Faarfannaa 71:1-24
71 Yaa Yihowaa, ani sitti kooluu galeera.
Ani matumaa hin qaaneffamin.+
2 Qajeelummaa keetiin na oolchi, na baraaris.
Gurra kee natti qabi,* na oolchis.+
3 Ati dahoo qarsaa,Bakkan yeroo hunda itti seenuu dandaʼu naaf taʼi.
Kattaa koo fi dahoo koo waan taateef,+Na oolchuuf ajaja kenni.
4 Yaa Waaqa koo, harka isa hamaa irraa,Qabaa isa hamminaan hacuucu irraa na oolchi.+
5 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, abdiin koo suma;*Ijoollummaa kootii jalqabee sitti amanameera.+
6 Yeroon dhaladhee jalqabee sitti hirkadheera;Gadameessa haadha koo keessaa kan na baase siʼi.+
Yeroo hundumaa sin jajadha.
7 Namoota hedduudhaaf akka dinqii nan taʼe,Ati garuu iddoo cimaa ani kooluu itti galu dha.
8 Afaan koo si jajachuudhaan guutameera;+Guyyaa guutuu waaʼee simboo keetii nan dubbadha.
9 Bara dulluma kootti na hin gatin;+Yommuu humni koo dhumu na hin dhiisin.+
10 Diinonni koo na mormanii dubbatu,Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan waliin taʼanii,+
11 “Waaqayyo isa dhiiseera.
Kan isa oolchu tokko illee waan hin jirreef, ariʼaa isa qabaa” jedhanii na irratti mariʼatu.+
12 Yaa Waaqayyo, na irraa hin fagaatin.
Yaa Waaqa koo, na gargaaruuf ariifadhu.+
13 Warri na* mormanHaa qaanaʼan, haa badanis.+
Warri rakkina koo barbaadanQaanii fi salphina haa uffatan.+
14 Ani garuu si eeggachuu koo ittan fufa;Ittuma dabalee sin jajadha.
15 Afaan koo qajeelummaa kee ni dubbata;+Isaan hubannaa kootii* ol yoo taʼanis,+Guyyaa guutuu gochawwan fayyinaa kee nan dubbadha.
16 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,Ani dhufee waaʼee gochawwan kee warra jajjaboo nan dubbadha;Qajeelummaa kee, eeyyee, qajeelummaa isa kan keetii qofa nan odeessa.
17 Yaa Waaqayyo, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiisteetta,+Anis hamma yoonaatti hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan labsuu koo itti fufeera.+
18 Yaa Waaqayyo, yeroon dulloomuu fi yeroon harrii baasutti illee na hin dhiisin.+
Waaʼee humna* keetii dhaloota itti aanutti,Waaʼee guddina keetiis warra gara fuulduraatti dhufan hundumaatti nan hima.+
19 Yaa Waaqayyo, qajeelummaan kee ol gubbaa gaʼa;+Ati wantoota guguddaa raawwatteetta;Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu?+
20 Dhiphinaa fi rakkina hedduu akkan argu kan goote taʼus,+Deebisii na bayyanachiisi;Lafa* gad fagoo keessaa na baasi.+
21 Guddina koo dabali,Natti marsiitii na jajjabeessi.
22 Yaa Waaqa koo, anis amanamummaa keetiin kan kaʼe,+Meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin sin jajadha.
Yaa Isa Qulqulluu kan Israaʼel,Baganaadhaan faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*
23 Ati lubbuu koo waan oolchiteef,*+Yommuun faarfannaa galataa siif faarfadhu, afaan koo ni ililcha.+
24 Arrabni koo guyyaa guutuu waaʼee qajeelummaa keetii ni dubbata,*+Sababiin isaas, warri badiisa koo barbaadan ni qaanaʼu, ni salphatus.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
^ Ykn., “ati amanannaa koo ti.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Ykn., “lakkoofsaa.”
^ Kal., “irree.”
^ Ykn., “Bishaan.”
^ Ykn., “muuziqaa siif nan qopheessa.”
^ Ykn., “waan furteef.”
^ Ykn., “ni xiinxala.”