Faarfannaa 53:1-6

  • Wanta gowwoonni ittiin beekaman

    • “Yihowaan hin jiru” (1)

    • “Wanta gaarii kan hojjetu hin jiru” (3)

Geggeessaa muuziqaatiif; akkaataa Mahaalaatiin.* Maaskiil.* Faarfannaa Daawit. 53  Namni gowwaan* garaa isaatti,“Yihowaan hin jiru” jedha.+ Namoonni akkanaa gochi isaanii inni jalʼaan mancaʼaa fi jibbisiisaa dha;Wanta gaarii kan hojjetu tokko illee hin jiru.+   Waaqayyo garuu namni hubannaa qabuu fi namni Yihowaa barbaaddatu jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf,+Samii irraa gara ilmaan namootaa gad ni ilaala.+   Hundi isaanii karaa irraa goraniiru;Hundi isaanii mancaʼaniiru. Wanta gaarii kan hojjetu hin jiru,Tokko illee hin jiru.+   Warra balleessaa raawwatan keessaa tokko illee hin hubatuu? Isaan akkuma nyaata nyaatanitti saba koo nyaatu. Yihowaas hin waammatan.+   Haa taʼu malee, isaan naasuu guddaadhaan,Naasuu isaan mudatee hin beekneenis ni liqimfamu;*Sababiin isaas, Waaqayyo lafee warra si haleelanii* ni bittinneessa. Yihowaan waan isaan dhiiseef, ati isaan ni salphista.   Fayyinni Israaʼel Xiyoon irraa haa dhufu!+ Yeroo Yihowaan saba isaa isa boojiʼame deebisee walitti qabutti,Yaaqoob haa gammadu, Israaʼel haa ililchu.

Miiljaleewwan

Ykn., “hubannaa hin qabne.”
Ykn tarii, “Bakka wanti nama sodaachisu hin jirretti ni sodaatu.”
Kal., “sitti marsanii.”