Faarfannaa 32:1-11
Faarfannaa Daawit. Maaskiil.*
32 Namni balleessaan isaa isaaf dhiifame, cubbuun isaas isaaf haguugame* gammadaa dha.+
2 Namni Yihowaan yakkaan isa hin gaafanne,+Gowwoomsaanis yaada isaa keessatti hin argamne gammadaa dha.
3 Yommuun calluma jedhetti, guyyaa guutuu aaduu kootiin kan kaʼe lafeen koo ni dhume.+
4 Sababiin isaas, halkanii fi guyyaa harki* kee natti ulfaateera.+
Jabinni koo akkuma bishaan hoʼa bonaa keessa jiruutti hurkeera.* (Seelaa)
5 Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe;Dogoggora koo hin dhoksine.+
Ani, “Balleessaa koo Yihowaatti nan himadha” nan jedhe.+
Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.+ (Seelaa)
6 Yeroo ati argamtutti,+Amanamaa kan taʼe hundi kadhannaa kan sitti dhiheessu kanaafi.+
Sana booda lolaan illee isa bira hin gaʼu.
7 Ati anaaf iddoo dhokannaa ti;Dhiphina irraas na eegda.+
Ililcha fayyinaatiin na marsita.+ (Seelaa)
8 “Ani hubannaa siifan kenna, karaa irra deemuu qabdu ilaalchisees qajeelfama siifan kenna.+
Ija koo si irra kaaʼee sin gorsa.+
9 Isin akka fardaa fi gaangee hubannaa hin qabnee hin taʼinaa,+Isaan isinitti* dhihaachuu isaanii dura,Luugamaa fi fuuloodhaan* toʼatamuu qabu.”
10 Rakkinni nama hamaa hedduu dha;Namni Yihowaatti amanamu garuu jaalala isaa isa amanamaadhaan marfameera.+
11 Isin qajeelonni Yihowaatti gammadaa, ililchaas;Isin warri garaa qajeelaa qabdan hundi ililchaa.
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “dhiifame.”
^ Ykn., “natti gadduun.”
^ Ykn., “Jiidhinni lubbuu kootii jijjiirameera.”
^ Kal., “sitti.”
^ Kun miʼa fuula fardaa ykn gaangee irratti garanaa fi garasiin kaaʼamu dha.