Faarfannaa 18:1-50

  • Fayyinaaf Waaqa jajachuu

    • ‘Yihowaan kattaa koo ti’ (2)

    • Yihowaan namoota amanamoodhaaf amanamaa dha (25)

    • Daandiin Waaqaa mudaa hin qabu (30)

    • ‘Gad of qabuun kee guddaa na godha’ (35)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa tajaajilaa Yihowaa kan taʼe Daawit guyyaa Yihowaan harka diinota isaa hundumaa fi harka Saaʼol jalaa isa oolchetti Yihowaadhaaf faarfate. Akkana jedhe:+ 18  Jabina koo kan taate yaa Yihowaa,+ ani sin jaalladha.   Yihowaan kattaa koo, dahoo koo fi isa na oolchu dha.+ Waaqni koo, qarsaa koo+ isan kooluu itti galu dha;Inni gaachana koo, gaanfa* fayyinaa koo* fi iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* dha.+   Yihowaa isa jajamuun isaaf malu nan waammadha,Diinota koo jalaas nan oola.+   Wadaroon duʼaa natti marame,+Lolaan namoonni gatii hin qabne gadhiisanis na naasise.+   Wadaroon Awwaalaa* natti marame,Kiyyoon duʼaas na dura dhaabbate.+   Yeroo dhiphina kootti Yihowaa nan waammadhe,Gargaarsa argachuufis irra deddeebiʼee gara Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaa keessa taʼee sagalee koo dhagaʼe,+Iyyi ani gargaarsa argachuuf dhageessises gurra isaa ni gaʼe.+   Achiis lafti raafamuu fi hurgufamuu jalqabde,+Buʼuurawwan gaarotaas ni hollatan,Inni waan dheekkameef isaan asii fi achi raafaman.+   Funyaan isaa keessaa aarri ni baʼe,Ibiddi nyaatu afaan isaa keessaa ni baʼe;+Barbadaanis* isa keessaa burqe.   Inni yommuu gad buʼu samiin akka gad jedhu godhe,+Duumessi gurraachis miila isaa jala ture.+ 10  Inni kiruubel irra taaʼee barrisaa dhufe.+ Qoochoowwan uumama hafuuraa* irra taaʼees saffisaan gad buʼe.+ 11  Achiis dukkanaan of golge,+Naannoo isaas akkuma dunkaanaatti,Bishaan gurraachii fi duumessi cimaan jira ture.+ 12  Ifa isa dura jiru keessaaCabbiinii fi barbadaan ibiddaa duumessa uranii baʼan. 13  Achiis Yihowaan samii keessaa kakawweessaʼuu jalqabe;+Inni Hundaa Oliis cabbii guguddaa fi barbadaadhaanSagaleen isaa akka dhagaʼamu godhe.+ 14  Xiyya isaa darbatee isaan bittinneesse;+Bakakkaa isaa buusees isaan burjaajesse.+ 15  Yaa Yihowaa, dheekkamsa keetiin, hafuura cimaa funyaan kee keessaa baʼuunis,+Hundeen lageenii* ni mulʼate;+Buʼuurawwan lafaas ni saaxilaman. 16  Bakka ol kaʼaa irraa harka isaa diriirse;Inni na qabee bishaanota gad fagoo keessaa harkisee na baase.+ 17  Diina koo isa cimaa jalaa,Namoota na jibban, warra na caalaa ciccimoo taʼan jalaas na oolche.+ 18  Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan,+Yihowaan garuu na gargaare. 19  Inni gara bakka balaa irraa walaba* taʼeetti na geesse;Waan natti gammadeefis na oolche.+ 20  Yihowaan akka qajeelummaa kootti na kiisa;+Akka qulqullummaa harka koottis naaf deebisa.+ 21  Ani daandiiwwan Yihowaa eegeera,Waaqa koo dhiisuudhaanis hammina hin raawwanne. 22  Murtiiwwan isaa hundi fuula koo dura jiru;Dambiiwwan isaa hin tuffadhu. 23  Isa duratti balleessaa malee nan jiraadha,+Dogoggora irraas of nan eega.+ 24  Yihowaan akka qajeelummaa kootti,Akkuma harki koo isa duratti qulqulluu taʼettis naaf haa deebisu.