Leewwota 11:1-47

  • Horiiwwan qulqulluu fi xuraaʼoo taʼan (1-47)

11  Achiis Yihowaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe:  “Akkana jedhaa Israaʼelotatti himaa: ‘Uumamawwan jiraatoon* lafa irraa isin nyaattan kanneen kana dha:+  Horiin kotteen isaa baqaqee lamatti hiramee fi alala guuru kam iyyuu nyaatamuu dandaʼa.  “‘Haa taʼu malee, horiiwwan alala guuran yookiin kotteen isaanii baqaqe kana hin nyaatinaa: gaalli alala kan guuru taʼus kotteen isaa baqaqaa miti. Inni isiniif xuraaʼaa dha.+  Osoleen+ alala kan guurtu taʼus kotteen ishii baqaqaa miti. Ishiin isiniif xurooftuu dha.  Illeettiin alala kan guurtu taʼus kotteen ishii baqaqaa miti. Ishiin isiniif xurooftuu dha.  Booyyeen+ kotteen isaa baqaqee lamatti kan hirame taʼus alala hin guuru. Inni isiniif xuraaʼaa dha.  Foon isaanii irraa isa kam iyyuu hin nyaatinaa yookiin raqa isaanii hin tuqinaa. Isaan isiniif xuraaʼoo dha.+  “‘Wantoota bishaan keessa jiran hundumaa keessaa kan nyaattan kanneen kana dha: Wantoota bishaan keessa, jechuunis galaana yookiin laga keessa jiran hundumaa keessaa warra baallee fi qola qaban nyaachuu dandeessu.+ 10  Haa taʼu malee, uumamawwan gareedhaan jiraatan dabalatee wantoonni galaana yookiin laga keessa jiraatanii fi baallee fi qola hin qabne hundi, isiniif jibbisiisoo dha. 11  Eeyyee, isaan isiniif wantoota jibbisiisoo dha; foon isaanii keessaa isa kam iyyuu hin nyaatinaa;+ raqa isaaniis jibbaa. 12  Wanta bishaan keessatti argamu keessaa baallee fi qola kan hin qabne kam iyyuu isiniif jibbisiisaa dha. 13  “‘Uumamawwan barrisan keessaa wantoonni jibbuu qabdanii fi jibbamoo waan taʼaniif nyaatamuu hin qabne kanneen kana dha: risaa,+ culullee qurxummii nyaatu, ruumicha gurraacha,+ 14  culullee diimtuu fi culullee gurraattii akaakuu hundumaa, 15  arraagessa akaakuu hundumaa, 16  guchii, hurunguu, simbirroo bishaanii, coroffee akaakuu hundumaa, 17  hurunguu xinnoo, haadha quufoo, hurunguu gurra dheeratu, 18  daakkiyyee guddoo, allaattii bishaanii, ruumicha, 19  allaattii awwaannisaa, haadha gaayyee akaakuu hundumaa, simbira guttiyyaa qabduu fi simbira halkanii. 20  Ilbiisonni baallee qabanii fi luka arfaniin deeman hundi isiniif jibbisiisoo dha. 21  “‘Ilbiisota baallee qabanii fi luka arfaniin deeman keessaa warra faana isaaniitii olitti lukti isaanii dadachaʼuu fi lafa irra utaalan qofa nyaadhaa. 22  Kanneen kana nyaachuu dandeessu: awwaannisa godaanu akaakuu garaa garaa, awwaannisa nyaatamu+ kan biraa, farda waaqayyoo fi kuruphisa. 23  Ilbiisonni baallee qabanii fi luka afuriin deeman kaan hundi isiniif jibbisiisoo dha. 24  Wantoonni kun isin xureessuu dandaʼu. Namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ 25  Namni raqa isaanii kaase kam iyyuu uffata isaa miiccuu qaba;+ inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 26  “‘Horiin kotteen isaa kan baqaqe taʼus lamatti hin hiramnee fi alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha. Namni isaan tuqu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa.