Faarfannaa 142:1-7
Maaskiil.* Kadhannaa Daawit yeroo holqa keessa turetti+ dhiheesse.
142 Sagalee koo ol kaasee gargaarsaaf gara Yihowaatti nan iyyadha;+Sagalee koo ol kaasee Yihowaan gaarummaa akka natti argisiisu kadhata nan dhiheessa.
2 Yaaddoo koo isa duratti nan dhangalaasa;Waaʼee dhiphina kootii isa duratti nan dubbadha,+
3 Yommuu hafuurri* koo na keessatti dadhabutti isatti nan iyyadha.
Atis daandii koo ni argita.+
Isaan daandiin irra deemu irrattiDhoksaatti kiyyoo naaf kaaʼu.
4 Gara harka mirgaa koo milʼadhuutii,Namni tokko illee dantaa akka naaf hin qabne* ilaali.+
Iddoon itti baqachuu dandaʼu tokko illee hin jiru;+Namni naaf* yaadu tokko illee hin jiru.
5 Yaa Yihowaa, gargaarsa argachuuf sin waammadha.
“Ati iddoon kooluu itti galu dha,+Biyya namoota jiraatoo keessattis si qofan qaba”* nan jedha.
6 Baayʼee waanan gad qabameef,Iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi.
Isaan na caalaa ciccimoo waan taʼaniif,Warra na ariʼatan jalaa na oolchi.+
7 Maqaa kee akkan jajadhuuf,Mana hidhaa keessaa na* baasi.
Ati gaarummaadhaan waan na qabdeef,Warri qajeeloon naannoo kootti walitti haa qabaman.
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “jabinni.”
^ Kal., “akka na hin beekne.”
^ Ykn., “lubbuu kootiif.”
^ Kal., “qoodni koo si qofa dha.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”