Faarfannaa 61:1-8
-
Waaqni masaraa cimaa diina irraa eegu dha
-
‘Dunkaana kee keessa keessummummaadhaan nan jiraadha’ (4)
-
Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Daawit.
61 Yaa Waaqayyo, iyyan gargaarsa argachuuf dhageessisu dhaggeeffadhu.
Kadhannaa koo xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi.+
2 Garaan koo yommuu abdii kutatutti,*Ani andaara lafaatii gara keetti nan iyyadha.+
Gara qarsaa ana irra ol dheeratutti na geessi.+
3 Sababiin isaas, ati iddoo ani kooluu itti galu,Masaraa cimaa diina irraa na eegu dha.+
4 Dunkaana kee keessatti bara baraaf keessummummaadhaan nan jiraadha;+Gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu nan gala.+ (Seelaa)
5 Yaa Waaqayyo, ati wareegawwan koo dhageesseetta.
Dhaala warra maqaa kee sodaataniis naaf kenniteetta.+
6 Umurii* mootichaa ni dheeressita,+Umuriin isaa dhalootaa hamma dhalootaatti ni taʼa.
7 Inni bara baraaf Waaqayyo dura teessoo irra taaʼa;*+Akka isa eeganiif, jaalala amanamaa fi amanamummaa isaaf ajaji.*+
8 Sana booda yommuun guyyaa guyyaadhaan wareega koo raawwadhutti,+Bara baraaf maqaa keetiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “humna dhabutti.”
^ Kal., “Guyyoota.”
^ Ykn., “Waaqayyo dura ni jiraata.”
^ Ykn., “ramadi.”
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”