Leewwota 25:1-55

  • Waggaa Sanbataa (1-7)

  • Waggaa Iyyobeeliyyuu (8-22)

  • Qabeenya deebisuu (23-34)

  • Hiyyeeyyii kunuunsuu (35-38)

  • Seerawwan garbummaa (39-55)

25  Yihowaan itti fufuudhaan Gaara Siinaa irratti akkana jedhee Museetti dubbate:  “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Isin dhuma irratti gara biyya ani isiniif kennutti yommuu seentan,+ lafattiin Yihowaadhaaf sanbata ni kabajji.+  Waggaa jaʼaaf maasii kee irratti sanyii facaasi; waggaa jaʼaaf muka wayinii kee gondoli;* oomisha lafattiis sassaabbadhu.+  Waggaa torbaffaan garuu biyyattiidhaaf sanbata guutummaatti itti boqotamu, jechuunis sanbata Yihowaa haa taʼu. Maasii kee irratti sanyii hin facaasin yookiin muka wayinii kee hin gondolin.  Wanta midhaan sassaabame irraa hafee ofii isaatiin biqile hin haamin; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabin. Lafattiin waggaa guutummaatti itti boqottu haa qabaattu.  Haa taʼu malee, nyaata yeroo sanbata ishiitti biyyattii keessatti biqile nyaachuu ni dandeessu; ati, garboonnii fi garbittiiwwan kee, namoonni mindeeffamanii siif hojjetan, akkasumas namoonni biyya ormaa sii wajjin jiraatan isa nyaachuu ni dandeessu;  horiiwwan qeʼee fi bineensonni bosonaa biyya kee keessa jiranis isa nyaachuu ni dandaʼu. Oomishni lafattiin kennitu hundi nyaatamuu dandaʼa.  “‘Waggoota sanbataa torba, jechuunis waggoota torba baayʼisuu waggoota torba ni lakkoofta; waggoonni sanbataa torba walumaa galatti waggoota 49 ni taʼu.  Achiis jiʼa torbaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti sagalee isaa guddistee xurumbaa* afuufta; Guyyaa Araaraattis+ sagaleen xurumbaa guutummaa biyya kee keessatti akka dhagaʼamu ni goota. 10  Waggaa 50ffaa sana qulqulleessaa; biyyattii keessattis jiraattota biyyattii hundumaatiif bilisummaa labsaa.+ Innis Iyyobeeliyyuu isiniif ni taʼa; tokkoon tokkoon keessan gara qabeenya keessaniitti, tokkoon tokkoon keessan gara maatii keessaniitti deebitu.+ 11  Waggaa 50ffaan sun isiniif Iyyobeeliyyuu ni taʼa. Sanyii hin facaastan yookiin wanta midhaan hafe irraa ofii isaatiin biqile hin haammattan; wayinii muka wayinii hin gondolamne irra jirus hin sassaabbattan.+ 12  Sababiin isaas, kun Iyyobeeliyyuu dha. Inni isiniif qulqulluu haa taʼu. Oomisha lafattiin ofiin argamsiistu qofa nyaachuu dandeessu.+ 13  “‘Waggaa Iyyobeeliyyuu kanatti tokkoon tokkoon keessan gara qabeenya keessaniitti deebiʼaa.+ 14  Nama tokkotti wanta akkamii iyyuu yoo gurgurtan yookiin isa irraa yoo bittan, wal hin saaminaa.+ 15  Baayʼina waggoota Iyyobeeliyyuu booda jiranii tilmaama keessa galchuudhaan nama tokko irraa biti; innis baayʼina waggoota oomishaa hafanii tilmaama keessa galchee sitti haa gurguru.+ 16  Inni sitti gurguraa kan jiru lakkoofsa waggoota oomishni irraa galfamuun waan taʼeef, waggoonni hafan hedduu yoo taʼan gatii gurgurtaa isaa haa dabalu; waggoonni hafan muraasa yoo taʼan immoo gatii gurgurtaa isaa haa hirʼisu. 17  Isin keessaa eenyu iyyuu nama kan biraa hin saamin;+ Waaqa keessan sodaadhaa;+ ani Waaqa keessan Yihowaa dha.+ 18  Dambiiwwan koo hojii irra yoo oolchitanii fi heerawwan koo yoo eegdan tasgabbiidhaan biyyattii keessa ni jiraattu.+ 19  Biyyattiin firii ishii ni kenniti;+ isinis nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis achi ni jiraattu.