ykn., “Lubbuun koo.”