Faarfannaa 44:1-26

  • Kadhannaa gargaarsaaf dhihaate

    • “Kan nu oolche siʼi” (7)

    • “Akka hoolota qalamaniitti” (22)

    • “Gargaaraa keenya taʼii kaʼi!” (26)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Maaskiil.* 44  Yaa Waaqayyo, abbootiin keenya wantoota bara isaaniitti,Bara duriitti raawwatteNutti himaniiru,+Nutis gurruma keenyaan dhageenyeerra.   Ati harka keetiin saboota ariiteetta,+Abbootii keenyas achi qubachiisteetta.+ Saboota caccabsitee ariiteetta.+   Isaan lafattii kan dhaalan goraadee isaaniitiin hin turre,+Injifannoo kan isaaniif argamsiises irree isaanii hin turre.+ Kanaa mannaa, ati waan isaanitti gammaddeef,+Kana kan argatan harka kee mirgaatiin,+ irree kee fi ifa fuula keetiitiin ture.   Yaa Waaqayyo, ati Mootii koo ti;+Yaaqoobiif injifannoo guutuu* ajaji.*   Humna keetiin diinota keenya ariinee deebisna;+Maqaa keetiinis warra nu irratti kaʼan irra ni ejjenna.+   Sababiin isaas, ani iddaa kootti hin amanamu,Goraadeen koos na oolchuu hin dandaʼu.+   Diinota keenya jalaa kan nu oolche siʼi,+Warra nu jibbanis kan salphise siʼi.   Nuti guyyaa guutuu Waaqayyoon ni jajanna,Bara baraaf maqaa keetiif galata ni galchina. (Seelaa)   Amma garuu ati nu gatteetta, nu salphisteetta,Raayyaawwan waraanaa keenyaa wajjinis hin baatu. 10  Ati diina keenya jalaa akka baqannu goote,+Warri nu jibban wanta barbaadan hundumaa ni fudhatu. 11  Akka hoolaatti akka nyaatamnuuf dabarsitee nu kennite;Saboota gidduuttis nu bittinneessite.+ 12  Saba kee gatii gad aanaadhaan gurgurte;+Gurgurtaa sana irraas* buʼaa hin arganne. 13  Olloota keenya duratti warra arrabsaman,Namoota naannoo keenyatti argaman hundumaa durattis warra itti qoosamuu fi itti kolfamu nu goote. 14  Saboota gidduutti warra tuffataman,*+Wanta namoonni mataa itti raasan nu goote. 15  Guyyaa guutuu qaaniin natti dhagaʼama,Salphinni koos na liqimseera. 16  Kunis kan taʼe, sagalee qoosaa fi arrabsoo isaaniitiin,Diina keenya isa haaloo baʼuunis kan kaʼe dha. 17  Wanti kun hundi kan nu irra gaʼe taʼus, nuti amma iyyuu si hin irraanfanne,Kakuu kees hin cabsine.+ 18  Garaan keenya karaa irraa hin gorre;Tarkaanfiin keenyas daandii kee irraa hin jalʼanne. 19  Ati garuu bakka sardiidonni jiraatanitti nu caccabsite;Gaaddisa cimaas nutti uwwiste. 20  Maqaa Waaqa keenyaa irraanfanneerra yoo taʼeYookiin kadhannaadhaan harka keenya gara waaqa ormaatti diriirsineerra yoo taʼe, 21  Waaqayyo kana hin beekuu? Inni iccitii garaa namaa keessa jiru beeka.+ 22  Nuti sababii keetiin guyyaa hundumaa ni ajjeefamna;Akka hoolota qalamuuf jedhaniittis ilaalamneerra.+ 23  Yaa Yihowaa, kaʼi, maaliif callistee ciista?+ Dammaqi! Bara baraaf nu hin gatin.+ 24  Fuula kee maaliif dhoksita? Rakkinaa fi cunqursaa nu irra gaʼu maaliif irraanfatta? 25  Nuti biyyootti deebineerra;Qaamni keenyas lafatti maxxaneera.+ 26  Gargaaraa keenya taʼii kaʼi!+ Jaalala kee isa amanamaa irraa kan kaʼe nu oolchi.*+

Miiljaleewwan

Ykn., “fayyina guddaa.”
Ykn., “kenni.”
Ykn., “Gatii isaan gurguruudhaan argatteenis.”
Kal., “mammaaksa nu goote.”
Kal., “nu furi.”