Faarfannaa 59:1-17

  • Waaqni gaachanaa fi dahoo dha

    • ‘Gantootatti gara laafina hin argisiisin’ (5)

    • “Waaʼee jabina keetii nan faarfadha” (16)

Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yommuu Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf namoota gara mana isaatti* ergetti.+ 59  Yaa Waaqa koo, diinota koo jalaa na oolchi;+Warra na irratti kaʼan irraa na eegi.+   Warra gocha hamminaa raawwatan irraa na oolchi,Jalʼoota* jalaas na baraari.   Kunoo, isaan riphanii na* eeggatu;+Namoonni ciccimoonis na haleelu,Yaa Yihowaa, akkana kan godhan garuu, waanan fincileef yookiin waanan cubbuu hojjedheef miti.+   Dogoggora kanan hin raawwanne taʼus, isaan natti fiigan, na haleeluufis ni qophaaʼan. Yommuun si waammadhu kaʼi, wanta isaan godhanis ilaali.   Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, ati Waaqa Israaʼeli.+ Xiyyeeffannaa kee gara saboota hundumaatti gochuuf dammaqi. Gantoota hamoo taʼan kamitti iyyuu gara laafina hin argisiisin.+ (Seelaa)   Isaan galgala galgala ni deebiʼu;+Akka sarootaatti ni gururiʼu;*+ suuta jedhaniis magaalattii keessa asii fi achi ni deemu.+   Wanta afaan isaanii keessaa yaaʼu* ilaali;Arrabni isaanii akka goraadee ti,+Sababiin isaas isaan, “Eenyutu dhagaʼa?” jedhu.+   Yaa Yihowaa, ati garuu isaanitti ni kolfita;+Saboota hundumaattis ni qoosta.+   Yaa Waaqayyo, ati iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* waan taateef,+Yaa Jabina koo, ani sin eeggadha.+ 10  Waaqni jaalala amanamaa natti argisiisu na gargaara;+Waaqayyo miira injifannootiin gara diinota koo akkan ilaalu godha.+ 11  Sabni koo akka hin irraanfannetti, isaan hin ajjeesin. Humna keetiin asii fi achi akka jooran godhi;Gaachana keenya kan taate yaa Yihowaa, isaan akka kufan godhi.+ 12  Cubbuu afaan isaaniitii fi dubbii arraba isaaniitiin kan kaʼe,Abaarsaa fi gowwoomsaa dubbataniin kan kaʼes,Sababa of tuulummaa isaaniitiin kiyyoodhaan haa qabaman.+ 13  Dheekkamsa keetiin isaan fixi;+Lammata akka hin argamnettis isaan fixi;Waaqayyo Yaaqoob gidduutti, hamma andaara lafaattis bulchaa kan jiru taʼuu isaa akka beekan godhi.+ (Seelaa) 14  Isaan galgala haa deebiʼan;Akka sarootaatti haa gururiʼan,* suuta jedhaniis magaalattii keessa asii fi achi haa deeman.+ 15  Wanta nyaatan barbaacha asii fi achi haa jooran;+Akka isaan quufan yookiin bakka boqotan akka argatan hin godhin. 16  Ani garuu, waaʼee jabina keetii nan faarfadha;+Ganamas waaʼee jaalala kee isa amanamaa gammachuudhaan nan dubbadha. Sababiin isaas, ati iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu,+Yeroo rakkina koottis iddoon itti baqadhu dha.+ 17  Yaa Jabina koo, ani faarfannaa galataa siif nan faarfadha;*+Waaqayyo iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu, Waaqa isa jaalala amanamaa natti argisiisu dha.+

Miiljaleewwan

Kal., “manichaatti.”
Ykn., “Warra dhiiga dheebotan.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “ni dutu.”
Ykn., “maddu.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “haa dutan.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”