Faarfannaa 69:1-36
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Faarfannaa Daawit.
69 Yaa Waaqayyo, bishaanonni lubbuu koo waan doorsisaniif* na oolchi.+
2 Ani bakka lafti gogaan hin jirretti, dhoqqee gad fagoo keessa lixeera.+
Bishaanota gad fagoo keessa seeneera,Lagni guutes na fudhatee deemeera.+
3 Iyyuu kootiin kan kaʼe dadhabeera;+Qoonqoon koo cufameera.
Waaqa koo eeggachuudhaan kan kaʼe ijji koo dadhabeera.+
4 Warri sababii malee na jibban,+Rifeensa mataa kootii caalaa hedduu dha.
Warri na balleessan,Diinonni koo warri haxxee taʼan* baayʼataniiru.
Wantan hin hanne akkan deebisu nan dirqisiifame.
5 Yaa Waaqayyo, ati gowwummaa koo beekta,Balleessaan koos si duraa kan dhokate miti.
6 Gooftaa Ol Aanaa kan taate yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,Warri si abdatan anaan kan kaʼe hin qaaneffamin.
Yaa Waaqa Israaʼel,Warri si barbaaddatan anaan kan kaʼe hin salphifamin.
7 Siin kan kaʼe nan arrabsame;+Salphinnis fuula koo ni haguuge.+
8 Obboloota kootiif keessummaa,Ilmaan haadha tiyyaatiifis nama biyya ormaa nan taʼe.+
9 Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na gube,+Arrabsoon warra si arrabsanii ana irras ni gaʼe.+
10 Yommuun soomaan of* cunqursetti,*Sababa kanaan nan arrabsame.
11 Uffanni koo uffata gaddaa akka taʼu yommuun godhetti,Isaan biratti kan tuffatamu* nan taʼe.
12 Warri karra magaalattii irra taaʼan waaʼee koo odeessu,Warri machooftuu taʼanis maqaa koo dhaʼanii sirbu.
13 Taʼus yaa Yihowaa, yeroo fudhatama qabutti+Kadhannaan koo gara kee haa dhufu.
Yaa Waaqayyo, jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼeen,Gochawwan fayyinaa kee warra mirkanaaʼoo taʼaniin deebii naaf kenni.+
14 Dhoqqee irraa na oolchi;Akkan gad lixu hin godhin.
Warra na jibban jalaa,Bishaanota gad fagoo jalaas na oolchi.+
15 Lolaan na fudhatee akka deemu+Yookiin bishaan gad fagoon akka na liqimsuYookiin boolli bishaanii* afaan isaa akka na irratti cufu hin godhin.+
16 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan gaarii waan taʼeef, deebii naaf kenni.+
Akka baayʼina gara laafina keetti gara kootti garagali,+
17 Fuula kee tajaajilaa kee jalaa hin dhoksin.+
Ani dhiphina keessa waanan jiruuf, dafii deebii naaf kenni.+
18 Natti dhihaadhu, na baraaris;*Diinota kootiif jedhiitii na furi.
19 Ati arrabsamuu koo, qaanaʼuu koo fi salphachuu koo beekta.+
Diinota koo hundumaas ni argita.
20 Arrabsoon garaa koo cabseera, madaan isaas kan fayyu miti.*
Gara laafina argachuuf abdadheen ture, garuu namni tokko illee hin turre,+Warra na jajjabeessan argachuuf abdadheen ture, garuu homaa hin arganne.+
21 Haa taʼu malee, isaan bakka nyaataa summii* naaf kennan,+Dheebuu kootiifis wanta dhangaggaaʼaa akkan dhugu naaf kennan.+
22 Maaddiin isaanii kiyyoo,Badhaadhinni isaaniis qamaaxira* isaanitti haa taʼu.+
23 Arguu akka hin dandeenyeef, ijji isaanii haa dukkanaaʼu,Mudhiin isaaniis yeroo hundumaa akka hollatu godhi.
24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi,Aariin kee inni bobaʼaanis isaanitti haa dhufu.+
25 Buufanni isaanii* haa onu;Namni dunkaanota isaanii keessa jiraatu tokko illee hin argamin.+
26 Sababiin isaas, isaan isa ati rukutte ni ariʼu,Waaʼee waraansa warra ati madeessitees ni odeessu.
27 Yakka isaanii irratti yakka dabali,Isaan qajeelummaa kee keessatti qooda hin qabaatin.
28 Kitaaba warra jiraatoo* irraa haa haqaman,+Warra qajeeloo gidduuttis hin galmeeffamin.+
29 Ani garuu cunqurfameera, dhukkubsadheeras.+
Yaa Waaqayyo, humni kee inni oolchu na haa eegu.
30 Maqaa Waaqayyootiif faarfannaa galataa nan faarfadha,Galata dhiheessuudhaanis isaaf ulfina nan kenna.
31 Kun qotiyyoo caalaa,Jibicha gaanfaa fi kottee qabu caalaas Yihowaa ni gammachiisa.+
32 Garraamonni kana arganii ni gammadu.
Isin warri Waaqayyoon barbaaddattan, garaan keessan haa bayyanatu.
33 Sababiin isaas, Yihowaan isa hiyyeessa ni dhagaʼa,+Saba isaa isa boojiʼames hin tuffatu.+
34 Laftii fi samiin,Galaanonnii fi warri isaan keessa sochoʼan hundi isa haa jajatan.+
35 Sababiin isaas, Waaqayyo Xiyooniin ni oolcha,+Magaalota Yihudaas deebisee ni ijaara,Isaanis achi keessa ni jiraatu, ishiis* ni dhaalu.
36 Sanyiiwwan tajaajiltoota isaa ishii ni dhaalu,+Warri maqaa isaa jaallatanis+ ishii keessa ni jiraatu.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuu kootti waan dhufaniif.”
^ Ykn., “Warri sababa malee diinota koo taʼan.”
^ Ykn tarii, “Yommuun booʼee fi soometti.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Kal., “mammaaksa.”
^ Ykn., “boolli.”
^ Ykn., “Lubbuu kootti dhihaadhuutii ishii furi.”
^ Ykn., “ani abdii kutachuu jala gaʼeera.”
^ Ykn., “biqiltuu summaaʼaa.”
^ Kun gosa kiyyoo ti.
^ Ykn., “Buufanni isaanii inni dallaa dhagaa qabu.”
^ Ykn., “Kitaaba jireenyaa.”
^ Jechuunis, biyyattiis.