Leewwota 22:1-33

  • Qulqullummaa lubummaa fi wantoota qulqulluu nyaachuu (1-16)

  • Aarsaawwan mudaa hin qabne qofatu fudhatama qabaata (17-33)

22  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe:  “Wantoota qulqulluu Israaʼelonni fidan akkaataa itti qaban irratti of eeggannoo akka godhan,* akkasumas wantoota anaaf qulqulleessanii wajjin haala wal qabateen+ maqaa koo isa qulqulluu akka hin xureessine+ Aaronii fi ilmaan isaatti himi. Ani Yihowaa dha.  Akkana isaaniin jedhi: ‘Guutummaa dhaloota keessanii keessatti sanyii keessan keessaa namni utuu xuraaʼee jiruu gara wantoota qulqulluu Israaʼelonni Yihowaadhaaf qulqulleessaniitti dhihaatu kam iyyuu ana duraa ni balleeffama.*+ Ani Yihowaa dha.  Sanyii Aaron keessaa namni dhukkuba nadaayii+ qabu yookiin namni dhangalaʼaan qaama isaa keessaa yaaʼu+ yookiin namni nama reeffaan* xuraaʼe tuqe+ yookiin namni sanyiin isaa dhangalaʼu,+ hamma qulqulluu taʼutti wantoota qulqulluu hin nyaatin;+  akkasumas namni uumama xuraaʼaa tuutaan yaaʼu tuqe+ yookiin namni nama sababii kamiin iyyuu xuraaʼee fi isa xureessuu dandaʼu tuqe,+ hamma qulqulluu taʼutti wantoota qulqulluu hin nyaatin.  Namni* wantoota kana keessaa isa kam iyyuu tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa; inni qaama isaa bishaaniin yoo dhiqachuu baate, wantoota qulqulluu keessaa isa kam iyyuu nyaachuu hin dandaʼu.+  Yommuu aduun lixxu inni qulqulluu ni taʼa; sana booda nyaata isaa waan taʼeef wantoota qulqulluu irraa nyaachuu dandaʼa.+  Kana malees, horii duʼee argame yookiin wanta bineensi bosonaa ciccire kam iyyuu nyaatee of hin xureessin.+ Ani Yihowaa dha.  “‘Isaan sababii kanaan cubbuu akka ofitti hin finnee fi isa xureessuu isaaniitiin akka hin duuneef, dirqama ani isaan irraa eegu haa raawwatan. Ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu dha. 10  “‘Namni isaaf hin heyyamamne* wanta qulqulluu kam iyyuu nyaachuu hin qabu.+ Namni biyya ormaa keessummaa luba tokkoo taʼe yookiin namni mindeeffamee hojjetu tokko wanta qulqulluu kam iyyuu nyaachuu hin qabu. 11  Lubni tokko maallaqa isaatiin nama* tokko yoo bitate garuu, namni sun isa irraa nyaachuu dandaʼa. Garboonni mana isaa keessatti dhalatanis nyaata isaa irraa nyaachuu dandaʼu.+ 12  Intalli luba tokkoo nama luba hin taanetti* yoo heerumte, ishiin buusii wantoota qulqulluu irraa nyaachuu hin dandeessu. 13  Haa taʼu malee, intalli luba tokkoo abbaan manaa yoo irraa duʼe yookiin abbaa manaa ishii wajjin yoo wal hiikte, akkasumas dhala hin qabdu yoo taʼee fi akkuma yeroo ijoollummaa ishiitti gara mana abbaa ishiitti yoo deebite, nyaata abbaa ishii irraa nyaachuu dandeessi;+ namni isaaf hin heyyamamne* garuu isa irraa nyaachuu hin dandaʼu. 14  “‘Namni tokko dogoggoraan wanta qulqulluu irraa yoo nyaate, inni harka shan keessaa harka tokko itti dabalee aarsaa qulqulluu sana lubichaaf haa kennu.