Faarfannaa 56:1-13
Geggeessaa muuziqaatiif; “Gugee Callistu Ishii Fagoo Jirtuun.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yeroo Filisxeemonni Gaatitti+ isa qabanitti.
56 Yaa Waaqayyo, namni duʼu na haleelaa* waan jiruuf, gaarummaa natti argisiisi.
Isaan guyyaa guutuu na waraanaa fi na cunqursaa oolu.
2 Diinonni koo guyyaa guutuu wanta nama miidhu natti dubbatu;Namoonni hedduunis of tuulummaadhaan naan lolu.
3 Yommuun sodaadhu,+ sitti nan amanama.+
4 Waaqa isan dubbii isaa jajadhutti,Eeyyee, Waaqayyotti nan amanama; ani hin sodaadhu.
Namni* maal na gochuu dandaʼa?+
5 Isaan guyyaa guutuu miidhaa na irraan geessisu;Isaan na hubuu qofa yaadu.+
6 Na haleeluuf ni dhokatu;Lubbuu koo balleessuu barbaadaniis,+Tarkaanfii koo hundumaa hordofu.+
7 Hammina isaaniitiin kan kaʼe isaan mormi.
Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin saboota gad buusi.+
8 Ati joora koo ni hordofta.+
Imimmaan koo qalqalloo kee keessatti walitti qabi.+
Inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?+
9 Guyyaan gargaarsa argachuuf iyyadhetti diinonni koo duubatti deebiʼu.+
Ani Waaqayyo na cinaa akka jiru mirkanaaʼaa dha.+
10 Waaqa isan dubbii isaa jajadhutti,Yihowaa isan dubbii isaa jajadhutti,
11 Eeyyee, Waaqayyotti nan amanama; ani hin sodaadhu.+
Namni maal na gochuu dandaʼa?+
12 Yaa Waaqayyo, wareegan siif wareege raawwachuuf dirqamni na irra jira;+Galatas aarsaa godhee siif nan dhiheessa.+
13 Ifa warra jiraatoo keessa Waaqayyo dura akkan deemuuf,+Duʼa irraa na* oolchiteetta,+Miila koos gufachuu irraa eegdeetta.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “wanta nama miidhu natti dubbachaa.”
^ Kal., “Foon.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”