Faarfannaa 76:1-12

  • Injifannoo Waaqni diinota Xiyoon irratti argate

    • Waaqni garraamota ni oolcha (9)

    • Diinonni of tuulan gad qabamu (12)

Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Faarfannaa Asaaf.+ Faarfannaa. 76  Waaqayyo Yihudaa keessatti beekamaa dha;+Israaʼel keessattis maqaan isaa guddaa dha.+   Godoon isaa Saalem keessa,+Iddoon jireenyaa isaas Xiyoon keessa jira.+   Achitti inni xiyyawwan bobaʼan,Gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabseera.+ (Seelaa)   Ati akka gaariitti ni ibsita;*Ati gaarota adamoo caalaa ulfina qabeessa dha.   Warri onneen isaanii onnataa taʼe saamamaniiru.+ Isaan rafaniiru;Loltoonni hundi gargaarsa kan hin qabne taʼaniiru.+   Yaa Waaqa Yaaqoob, dheekkamsa keetiin kan kaʼe,Inni gaarii fardaa oofus taʼe fardichi hirriba cimaa rafaniiru.+   Si qofatu sodaachisaa dha.+ Eenyutu dheekkamsa kee isa guddaa dura dhaabbachuu dandaʼa?+   Ati samii irraa murtii dabarsiteetta;+Lafti sodaattee calluma jetteetti;+   Kunis kan taʼu, Waaqayyo garraamota lafa irra jiraatan hundumaa oolchuuf+Yommuu murtii kennuuf kaʼutti dha. (Seelaa) 10  Sababiin isaas, dheekkamsi namaa ati akka jajamtu godha;+Atis dheekkamsa isaanii isa hafeen of miidhagsita. 11  Waaqa keessan Yihowaadhaaf wareega wareegaa, wareega keessanis raawwadhaa,+Warri naannoo isaatti argamtan hundi sodaadhaan kennaa keessan fidaa.+ 12  Inni of tuulummaa* geggeessitootaa gad ni qaba;Mootota lafaa keessattis sodaa ni uuma.

Miiljaleewwan

Ykn., “Ati ifaan marfamteetta.”
Kal., “hafuura.”