Faarfannaa 11:1-7
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
11 Ani Yihowaatti kooluu galeera.+
Maarree isin akkamitti akkana naan jettu?*
“Akkuma simbirrootti gara gaara keetti baqadhu!
2 Hamoonni iddaa akka dabsan ilaali;Isaan dukkana keessaa warra garaa qajeelaa qaban waraanuuf,Xiyya isaanii wadaroo iddaa irra kaaʼataniiru.
3 Buʼuurawwan haqaa yommuu diigamanitti,Qajeelonni maal gochuu dandaʼu?”
4 Yihowaan mana qulqullummaa isaa isa qulqulluu keessa jira.+
Teessoon Yihowaa samiiwwan keessa jira.+
Ijji isaa ni ilaala; ijji isaa inni dammaqinaan argus* ilmaan namootaa ni qora.+
5 Yihowaan isa qajeelaas taʼe isa hamaa ni qora;+Inni* isa hammina jaallatu kam iyyuu ni jibba.+
6 Isa hamaa dura kiyyoo ni kaaʼa;*Ibidda, dinyii+ fi bubbee waxalus isaan irratti ni roobsa.
7 Yihowaan qajeelaa dha;+ inni gocha qajeelaa ni jaallata.+
Qajeelonni fuula isaa ni argu.*+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuu kootiin akkana jettu?”
^ Ykn., “inni ifus.”
^ Ykn., “Lubbuun isaa; Eenyummaan isaa.”
^ Kal., “irratti kiyyoo ni roobsa.”
^ Ykn., “gaarummaa isaa ni argu.”