+ 15  Isaan wantoota qulqulluu Israaʼelonni Yihowaadhaaf buusii godhan xureessuu hin qaban;+ 16  wantoota qulqulluu isaanii nyaatanii yakka raawwachuudhaanis adaba isaanitti fiduu hin qaban; ani Yihowaa isa isaan qulqulleessu dha.’” 17  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 18  “Akkana jedhii Aaronitti, ilmaan isaattii fi Israaʼelota hundumaatti dubbadhu: ‘Namni Israaʼel tokko yookiin namni biyya ormaa Israaʼel keessa jiraatu tokko wareega isaa raawwachuuf yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu+ dhiheessuuf aarsaa gubamu Yihowaadhaaf yoo dhiheesse,+ 19  inni fudhatama argachuuf, horii isaa keessaa jibicha mudaa hin qabne,+ hoolota xobbaallaa yookiin reʼoota haa dhiheessu. 20  Fudhatama waan isiniif hin argamsiisneef, wanta mudaa qabu akkamii iyyuu hin dhiheessinaa.+ 21  “‘Namni tokko wareega isaa raawwachuuf yookiin kennaa fedhiidhaan kennamu dhiheessuuf aarsaa gamtaa Yihowaadhaaf yoo dhiheesse,+ fudhatama akka argatuuf loon yookiin bushaayee isaa keessaa horii mudaa hin qabne haa dhiheessu. Mudaan akkamii iyyuu horii sana irratti argamuu hin qabu. 22  Horiin aarsaa taʼee dhihaatu kam iyyuu kan jaame, kan cabe, kan cite, akkasumas kormammuu, cittoo yookiin roobbii kan qabu taʼuu hin qabu; horii akkanaa keessaa isa kam iyyuu Yihowaadhaaf hin dhiheessinaa yookiin iddoo aarsaa Yihowaa irratti aarsaa hin godhinaa. 23  Jibicha yookiin hoolaa harki yookiin miilli isaa baayʼee dheeratu yookiin baayʼee gabaabbatu kennaa fedhiidhaan kennamu gootee dhiheessuu dandeessa; haa taʼu malee, horiin akkanaa kennaa wareegaa taʼee yoo dhihaate fudhatama hin argatu. 24  Horii cidhaan isaa miidhame yookiin tumame yookiin tarsaʼee baʼe yookiin cite Yihowaadhaaf hin dhiheessinaa; biyya keessan keessattis horii akkanaa hin dhiheessinaa. 25  Horiiwwan kun kan xuraaʼanii fi mudaa kan qaban waan taʼaniif, isin horiiwwan akkanaa keessaa isa kam iyyuu harka nama biyya ormaa irraa fuutanii nyaata Waaqayyoof dhihaatu gootanii hin dhiheessinaa. Isaan isiniif fudhatama hin argatan.’” 26  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 27  “Jibichi yookiin xobbaallaan hoolaa yookiin reʼeen tokko yommuu dhalatu guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin haa turu;+ guyyaa saddeettaffaa booda garuu aarsaa, jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu taʼee yoo dhihaate fudhatama ni argata. 28  Saʼa yookiin hoolaa tokko ilmoo ishii wajjin guyyaa tokkotti hin qalinaa.+ 29  “Yihowaadhaaf aarsaa galataa yoo dhiheessitan,+ karaa fudhatama isiniif argamsiisuun dhiheessaa. 30  Aarsaan sun guyyuma sanatti haa nyaatamu. Hamma ganamaatti isa irraa homaa hin hambisinaa.+ Ani Yihowaa dha. 31  “Ajajawwan koo eegaa; isaaniinis raawwadhaa.+ Ani Yihowaa dha. 32  Maqaa koo isa qulqulluu hin xureessinaa;+ ani Israaʼelota gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Ani Yihowaa isa isin qulqulleessu,+ 33  isa Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf biyya Gibxii keessaa isin baase dha.+ Ani Yihowaa dha.”

Miiljaleewwan

Kal., “irraa akka adda of baasan.”
Ykn., “ni ajjeefama.”
Ykn., “lubbuudhaan.”
Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “Ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “ormatti.”
Kal., “ormi,” jechuunis, namni maatii Aaron keessaa hin taane.