+ 27  Uumamawwan miila arfaniin deeman keessaa uumamni jiraataan faana isaatiin deemu kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha. Namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 28  Namni raqa isaanii kaase kam iyyuu uffata isaa miiccuu qaba;+ inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ Isaan isiniif xuraaʼoo dha. 29  “‘Uumamawwan lafa irra yaaʼan keessaa kanneen kun isiniif xuraaʼoo dha: fuliyoo, hantuuta,+ loccuu akaakuu hundumaa, 30  lootuu, loccuu guddaa, loccuu bishaanii, loccuu cirrachaa fi gaararraa. 31  Uumamawwan lafa irra yaaʼan kun isiniif xuraaʼoo dha.+ Namni raqa isaanii tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ 32  “‘Miʼa mukaa, uffata, gogaa yookiin keeshaa dabalatee wanti raqni isaanii irra buʼe kam iyyuu xuraaʼaa taʼa. Miini faayidaa irra oolu kam iyyuu bishaan keessa liccifamuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa; sana booda qulqulluu taʼa. 33  Raqni isaanii qodaa suphee keessa yoo buʼe, qodaa sana caccabsaa; wanti achi keessa ture hundis xuraaʼaa taʼa.+ 34  Nyaanni bishaan miʼa sana keessa ture tuqe kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; wanti dhugamuu fi miʼa sana keessa ture kam iyyuu xuraaʼaa taʼa. 35  Wanti raqni isaanii irratti kufe kam iyyuu xuraaʼaa taʼa. Miini ibiddaa waa itti tolchanis taʼe wanti distiin irra kaaʼamu* haa caccabsamu. Isaan xuraaʼoo dha; isiniifis hamma dhumaatti xuraaʼoo taʼanii itti fufu. 36  Burqaa bishaanii fi boolla bishaanii bishaan itti kuufamu qofatu isiniif qulqulluu taʼee itti fufa; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu garuu xuraaʼaa taʼa. 37  Raqni isaanii sanyii facaafamu irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu dha. 38  Sanyicha irratti bishaan yoo naqamee fi raqni isaaniis achi irra yoo buʼe garuu, sanyiin sun isiniif xuraaʼaa taʼa. 39  “‘Horiin isin nyaattan yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ 40  Namni foon wanta duʼe sanaa nyaate kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+ Namni raqa isaa baate kam iyyuu uffata isaa haa miiccatu; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. 41  Uumamni lafa irra yaaʼu kam iyyuu jibbisiisaa dha.+ Inni nyaatamuu hin qabu. 42  Uumama garaa isaatiin loʼu kam iyyuu, uumama miila arfaniin deemu kam iyyuu yookiin uumamawwan miila hedduudhaan lafa irra yaaʼan kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan jibbisiisoo dha.+ 43  Uumamawwan lafa irra yaaʼan kana keessaa isa kam iyyuu nyaachuudhaan of* hin xureessinaa.+ 44  Ani Waaqa keessan Yihowaa dha;+ ani qulqulluu waanan taʼeef,+ isin of qulqulleessuu fi qulqulloota taʼuu qabdu.+ Kanaafuu, uumama lafa irra yaaʼu kamiin iyyuu of* hin xureessinaa. 45  Ani Yihowaa isa Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf biyya Gibxii keessaa geggeessee isin baase dha;+ ani qulqulluu waanan taʼeef,+ isinis qulqulloota taʼaa.+ 46  “‘Horiiwwan, uumamawwan barrisan, uumama* bishaan keessa sochoʼu hundumaa fi uumama* lafa irra yaaʼu hundumaa ilaalchisee seerri kenname kana dha; 47  kunis kan kenname, isa xuraaʼaa fi isa qulqulluu gidduu, akkasumas uumamawwan jiraatoo nyaatamuu dandaʼanii fi nyaatamuu hin dandeenye gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuufi.’”+

Miiljaleewwan

Ykn., “Horiiwwan.”
Jechuunis, wanta nyaata hoʼisuuf distiin irra kaaʼamu.
Ykn., “lubbuu keessan.”
Ykn., “lubbuu keessan.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “lubbuu.”