Faarfannaa 5:1-12
Geggeessaa muuziqaatiif, Nehiilootiin.* Faarfannaa Daawit.
5 Yaa Yihowaa, dubbii koo dhagaʼi,+Aaduu kootiifis xiyyeeffannaa kenni.
2 Yaa Mootii koo, yaa Waaqa koo, kadhannaa koo gara keetti waanan dhiheessuuf,Iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisuuf xiyyeeffannaa kenni.
3 Yaa Yihowaa, ati ganama sagalee koo ni dhageessa;+Ani ganama yaaddoo koo sitti nan himadha,+ abdiidhaanis nan eeggadha.
4 Sababiin isaas, ati Waaqa hamminatti gammadu miti;+Namni hamaa taʼe kam iyyuu sii wajjin hin jiraatu.+
5 Namni of tuulu kam iyyuu si dura hin dhaabbatu.
Ati warra hammina raawwatan hundumaa ni jibbita;+
6 Warra soba dubbatan ni balleessita.+
Yihowaan namoota hammina raawwatanii fi warra kaan gowwoomsan* ni balfa.+
7 Ani garuu jaalala kee isa amanamaadhaan kan kaʼe+ gara mana keetti nan seena;+Kabaja guddaadhaan si sodaadhee+ gara kallattii mana qulqullummaa* kee isa qulqulluu taʼeetti nan sagada.
8 Yaa Yihowaa, diinota koo irraa kan kaʼe qajeelummaa keetiin na geggeessi.
Daandii kee ifa naaf godhi.+
9 Wanti isaan jedhan kam iyyuu amanamuu hin dandaʼu,Hammina malee homtuu isaan keessa hin jiru,Qoonqoon isaanii awwaala baname dha,Arraba isaaniitiin sobanii warra kaan jaju.*+
10 Waaqayyo garuu yakkamtoota taʼuu isaanii ni labsa;Haxxummaan ofii isaanii akka kufan isaan godha.+
Balleessaa hedduu raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe haa ariʼaman;Sababiin isaas, isaan si irratti fincilaniiru.
11 Warri sitti kooluu galan hundi garuu ni gammadu;+Isaan yeroo hundumaa ni ililchu.
Ati isaan ni eegda,Warri maqaa kee jaallatanis sitti ni gammadu.
12 Yaa Yihowaa, ati isa qajeelaa taʼe kam iyyuu ni eebbista;Akkuma gaachana guddaattis gaarummaadhaan isaanitti ni marsita.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “nama dhiiga dhangalaasuu fi warra kaan gowwoomsu.”
^ Ykn., “iddoo qulqulluu.”
^ Ykn., “Arraba laafaatti fayyadamu.”