Faarfannaa 8:1-9
Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa Daawit.
8 Yaa Gooftaa keenya Yihowaa, guutummaa lafaa irratti maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha!
Ati simboon kee samiiwwan irra illee kan caalu akka taʼu gooteetta!*+
2 Diinota keetiin kan kaʼe,Dubbii afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa baʼuun+ jabina kee ni argisiiste;Kanas kan goote, namoota hamoo fi warra si morman cal jechisiisuufi.
3 Samiiwwan warra hojii quba keetii taʼan,Addeessaa fi urjiilee warra ati tolchite yommuun ilaalu,+
4 Akka isa yaadattuuf namni duʼu maali dha?
Akka isa kunuunsituufis ilmi namaa maali dha?+
5 Ati warra akka waaqaa taʼan* irra xinnuma isa xiqqeessite,Ulfinaa fi simboos isa gonfachiiste.
6 Hojiiwwan harka keetii irratti ol aantummaa isaaf ni kennite;+Wanta hundumaas miila isaa jala isaaf ni galchite.
7 Bushaayeewwanii fi loon hundumaa,Akkasumas bineensota bosonaa,+
8 Allaattiiwwan samii fi qurxummii galaanaa,Wanta daandiiwwan galaanotaa keessa darbu hundumaas miila isaa jala isaaf ni galchite.
9 Yaa Gooftaa keenya Yihowaa, guutummaa lafaa irratti maqaan kee akkam ulfina qabeessa dha!
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn tarii, “Ati isa ulfinni kee samiiwwanii olitti dubbatame dha.”
^ Ykn., “maleekota.”