Faarfannaa 124:1-8

  • “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee”

    • Kiyyoo cabe jalaa miliquu (7)

    • ‘Isa maqaan isaa Yihowaa jedhamu irraa gargaarsa arganna’ (8)

Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit. 124  “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,”+Israaʼel akkana haa jedhu:   “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,+Yeroo namoonni nu haleeluuf nu irratti kaʼanitti,+   Yommuu aariin isaanii nu irratti bobaʼetti,+Silaa jiraatti nu liqimsu turan.+   Silaa bishaanonni nu haranii deemu turan,Lolaanis nu* irra yaaʼa ture.+   Dhaʼaan bishaanotaas nu* liqimsa ture.   Inni akka wanta adamsamuutti ilkaan isaaniitti dabarsee waan nu hin kennineefYihowaan haa jajamu.   Nuti* akkuma simbirrooKiyyoo adamsituu jalaa miliqxee ti;+Kiyyichi ni cabe,Nutis ni miliqne.+   Nuti isa maqaan isaa Yihowaa jedhamuIsa samii fi lafa tolche irraa gargaarsa arganna.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “Lubbuun keenya.”