Faarfannaa 82:1-8
Faarfannaa Asaaf.+
82 Waaqayyo iddoo walgaʼii isaa* keessa dhaabbata;+Waaqolii* gidduuttis akkana jedhee murtii kenna:+
2 “Isin murtii jalʼaa kennuu,+Hamootaafis looguu keessan hamma yoomiitti itti fuftu?+ (Seelaa)
3 Isa rakkataa fi isa abbaa hin qabneef falmaa.*+
Isa gargaarsa hin qabnee fi rakkina irra buʼeef haqaan murtii kennaa.+
4 Isa rakkataa fi isa hiyyeessa baraaraa;Harka hamootaa jalaas isaan oolchaa.”
5 Isaan hin beekan, hin hubatanis;+Dukkana keessa asii fi achi deemaa jiru;Hundeewwan lafaa hundi kirkiraa jiru.+
6 “Ani akkana nan jedhe: ‘Isin waaqolii dha,*+Hundi keessanis ilmaan Isa Hundaa Olii ti.
7 Taʼus akkuma namootaatti ni duutu;+Akkuma bulchaa kamii iyyuus ni kuftu!’”+
8 Yaa Waaqayyo, saboonni hundi kan kee waan taʼaniif,Kaʼi, lafaafis murtii kenni.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “yaaʼii Waaqayyoo.”
^ Ykn., “Warra akka waaqaa taʼan.”
^ Ykn., “murtii kennaa.”
^ Ykn., “akka waaqaa ti.”