Faarfannaa 87:1-7

  • Magaalaa Waaqa dhugaa kan taate Xiyoon

    • Warra Xiyoon keessatti dhalatan (4-6)

Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa. 87  Buʼuurri magaalaa isaa gaarota qulqulluu keessa jira.+   Yihowaan dunkaanota Yaaqoob hundumaa caalaaKarrawwan Xiyoon jaallata.+   Yaa magaalaa Waaqa dhugaa, waaʼee kee wantoonni dinqisiisoon dubbatamaa jiru.+ (Seelaa)   Rahaabii+ fi Baabiloniin warra na beekan* gidduutti nan lakkaaʼa;Filisxeemii fi Xiiros Kuushii wajjin kunoo as jiru. “Inni kun achitti kan dhalate dha” ni jedhama.   Waaʼee Xiyoonis,“Tokkoon tokkoon isaanii kan dhalatan ishii keessatti dha” ni jedhama. Inni Hundaa Oliis cimsee ishii ni dhaaba.   Yihowaan yommuu namoota galmeessu,“Inni kun achitti kan dhalate dha” jedhee ni labsa. (Seelaa)   Faarfattoonnii+ fi warri walitti marsanii shubbisan,+“Burqaawwan koo hundi si keessa jiru”*+ ni jedhu.

Miiljaleewwan

Ykn., “amananii fudhatan.”
Ykn., “Ati anaaf madda wantoota hundumaa ti.”