Faarfannaa 97:1-12
97 Yihowaan Mootii taʼeera!+
Lafti haa gammaddu.+
Odolawwan hedduun haa ililchan.+
2 Duumessii fi duumessi gurraachi isatti marsanii jiru;+Buʼuurri teessoo isaa qajeelummaa fi haqa dha.+
3 Ibiddi isa dura deemee+Kallattii hundumaatiin diinota isaa ni nyaata.+
4 Ifni bakakkaa isaa lafti akka iftu godha;Lafti kana argitee ni hollatti.+
5 Gaaronni Yihowaa duratti,Gooftaa guutummaa lafaa duratti akkuma gagaa ni baqu.+
6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu,Namoonni hundis ulfina isaa ni argu.+
7 Warri fakkiiwwan bocaman akkamii iyyuu tajaajilan,+Warri waaqolii isaanii warra gatii hin qabneen boonan haa qaaneffaman.+
Isin waaqoliin hundi, isaaf sagadaa.*+
8 Xiyoon kana dhageessee ni gammaddi;+Yaa Yihowaa, murtiiwwan keetiin kan kaʼeMagaalonni* Yihudaa ililchaniiru.+
9 Yaa Yihowaa, ati guutummaa lafaa irratti Hundaa Oli;Waaqolii kaan hundumaa caalaa baayʼee ol qabamteetta.+
10 Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa.+
Inni lubbuu warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega;+Harka* hamootaa jalaas isaan ni oolcha.+
11 Ifni isa qajeelaadhaaf,Gammachuunis warra garaan isaanii qajeelaa taʼeef ni baʼe.+
12 Isin qajeelonni Yihowaatti gammadaa,Maqaa* isaa isa qulqulluudhaafis galata galchaa.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “isa waaqeffadhaa.”
^ Kal., “Ijoolleen durbaa.”
^ Ykn., “Humna.”
^ Kal., “Yaadannoo.”