Faarfannaa 120:1-7

  • Nama biyya ormaa nagaa hawwu

    • ‘Arraba gowwoomsu irraa na oolchi’ (2)

    • “Ani nagaadhaaf dhaabbadheera” (7)

Faarfannaa Ol Baʼuu.* 120  Yeroo dhiphina kootti Yihowaa nan waammadhe,+Innis deebii naaf kenne.+   Yaa Yihowaa, afaan sobu irraa,Arraba gowwoomsu irraas na* oolchi.   Yaa arraba gowwoomsitu nana,Inni maal si godha? Akkamitti si adaba?*+   Xiyya qaramaa+ loltuutiin,Barbadaa+ muka dhandhansaatiinis si adaba.   Nama biyya ormaa taʼee Meesheek+ keessa waanan jiraadheef, anaaf wayyoo! Dunkaanota Qeedaar+ gidduu jiraadheera.   Warra nagaa jibbanii wajjinBara dheeraa jiraadheera.+   Ani nagaadhaaf dhaabbadheera, yommuun dubbadhu garuu,Isaan waraanaaf kaʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “Maal siif dabala?”