Faarfannaa 118:1-29

  • Injifannoo Yihowaatiif galata galchuu

    • ‘Yaahiin nan waammadhe, innis deebii naaf kenne’ (5)

    • “Yihowaan na cinaa jira” (6, 7)

    • Dhagaan tuffatame dhagaa golee hunda irra caalu taʼe (22)

    • ‘Isa maqaa Yihowaatiin dhufu’ (26)

118  Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.   Israaʼel amma,“Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” haa jedhu.   Warri mana Aaron keessaa taʼan amma,“Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” haa jedhan.   Warri Yihowaa sodaatan amma,“Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” haa jedhan.   Yeroo dhiphina kootti Yaahiin* nan waammadhe;Yaah deebii naaf kenne, gara bakka balaa irraa walaba* taʼettis na geesse.+   Yihowaan na cinaa jira; ani hin sodaadhu.+ Namni maal na gochuu dandaʼa?+   Yihowaan gargaaraa koo taʼee na cinaa* jira;+Anis warra na jibban miira injifannootiin nan ilaala.+   Namootatti amanamuu mannaa,Yihowaatti kooluu galuu wayya.+   Bulchitootatti amanamuu mannaa,Yihowaatti kooluu galuu wayya.+ 10  Saboonni hundi natti marsan,Ani garuu maqaa YihowaatiinOf irraa isaan nan dhowwe.+ 11  Isaan natti marsan, eeyyee, ani guutummaatti nan marfame,Garuu maqaa YihowaatiinOf irraa isaan nan dhowwe. 12  Isaan akka kanniisaatti natti marsan,Garuu akka ibidda qoree gidduu jiruutti dafanii dhaaman. Anis maqaa YihowaatiinOf irraa isaan nan dhowwe.+ 13  Na kuffisuuf humnaan na darbatan,*Yihowaan garuu na gargaare. 14  Yaah gaaddisa koo fi jabina koo ti,Inni fayyisaa koo naaf taʼeera.+ 15  Sagaleen gammachuu fi sagaleen fayyinaa* Dunkaanota qajeelotaa keessa jira. Harki mirgaa Yihowaa humna isaa ni mulʼisa.+ 16  Harki mirgaa Yihowaa ol of qaba;Harki mirgaa Yihowaa humna isaa ni mulʼisa.+ 17  Hojiiwwan Yaah akkan labsuuf,Ani nan jiraadha malee hin duʼu.+ 18  Yaah akka malee na adabeera,+Garuu duʼatti dabarsee na hin kennine.+ 19  Karrawwan qajeelummaa naaf banaa;+Anis achiin seenee Yaahiin nan jajadha. 20  Kun karra Yihowaa ti. Qajeelonni achiin ni seenu.+ 21  Deebii waan naa kenniteef,Fayyisaa koos waan taateef, ani sin jajadha.+  22  Dhagaan ijaartonni tuffatan,Dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe.+  23  Kun Yihowaa biraa dhufe;+Ija keenyaafis dinqii dha.+  24  Guyyaan Yihowaan murteesse isa kana dha;Nutis isatti ni gammanna, ni ililchinas.  25  Yaa Yihowaa, si kadhanna, maaloo nu oolchi! Yaa Yihowaa, maaloo injifannoo nuuf kenni!  26  Inni maqaa Yihowaatiin dhufu eebbifamaa dha;+ Nuti mana Yihowaa keessaa isin eebbisna.  27  Yihowaan Waaqa dha;Inni ifa nuuf kenna.+ Dameewwan mukaa harkatti qabadhaatii warra gara ayyaanichaatti deemanii wajjin taʼuudhaan+Hamma gaanfota iddoo aarsaatti+ deemaa.  28  Ati Waaqa koo ti; ani sin jajadha;Yaa Waaqa koo, ol sin qaba.+  29  Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+

Miiljaleewwan

Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “iddoo balʼaa.”
Ykn tarii, “warra na gargaaranii wajjin.”
Ykn tarii, “ati humnaan na darbatte.”
Ykn., “injifannoo.”
Kal., “Mataa golee.”