Faarfannaa 63:1-11
Faarfannaa Daawit yeroo lafa onaa Yihudaa keessa turetti faarfate.+
63 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti, ani yeroo hundumaa sin barbaaddadha.+
Ani sin dheebodha.*+
Lafa gogaa fi gubataa bishaan hin qabne keessatti,Ani* si hawwee gaggabeera.+
2 Kanaafuu, iddoo qulqulluu keessatti gara kee nan ilaale;Jabina kee fi ulfina kees nan arge.+
3 Jaalalli kee inni amanamaan jireenya irra waan wayyuuf,+Afaan koo ulfina siif ni kenna.+
4 Kanaafuu, umurii koo guutuu sin jajadha;Maqaa keetiinis harka koo ol nan kaasa.
5 Gaʼee hunda caaluu fi filatamaa taʼeen waanan* quufeef,Afaan koo gammachuudhaan si jajata.+
6 Utuman siree koo irra jiruu sin yaadadha;Halkan walakkaas waaʼee kee nan xiinxala.+
7 Ati gargaaraa koo ti,+Anis gaaddisa qoochoo keetii jalatti nan ililcha.+
8 Ani sitti nan maxxana;Harki kee mirgaa yeroo hunda cimsee na qaba.+
9 Warri lubbuu koo balleessuu* barbaadan garuu,Lafa gad fagoo keessa gad ni lixu.
10 Humna goraadeetti dabarfamanii kennamu;Irbaata sardiidotaas* ni taʼu.
11 Mootichi garuu Waaqayyotti ni gammada.
Namni Waaqayyoon kakatu hundi ni gammada,*Afaan warra soba dubbatanii garuu cal jechisiifama.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Lubbuun koo si dheebotti.”
^ Kal., “Foon koo.”
^ Ykn., “lubbuun koo waan.”
^ Ykn., “na ajjeesuu.”
^ Ykn., “jeedalootaas.”
^ Ykn., “ni boona.”