+ 25  Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata,+Nama balleessaa hin qabneefis balleessaa kan hin qabne taʼuu kee ni argisiista;+ 26  Nama qulqulluudhaaf qulqulluu ni taata,+Isa jalʼaatti garuu gamna taʼuu kee ni argisiista.+ 27  Ati warra rakkatan ni oolchita,+Warra of tuulan* garuu ni salphista.+ 28  Yaa Yihowaa, ibsaa koo kan ibsu,Waaqni koo inni dukkana koo ibsu siʼi.+ 29  Gargaarsa keetiin tuuta weerartootaa dura dhaabbachuu nan dandaʼa;+Humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu nan dandaʼa.+ 30  Daandiin Waaqa dhugaa mudaa kan hin qabne dha;+Dubbiin Yihowaas kan qulqullaaʼe dha.+ Inni warra isatti kooluu galan hundumaatiif gaachana.+ 31  Yihowaa malee Waaqni eenyu?+ Waaqa keenya malee qarsaan eenyu?+ 32  Waaqni dhugaan isa jabina natti uwwisu dha,+Inni daandii koo wal naaf qixxeessa.+ 33  Miila koo akka miila gadamsaa ni godha;Iddoowwan ol kaʼoo taʼan irra akkan dhaabbadhu ni godha.+ 34  Harka koo waraanaaf ni leenjisa;Irreen koos iddaa sibiila diimaa dabsuu ni dandaʼa. 35  Ati gaachana fayyinaa naaf kennita,+Harki kee mirgaa na deggera,Gad of qabuun kees guddaa na godha.+ 36  Daandii tarkaanfii kootii naaf balʼista;Miilli* koos hin mucucaatu.+ 37  Diinota koo duukaa buʼee isaan nan dhaqqaba;Hanga isaan haxaaʼamanii badanittis biraa hin deebiʼu. 38  Akka isaan ol kaʼuu hin dandeenyetti isaan nan caccabsa;+Isaan miila koo jalatti kufu. 39  Waraanaaf jabina na hidhachiista;Diinonni koo na jalatti akka kukkufan goota.+ 40  Diinonni koo ana irraa akka baqatan ni goota;*Anis warra na jibban nan balleessa.*+ 41  Isaan gargaarsaaf ni iyyatu, garuu kan isaan oolchu tokko illee hin jiru;Yihowaatti illee ni iyyatu, inni garuu isaaniif hin deebisu. 42  Akka awwaara bubbeen fudhatutti tumee isaan nan bulleessa;Akka dhoqqee karaa irra jiruuttis alatti isaan nan darbadha. 43  Saba dogoggora funaanu irraa na oolchita.+ Mataa sabootaa gootee na muudda.+ Namoonni ani hin beeknes na tajaajilu.+ 44  Isaan oduu dhagaʼaniin qofa anaaf ni ajajamu;Namoonni biyya ormaa hollachaa na duratti dhihaatu;+ 45  Namoonni biyya ormaa ni sodaatu;*Hollachaas dahoo isaanii keessaa ni baʼu. 46  Yihowaan jiraataa dha! Qarsaan koo haa jajamu!+ Waaqni fayyisaa koo taʼe ol haa qabamu.+ 47  Waaqni dhugaan anaaf haaloo ni baʼa;+Namoonnis akka anaaf bitaman ni godha. 48  Inni diinota koo warra aaran irraa na oolcha;Ati warra na miidhan gararraatti ol na kaasta;+Nama hamaa jalaas na oolchita. 49  Yaa Yihowaa, saboota gidduutti ulfina kanan siif kennu kanaafi,+Maqaa keetiifis faarfannaa galataa nan faarfadha.*+ 50  Inni mootii isaatiif gochawwan fayyinaa* guguddaa ni raawwata;+Isa dibe sanatti,Daawitii fi sanyii isaatti bara baraaf+ jaalala amanamaa ni argisiisa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “fayyisaa koo isa humna qabeessaa.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “Mukukkullis.”
Ykn., “Qoochoowwan bubbee.”
Ykn., “boʼoowwan bishaanii.”
Ykn., “iddoo balʼaa.”
Kal., “Ijoota of tuulan.”
Ykn., “Gulubiin; Koronyoon.”
Ykn., “Ati dugda diinota kootii naaf kennita.”
Kal., “callisiisa.”
Ykn., “ni bututu.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “injifannoowwan.”