+ 20  “‘Taʼus, “Sanyii hin facaafannu yookiin midhaan hin sassaabbannu taanaan, waggaa torbaffaatti maal nyaanna?”+ kan jettan yoo taʼe, 21  ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan ajaja; lafattiinis midhaan waggaa sadiif gaʼu ni kenniti.+ 22  Achiis waggaa saddeettaffaatti sanyii ni facaastu; hamma waggaa saglaffaattis midhaan isa duraanii irraa ni nyaattu. Midhaan kun hamma gaʼutti, midhaan isa duraanii irraa ni nyaattu. 23  “‘Lafti kan koo waan taʼeef,+ lafti yeroo hundumaatiif gurguramuu hin qabu.+ Isin anaaf namoota biyya ormaa fi qubattoota dha.+ 24  Guutummaa lafa keessanii isa qabeenya keessan taʼe keessatti, namni lafa isaa gurgure tokko laficha deebisee bitachuuf mirga akka qabaatu godhaa. 25  “‘Obboleessi kee yoo hiyyoomee fi lafa isaa irraa muraasa isaa yoo gurgure, firri dhihoo isaa inni furu sun dhufee wanta obboleessi isaa gurgure deebisee haa bitu.+ 26  Namni tokko kan isa furu qabaachuu baatus, sooromee wanta ittiin deebisee bitatu yoo argate, 27  gatii midhaanii isa waggoota yeroo laficha itti gurgure booda jiranitti argame shallaguudhaan, gatii jalqaba ittiin gurgure sana irraa hirʼisee nama itti gurgure sanaaf haa kaffalu. Achiis lafa isaatti deebiʼuu dandaʼa.+ 28  “‘Lafa sana deebifachuuf wanta barbaachisu yoo dhabe garuu, wanti inni gurgure sun hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti kan namicha isa bitate sanaa ni taʼa;+ waggaa Iyyobeeliyyuutti isaaf ni deebifama; innis gara lafa isaatti deebiʼa.+ 29  “‘Namni tokko mana magaalaa dallaa dhagaa qabdu keessatti argamu yoo gurgure, yeroo gurgurtaan isaa itti xumuramu irraa jalqabee hamma dhuma waggichaatti mirgi inni deebisee bitachuuf qabu+ itti fufa; inni waggaa tokko keessatti deebisee bitachuuf mirga ni qabaata. 30  Manichi waggaan tokko guutuun xumuramuu isaa dura deebifamee yoo bitamuu baate garuu, manni magaalaa dallaa qabdu keessa jiru sun namicha bite sanaaf guutummaa dhaloota isaatiif dhaala dhaabbataa ni taʼa. Manichi waggaa Iyyobeeliyyuutti hin deebifamu. 31  Manneen gandeen dallaa dhagaa hin qabne keessa jiran garuu, akka kutaa maasii baadiyyaa keessatti argamuutti haa ilaalaman. Mirgi mana akkanaa deebisanii bituuf kenname itti haa fufu; manichi waggaa Iyyobeeliyyuutti haa deebifamu. 32  “‘Manneen Leewwonni magaalaa isaanii keessatti qaban+ ilaalchisee garuu, Leewwonni deebisanii isaan bitachuuf yeroo hundumaa mirga ni qabaatu. 33  Qabeenyi Leewwotaa deebifamee yoo bitamuu baate, manni isaanii inni magaalaa keessa jiruu fi inni gurgurame waggaa Iyyobeeliyyuutti isaaniif ni deebiʼa;+ sababiin isaas, manneen magaalota Leewwotaa keessa jiran Israaʼelota gidduutti qabeenya isaanii ti.+ 34  Kana malees, lafti dheedichaa+ magaalota isaaniitti marsee jiru dhaala isaanii isa dhaabbataa waan taʼeef gurguramuu hin dandaʼu. 35  “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko yoo hiyyoomee fi of gargaaruu yoo dadhabe, inni sii wajjin lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti fufuuf, akkuma nama biyya ormaa fi qubataadhaaf+ gootu isas gargaaruu qabda.+ 36  Isa irraa dhala yookiin buʼaa* hin fudhatin.+ Waaqa kee sodaadhu;+ obboleessi kees lubbuudhaan sii wajjin ni jiraata. 37  Maallaqa kee dhalaan isaaf hin liqeessin+ yookiin nyaata yommuu isaaf kennitu buʼaa isa hin gaafatin. 