Fakkeenya 11:1-31
11 Madaalliin sirrii hin taane* Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,Dhagaan madaallii sirrii taʼe* garuu isa gammachiisa.+
2 Yeroo of tuulummaan dhufu salphinnis ni dhufa,+Ogummaan garuu warra humna isaanii beekan biratti argama.+
3 Qajeelonni amanamummaan isaanii isaan qajeelcha,+Gantoonni garuu jalʼinni isaanii isaan balleessa.+
4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi* faayidaa hin qabu,+Qajeelummaan garuu duʼa irraa nama oolcha.+
5 Qajeelummaan nama balleessaa hin qabnee daandii isaa isaaf ni qajeelcha,Namni hamaan garuu hammina isaatiin ni kufa.+
6 Qajeelonni qajeelummaan isaanii isaan oolcha,+Gantoonni garuu hawwii ofii isaaniitiin ni qabamu.+
7 Namni hamaan yeroo duʼu abdiin isaa ni bada;Wanti inni humna isaatiin argachuuf eeggatus ni bada.+
8 Namni qajeelaan dhiphina irraa ni oola,Namni hamaan immoo bakka isaa ni buʼa.+
9 Namni gantuun* afaan isaatiin ollaa isaa irratti badiisa fida,Qajeelonni garuu beekumsaan ni oolu.+
10 Gaarummaan qajeelotaa magaalaan akka gammaddu godha,Namoonni hamoon yeroo badanis gammachuu guddaatu taʼa.+
11 Eebba qajeelotaatiin magaalaan ol ni qabamti,+Afaan hamootaa garuu ishii ni diiga.+
12 Namni hubannaa* hin qabne hundi ollaa isaa tuffata,Namni hubannaa dhugaa qabu garuu calluma jedha.+
13 Namni maqaa namaa balleessu iccitii baasaa asii fi achi deema,+Namni amanamaan* garuu iccitii eega.*
14 Qajeelfamni ogummaa irratti hundaaʼe hin jiru taanaan uummanni ni kufa,Gorsitoota hedduudhaan garuu milkaaʼinni* ni argama.+
15 Namni liqii nama ormaatiif wabii taʼu kam iyyuu miidhaan isa irra gaʼa,+Namni harka rukutuudhaan waadaa galuu irraa fagaatu* garuu nagaadhaan jiraata.
16 Dubartii gaariin* ulfina argatti,+Namoonni gara jabeeyyii taʼan garuu qabeenya horatu.
17 Namni garraamiin* ofii isaa ni fayyada,*+Namni gara jabeessi garuu rakkina* ofitti fida.+
18 Namni hamaan mindaa gowwoomsaa argata,+Namni qajeelummaa facaasu garuu badhaasa dhugaa argata.+
19 Namni ciminaan qajeelummaadhaaf dhaabbatu jireenya argata,+Namni wanta hamaa duukaa buʼu garuu ni duʼa.
20 Warri garaan isaanii jalʼaa taʼe Yihowaa duratti jibbisiisoo dha,+Warri karaa isaanii irratti balleessaa hin qabne garuu isa ni gammachiisu.+
21 Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼi:* Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu,+Ijoolleen qajeelotaa garuu ni oolu.
22 Dubartii bareedduun hubannaa tuffattu,Akkuma amartii warqii funyaan booyyee irra jiruu ti.
23 Hawwiin qajeelotaa gara gaariitti geessa,+Wanti hamoonni abdatan garuu gara aariitti geessa.
24 Namni tokko arjummaadhaan ni kenna,* dhuma irrattis wanta dabalataa ni argata,+Namni kan biraan immoo wanta kennamuu qabu ni dhowwata, garuu ni hiyyooma.+
25 Namni* arjaan ni badhaadha,*+Namni warra kaan dheebuu baasu* hundis ofii isaatiif dheebuu ni baʼa.+
26 Namoonni nama midhaan gurguruu didu ni abaaru,Nama midhaan gurguru garuu ni eebbisu.
27 Namni dhimmee wanta gaarii raawwatu gaarummaa argata,+Namni wanta hamaa barbaadu garuu wantuma sanatu isa irra gaʼa.+
28 Namni badhaadhina isaatti amanamu ni kufa,+Qajeelonni garuu akkuma baala lalisaatti ni lalisu.+
29 Namni maatii isaa irratti rakkina* fidu hundi bubbee dhaala,+Namni gowwaanis nama garaa ogeessa taʼe qabuuf tajaajilaa ni taʼa.
30 Firiin nama qajeelaa muka jireenyaa ti,+Namni lubbuu* boojiʼus ogeessa dha.+
31 Namni qajeelaan lafa irratti argamu dhugumaan gatii isaa kan argatu erga taʼee,Namni hamaanii fi namni cubbamaan hoo caalaatti gatii isaanii hin argatanii ree?+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “guutuu taʼe.”
^ Ykn., “nama gowwoomsu.”
^ Ykn., “wanti gatii guddaa qabu.”
^ Ykn., “Waaqa hin qabne.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Kal., “Namni hafuuraan amanamaa taʼe.”
^ Kal., “dhimma tokko ni dhoksa.”
^ Ykn., “fayyinni.”
^ Ykn., “waadaa galuu jibbu.”
^ Ykn., “Dubartiin namatti toltu.”
^ Ykn., “Namni jaalala amanamaa argisiisu.”
^ Ykn., “lubbuu isaatiif wanta gaarii godha.”
^ Ykn., “salphina.”
^ Kal., “Harki kan wal qabate taʼus.”
^ Kal., “ni bittinneessa.”
^ Ykn., “Lubbuun.”
^ Kal., “ni cooma.”
^ Kal., “tolaan bishaan obaasu.”
^ Ykn., “salphina.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.