Faarfannaa 73:1-28
Faarfannaa Asaaf.+
73 Dhuguma iyyuu Waaqayyo Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.+
2 Ani garuu, miilli koo karaa irraa jalʼachuuf jedhee,Tarkaanfiin koos mucucaachuu jala gaʼee ture.+
3 Sababiin isaas, nagaa hamoonni qaban yommuun argu,+Warra of tuulanitti* hinaafeen ture.
4 Yommuu duʼuuf jedhan hin dhiphatan;Qaamni isaanii fayyaa dha.*+
5 Akka namoota kaaniitti hin rakkatan,+Akka warra kaaniittis hin dhiphatan.+
6 Kanaafuu, of tuulummaan amartii mormaa isaanii ti;+Hamminas akka uffataatti uffatu.
7 Badhaadhinni* isaanii ija isaanii dhiitesseera;Isaan wanta garaa isaaniitti yaadan caalaa qabu.
8 Namootatti ni qoosu, wantoota hamaas ni dubbatu.+
Warra kaan cunqursuuf of tuulummaadhaan doorsisu.+
9 Akkuma samiitti ol kaʼanii akka jiran dubbatu,Arrabni isaaniis of tuulummaadhaan lafa irra asii fi achi joora.
10 Kanaafuu, sabni isaa gara isaaniitti gora,Isaanis bishaan isaanii isa hedduu irraa ni dhugu.
11 “Waaqayyo akkamitti beeka?+
Inni Hundaa Olii dhuguma beekumsa qabaa?” jedhu.
12 Eeyyee, namoonni kun hamoota, warra yeroo hunda rakkina malee jiraatani dha.+
Isaan qabeenya isaanii ni baayʼifatu.+
13 Dhuguma iyyuu, garaa koo qulqulluu kanan godhe,Harka koos qulqullummaadhaan kanan dhiqadhe akkanumaan ture.+
14 Guyyaa guutuu nan rakkadhe;+Yeroo hundumaas ganama ganama nan adabame.+
15 Wantoota kana utuun dubbadheera taʼee,Silaa saba kee* nan ganan ture.
16 Kana hubachuuf yommuun yaalii godhetti,Na rakkisee ture;
17 Kunis, ani iddoo qulqulluu Waaqayyoo isa guddaatti seenee,Hamman egeree isaanii hubadhutti ture.
18 Ati dhugumaan lafa mucucaatu irra isaan dhaabbachiista.+
Kufanii akka badanis ni goota.+
19 Isaan hatattamaan balleeffamaniiru!+
Badiisa guddaa isaan irra gaʼeenis saffisaan dhumaniiru!
20 Yaa Yihowaa, akkuma abjuun yommuu dammaqan irraanfatamutti,Atis yommuu kaatu bifa isaanii ni balleessita.*
21 Haa taʼu malee, garaan koo hadhaaʼaa taʼeera,+Keessa koottis* dhukkubbii cimaan natti dhagaʼama.
22 Ani nama sirriitti hin yaannee fi hubannaan itti hirʼatun ture;Si durattis akka bineensa yaaduu hin dandeenyee taʼeen ture.
23 Amma garuu yeroo hunda sii wajjinan jira;Atis harka mirgaa koo qabatteetta.+
24 Gorsa keetiin na geggeessita,+Sana booda gara ulfinaatti na geessita.+
25 Samii keessaa eenyuunan qaba?
Lafa irrattis si malee homaa hin barbaadu.+
26 Qaamni koo fi garaan koo dadhabuu dandaʼu,Waaqayyo garuu qarsaa garaa kootii ti, bara baraafis qooda koo ti.+
27 Dhugumaan, warri si irraa fagaatan ni badu.
Atis nama addaggummaadhaan* si dhiisu kam iyyuu ni balleessita.*+
28 Gama kootiin garuu, Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha.+
Hojiiwwan isaa hundumaa akkan labsuuf,+Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa iddoon kooluu itti galu godhadheera.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “of jajanitti.”
^ Ykn., “Garaan isaanii coomeera.”
^ Kal., “Coomni.”
^ Kal., “dhaloota ilmaan keetii.”
^ Kal., “ni tuffatta.”
^ Kal., “Kaleewwan koo keessattis.”
^ Ykn., “amanamaa utuu hin taʼin hafuudhaan.”
^ Kal., “cal jechisiista.”