Faarfannaa 79:1-13
Faarfannaa Asaaf.+
79 Yaa Waaqayyo, saboonni dhaala kee weeraraniiru;+Mana qulqullummaa kee isa qulqulluu xureessaniiru;+Yerusaalemiinis gara tuullaa dhagaatti jijjiiraniiru.+
2 Reeffa tajaajiltoota keetii nyaata godhanii simbirroota samiitiif,Foon warra siif amanamoo taʼaniis bineensota bosonaa lafa irra jiraniif kennaniiru.+
3 Dhiiga isaanii naannoo Yerusaalemitti akka bishaaniitti dhangalaasaniiru,Isaan awwaaluufis lubbuudhaan kan oole hin turre.+
4 Olloota keenya duratti warra arrabsaman taaneerra;+Namoonni naannoo keenyaa nutti qoosu, nutti kolfus.
5 Yaa Yihowaa, akka malee kan dheekkamtu hamma yoomiitti? Bara baraafii?+
Aariin kee akka ibiddaatti kan bobaʼu hoo hamma yoomiitti?+
6 Saboota si hin beekne irratti,Mootummoota maqaa kee hin waammanne irrattis dheekkamsa kee dhangalaasi.+
7 Sababiin isaas, isaan Yaaqoobiin nyaataniiru,Biyya isaas onsaniiru.+
8 Balleessaa abbootii keenyaatiif akka itti gaafatamnu hin godhin.+
Baayʼee waan gad qabamneef,Dafiitii gara laafina kee nutti argisiisi.+
9 Yaa Waaqa fayyinaa keenya,+Maqaa kee isa ulfina qabeessa taʼeef jedhiitii nu gargaari;Maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi, cubbuu keenyas nuuf dhiisi.*+
10 Saboonni, “Waaqni isaanii eessa jira?”+ maaliif jedhu?
Dhiiga tajaajiltoota keetii isa dhangalaʼeef haaloon akka baʼame,+Ijuma keenya duratti saboota gidduutti haa beekamu.
11 Inni hidhame yommuu aadu dhagaʼi.+
Warra duuti itti murteeffame* lubbuudhaan tursuuf* humna* kee isa guddaatti fayyadami.+
12 Yaa Yihowaa, arrabsoo isaan si arrabsaniif,+Olloota keenyaaf dachaa torba deebisi.+
13 Achiis nuti, sabni kee warri hoolota iddoo dheedichaa keetii taane,+Bara baraaf galata siif galchina;Dhalootaa hamma dhalootaattis jajamuu kee ni labsina.+
Miiljaleewwan
^ Kal., “haguugi.”
^ Kal., “Ilmaan duʼaa.”
^ Ykn tarii, “bilisa baasuuf.”
^ Kal., “irree.”