Faarfannaa 3:1-8
Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abishaalom jalaa baqachaa turetti faarfate.+
3 Yaa Yihowaa, diinonni koo akkanatti hedduu kan taʼan,+Namoonni baayʼeenis ana irratti kan kaʼan maaliifi?+
2 Namoonni hedduun waaʼee koo,*“Waaqayyo isa hin oolchu”+ jechaa jiru. (Seelaa)*
3 Ati garuu yaa Yihowaa, gaachana natti marsee jiru,+Ulfina koo+ fi isa mataa koo ol qabu dha.+
4 Sagalee koo ol kaasee Yihowaa nan waammadha,Innis gaara isaa isa qulqulluu irraa deebii naaf kenna.+ (Seelaa)
5 Ani nan ciisa, nan rafas;Yihowaan na gargaaruu isaa waan itti fufuuf,Nagaadhaan nan dammaqa.+
6 Kumaatama kudhan, warra kallattii hundumaatiin tarree galanii na irratti kaʼan,Hin sodaadhu.+
7 Yaa Yihowaa, kaʼi! Yaa Waaqa koo, na oolchi!+
Ati diinota koo hundumaa mangaagaa isaanii ni rukutta;Ilkaan hamootaas ni caccabsita.+
8 Fayyisuun kan Yihowaa ti.+
Eebbi kee saba kee irra jira. (Seelaa)