Faarfannaa 54:1-7

  • Kadhannaa yeroo diinota giddu turetti gargaarsa argachuuf dhiheesse

    • “Waaqayyo gargaaraa koo ti” (4)

Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit yeroo Ziifonni dhufanii, “Daawit nu gidduutti dhokateera” jedhanii Saaʼolitti himanitti+ faarfate. 54  Yaa Waaqayyo, maqaa keetiin na oolchi,+Humna keetiinis naaf falmi.+   Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi;+Dubbii afaan kootiitiifis xiyyeeffannaa kenni.   Sababiin isaas, namoonni orma taʼan na irratti kaʼaniiru,Namoonni gara jabeeyyii taʼanis lubbuu koo balleessuu barbaadu.+ Isaan Waaqayyoof ulfina hin kennan.*+ (Seelaa)   Kunoo, Waaqayyo gargaaraa koo ti;+Yihowaan warra na* deggeranii wajjin jira.   Inni hammina diinota kootii isaanuma irratti deebisa;+Akka amanamummaa keetti isaan balleessi.*+   Ani fedhiidhaan aarsaa siif nan dhiheessa.+ Yaa Yihowaa, kun gaarii waan taʼeef maqaa kee nan jajadha.+   Inni dhiphina koo hundumaa irraa na oolcha,+Anis miira injifannootiin diinota koo nan ilaala.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Isaan Waaqayyoon of dura hin kaaʼan.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “cal jechisiisi.”