Faarfannaa 129:1-8

  • Haleelamus hin moʼamne

    • Warri Xiyoon jibban ni qaanaʼu (5)

Faarfannaa Ol Baʼuu. 129  “Isaan ijoollummaa kootii jalqabee yeroo hundumaa na haleelaniiru,”+Israaʼel akkana haa jedhu:   “Isaan ijoollummaa kootii jalqabee yeroo hundumaa na haleelaniiru;+Garuu immoo na hin moone.+   Namoonni qotan dugda koo qotaniiru;+Boʼoo dheeraas baasaniiru.”   Yihowaan garuu qajeelaa dha;+Inni wadaroo hamootaa kukkuteera.+   Warri Xiyooniin jibban hundi,Ni qaanaʼu, salphataniis duubatti deebiʼu.+   Isaan akkuma marga baaxii gubbaatti biqileeBuqqifamuu isaa dura coolliguu ni taʼu;   Margi sun qabaa nama haamu sanaaYookiin kaasuu* nama bissii walitti qabu sanaa guutuu hin dandaʼu.   Warri achiin darban,“Eebbi Yihowaa isin irra haa taʼu;Nuti maqaa Yihowaatiin isin eebbisna” hin jedhan.

Miiljaleewwan

Kaasuutti baachuun harkaa fi irree gidduutti baachuu argisiisa.