Faarfannaa 96:1-13
96 Yihowaadhaaf faarfannaa haaraa faarfadhaa.+
Guutummaan lafaa, Yihowaa faarfadhaa!+
2 Yihowaa faarfadhaa; maqaa isaa jajadhaa.
Guyyaa guyyaadhaan misiraachoo fayyisuu isaa labsaa.+
3 Ulfina isaa saboota gidduutti,Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoos namoota hundumaa gidduutti lallabaa.+
4 Yihowaan guddaa fi hunda caalaa jajamuun kan isaaf malu dha.
Inni waaqolii kaan hundumaa caalaa kan sodaatamu dha.
5 Waaqoliin sabootaa hundi waaqolii gatii hin qabne dha,+Yihowaan garuu isa samiiwwan tolche dha.+
6 Ulfinnii fi simboon isa dura jiru;+Jabinnii fi miidhaginni iddoo qulqulluu isaa keessa jiru.+
7 Isin maatiiwwan sabootaa, Yihowaadhaaf wanta isaaf malu kennaa,Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.+
8 Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa;+Kennaa fidaatii gara mooraawwan isaatti seenaa.
9 Uffata qulqullummaa uffadhaatii* Yihowaadhaaf sagadaa;*Guutummaan lafaa isa duratti romʼi!
10 Akkana jedhaatii saboota gidduutti labsaa: “Yihowaan Mootii taʼeera!+
Lafti* jabaattee hundeeffamteetti, iddoo ishiitii sochoʼuu* hin dandeessu.
Inni sabootaaf karaa sirrii taʼeen murtii kenna.”*+
11 Samiin haa gammadu, laftis haa ililchitu;Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi haa kakawweessaʼan;+
12 Dirreewwanii fi wantoonni isaan irratti argaman hundi haa gammadan.+
Mukeetiin bosonaa hundis haa ililchan,+
13 Inni waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan,Inni lafatti murteessuuf ni dhufa.
Inni addunyaa* irratti qajeelummaadhaan,Namoota irrattis amanamummaa isaatiin murtii ni kenna.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Yihowaa waaqeffadhaa.”
^ Ykn tarii, “Ulfina qulqullummaa isaatiin kan kaʼe.”
^ Ykn., “Lafti oomisha kennitu.”
^ Ykn., “gatantaruu.”
^ Ykn., “ni falma.”
^ Ykn., “waan dhufeef.”
^ Ykn., “lafa oomisha kennitu.”