38  Ani Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Kanaʼaan isiniif kennuuf, akkasumas Waaqa keessan taʼuu koo mirkaneessuuf+ biyya Gibxiitii isin baase sana dha.+ 39  “‘Obboleessi kee sitti dhihoo jiraatu tokko hiyyoomee yoo sitti of gurgure,+ hojii garbummaa akka siif hojjetu isa hin dirqisiisin.+ 40  Inni akkuma hojjetaa mindeeffamee hojjetuutti,+ akkasumas akka qubataatti haa ilaalamu. Hamma waggaa Iyyobeeliyyuuttis si haa tajaajilu. 41  Achiis ijoollee* isaa wajjin si biraa deemee maatii isaatti deebiʼa. Qabeenya abbootii isaattis haa deebiʼu.+ 42  Sababiin isaas, isaan garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baase dha.+ Isaan akka garbi tokko gurguramutti of gurguruu hin qaban. 43  Isa hin cunqursin;+ Waaqa kees sodaadhu.+ 44  Garboonni yookiin garbittiiwwan kee saboota naannoo kee jiran keessaa kan dhufan haa taʼan; isin isaan keessaa garbicha yookiin garbittii bitachuu ni dandeessu. 45  Kana malees, qubattoota biyya ormaa isinii wajjin jiraatanii+ fi maatiiwwan isaanii warra biyya keessan keessatti isaaniif dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan ni taʼu. 46  Isin ilmaan keessan akka dhaala dhaabbataatti akka isaan dhaalaniif, garboota sana dhaalaan isaanitti dabarsuu dandeessu. Israaʼelota warra obboloota keessan taʼan hojjechiifachuu kan dandeessan taʼus isaan cunqursuu hin qabdan.+ 47  “‘Haa taʼu malee, namni biyya ormaa yookiin qubataan si gidduu jiraatu sooressa yoo taʼee fi obboleessi kee inni isaa wajjin jiraatu immoo hiyyoomee nama biyya ormaatti yookiin qubataa si gidduu jiraatu sanatti yookiin miseensa maatii nama biyya ormaa taʼe tokkootti of gurguruuf yoo dirqame, 48  inni erga of gurguree booda deebisee bitamuuf yeroo hundumaa mirga ni qabaata. Obboloota isaa keessaa tokko deebisee isa bituu ni dandaʼa;+ 49  wasiilli isaa yookiin ilmi wasiila isaa yookiin maatii isaa keessaa namni fira dhihoo* isaa taʼe kam iyyuu deebisee isa bituu dandaʼa. “‘Yookiin yoo soorome, innumti iyyuu deebisee of bituu dandaʼa.+ 50  Inni yeroo waggaa itti isaaf of gurgure irraa jalqabee hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti+ jiru namicha isa bite sanaa wajjin haa shallagu; maallaqni itti gurgurame sunis baayʼina waggoota sanaa wajjin wal qixa ni taʼa.+ Guyyoonni hojii yeroo gurguramee turetti inni itti hojjete gatii hojjetaa mindeeffamee hojjetu tokkootiin isaaf ni shallagamu.+ 51  Waggoonni hedduun hafaniiru yoo taʼe, inni deebisee of bituuf, maallaqa waggoota hafan sanaa haa deebisu. 52  Hamma waggaa Iyyobeeliyyuutti waggoota muraasa qofatu isa hafe yoo taʼe garuu, inni ofii isaatiif shallagee waggoota hafan sanaaf gatii deebisee ittiin bitamu haa kaffalu. 53  Inni waggaa waggaadhaan akka hojjetaa mindeeffamee hojjetuutti isa tajaajiluu isaa itti haa fufu; atis gooftaan isaa akka isa hin cunqursine toʼadhu.+ 54  Karaa kanaan deebisee of bituu hin dandaʼu yoo taʼe garuu, ijoollee* isaa wajjin waggaa Iyyobeeliyyuutti bilisa ni baʼa.+ 55  “‘Kun kan taʼu, Israaʼelonni garboota koo waan taʼaniifi. Isaan garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baase dha.+ Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.

Miiljaleewwan

Gondoluu jechuun damee mukaa dulloome irraa muruu jechuu dha.
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “haraaxaa.”
Kal., “ilmaan.”
Ykn., “fira dhiigaa.”
Kal., “ilmaan.”