Faarfannaa 113:1-9

  • Waaqni ol gubbaa jiru rakkataa ol ni kaasa

    • Maqaan Yihowaa bara baraaf haa jajamu (2)

    • Waaqni gad jedha (6)

113  Yaahiin jajadhaa!* Isin tajaajiltoonni Yihowaa, isa jajadhaa,Maqaa Yihowaa jajadhaa.   Ammaa jalqabee bara baraafMaqaan Yihowaa haa jajamu.+   Baha biiftuutii hamma lixa biiftuutti,Maqaan Yihowaa haa jajamu.+   Yihowaan saboota hundumaa gararraa jira;+Ulfinni isaas samiiwwanii olitti argama.+   Kan akka Waaqa keenya Yihowaa,+Isa ol gubbaa jiraatu* sanaa eenyu?   Inni samii fi lafa ilaaluuf gad jedha;+   Isa rakkataa awwaara irraa ni kaasa. Isa hiyyeessas tuullaa daaraa* irraa ol ni kaasa;+   Kanas kan godhu, inni guguddootaa wajjin,Guguddoota saba isaa wajjin akka taaʼu gochuufi.   Inni dubartii dhabduun* haadha gammachuu qabdu taatee+Ijoollee* ishii wajjin mana ishii keessa akka jiraattu ni godha. Yaahiin jajadhaa!*

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “teessoo irra taaʼu.”
Ykn tarii, “bakka kosii itti gatan.”
Ykn., “maseenni.”
Kal., “Ilmaan.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.