Faarfannaa 21:1-13
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
21 Yaa Yihowaa, jabina keetiin mootichi ni gammada;+Inni gochawwan fayyinaa keetti baayʼee gammada!+
2 Ati fedhii garaa isaa isaaf ni guutte,+Kadhata afaan isaas isa hin dhowwanne. (Seelaa)
3 Eebbawwan hedduudhaan isa simatte;Gonfoo warqii gaarii* irraa tolfames mataa isaa irra keesse.+
4 Inni jireenya si kadhate,Atis jireenya dheeraa,* eeyyee, jireenya bara baraa isaaf ni kennite.+
5 Gochawwan fayyinaa kee ulfina guddaa isaaf argamsiisu.+
Atis kabajaa fi simboo isaaf ni kennite.
6 Bara baraaf kan eebbifame akka taʼu ni goota;+Gammachuu isaa wajjin taʼuu keetiin argamuun* akka gammadu ni goota.+
7 Mootichi Yihowaatti amanama;+Jaalala amanamaa Isa Hundaa Oliitiin kan kaʼes inni matumaa hin raafamu.*+
8 Harki kee diinota kee hundumaa ni qabata;Harki kee mirgaas warra si jibban ni qabata.
9 Yeroo murteeffametti yommuu xiyyeeffannaa isaaniif kennitu akkuma iddoo ibiddaa bobaʼaa jiruu isaan ni goota.
Yihowaan dheekkamsa isaatiin isaan ni liqimsa, ibiddis isaan ni nyaata.+
10 Ati sanyii* isaanii lafa irraa,Ijoollee isaaniis ilmaan namootaa gidduudhaa ni balleessita.
11 Isaan si irratti hamaa hojjechuu yaadaniiru;+Karoora hamminaa hin milkoofnes qopheessaniiru.+
12 Iddaa* kee isaan irratti* akeekkachuudhaan,Duubatti akka deebiʼan ni goota.+
13 Yaa Yihowaa, jabina keetiin kaʼi.
Nuti guddina keetiif faarfannaa galataa ni faarfanna.*
Miiljaleewwan
^ Ykn., “qulqulleeffame.”
^ Kal., “dheerina guyyootaa.”
^ Kal., “Gammachuu fuula keetiin.”
^ Ykn., “hin gatantaru.”
^ Kal., “firii.”
^ Kal., “wadaroo iddaa.”
^ Kal., “fuula isaaniitti.”
^ Kal., “ni faarfanna, muuziqaas ni qopheessina.”