Faarfannaa 23:1-6
Faarfannaa Daawit.
23 Yihowaan tiksee koo ti.+
Homtuu natti hin hirʼatu.+
2 Kaloo lalisaa keessa akkan ciisu godha;Gara iddoo boqonnaa bishaan baayʼee qabutti* na geessa.+
3 Inni na* haaromsa.+
Maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelummaa irra na geggeessa.+
4 Ati anaa wajjin waan jirtuuf,+Sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee,+Miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu;+Uleen ittiin tiksituu fi uleen ittiin qajeelchitu na jajjabeessu.
5 Diinota koo duratti maaddii naaf qopheessita.+
Mataa koo zayitiidhaan jiista;*+Xoofoon koo guutee irraa dhangalaʼa.+
6 Bara jireenyaa koo hundumaatti gaarummaan kee fi jaalalli kee inni amanamaan dhugumaan na hordofu;+Anis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa nan jiraadha.+
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “Gara bishaan tasgabbaaʼaatti.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Ykn., “laaffista.”