Leewwota 12:1-8

  • Sirna qulqullaaʼuu daʼumsa booda raawwatamu (1-8)

12  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe:  “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dubartiin takka ulfooftee dhiira yoo deesse, akkuma xuraaʼummaa yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa torbaaf kan xuroofte ni taati.+  Mucichis guyyaa saddeettaffaatti dhaqna haa qabamu.+  Ishiin guyyoota 33 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. Hamma guyyoota itti qulqullooftu sana xumurtuttis wanta qulqulluu akkamii iyyuu akka hin tuqne; gara iddoo qulqulluuttis akka hin seenne.  “‘Durba yoo deesse immoo, akkuma yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa 14f kan xuroofte taati. Guyyoota 66 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu.  Ishiin ilma yookiin intala deessee yeroon itti qulqullooftu yommuu xumuramutti, aarsaa gubamuuf+ akka taʼutti xobbaallaa hoolaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko, aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo gugee bosonaa yookiin cuucii gugee tokko gara balbala dunkaana walgaʼiitti gara lubichatti fiddi.  Innis Yihowaa duratti isa dhiheessee araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis dhiiga ishii isa dhangalaʼu irraa ni qulqulloofti. Seerri dubartii ilma yookiin intala deesse ilaalchisee kenname kana dha.  Ishiin hoolaa dhiheessuu hin dandeessu yoo taʼe garuu, gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama,+ isa tokko aarsaa gubamuuf isa tokko immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu; lubichis araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis qulqulluu taati.’”

Miiljaleewwan