Leewwota 8:1-36

  • Sanyii Aaron lubummaadhaaf muuduu (1-36)

8  Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe:  “Aaronii fi ilmaan isaa,+ uffatawwan sana,+ zayitii dibataa,+ jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu, korbeeyyii hoolaa lamaanii fi guuboo maxinoo sana fudhadhuutii+  guutummaan yaaʼichaa balbala dunkaana walgaʼii irratti akka walitti qabamu godhi.”  Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajaje godhe; yaaʼiin sunis balbala dunkaana walgaʼii irratti walitti qabame.  Museenis yaaʼii sanaan, “Yihowaan akkana akka goonu nu ajajeera” jedhe.  Kanaafuu, Museen Aaronii fi ilmaan isaa dhiheessee bishaaniin isaan dhiqe.+  Sana booda uffata dheeraa+ sana isatti uwwise; sabbatichas isatti hidhe;+ qoloo sana isatti uwwise;+ efuudichas isa irra kaaʼee+ iddoo isaatii akka hin sochooneef sabbata efuudichaa isa dhaʼame sanaan ni hidhe.+  Kiisii qomaa+ sana isa irra ni kaaʼe; Uuriimii fi Tuumiimii+ sanas kiisii qomaa sana keessa kaaʼe.  Achiis akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti marata mataa+ sana mataa isaa irra ni kaaʼe; marata mataa sana fuulduraanis warqii diriiraa calaqqisu, jechuunis mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu*+ ni kaaʼe. 10  Museenis zayitii dibataa fuudhee godoo qulqulluu sanaa fi wanta achi keessa jiru hundumaa ni dibe,+ ni qulqulleesses. 11  Sana booda isaan qulqulleessuuf zayitii dibataa sana iddoo aarsaa irratti siʼa torba ni facaase; iddoo aarsaa sanaa fi miʼawwan isaa hundumaa, akkasumas miʼa bishaanii fi wanta inni irra taaʼus ni dibe. 12  Dhuma irratti zayitii dibataa sana irraa muraasa isaa mataa Aaron irratti dhangalaase; isa qulqulleessuufis isa dibe.+ 13  Achiis akkuma Yihowaan isa ajajetti Museen ilmaan Aaron dhiheessee uffata dheeraa sana isaanitti uwwise; sabbata isaanitti hidhe; akkasumas marata mataa isaan irra kaaʼe.*+ 14  Achiis jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaatu sanaa irra ni kaaʼan.+ 15  Museenis isa qalee dhiiga+ isaa irraa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa kallattii hundumaatiin argaman sana ni dibe; iddoo aarsaa sanas cubbuu irraa ni qulqulleesse; dhiiga isa hafe garuu iddoo aarsaa jalatti dhangalaase; akka kanaan achi irratti araarri akka argamuuf iddoo aarsaa sana qulqulleesse. 16  Sana booda Museen cooma marʼimaan irra jiru hundumaa, cooma tiruu irra jiru, kaleewwan lamaanii fi cooma isaanii fuudhee iddoo aarsaa irratti akka aaran godhe.+ 17  Achiis Museen akkuma Yihowaan isa ajajetti qaama jibicha sanaa isa hafe, gogaa isaa, foon isaa fi cumaa isaa buufatichaa alatti ibiddaan ni gube.+ 18  Korbeessa hoolaa aarsaa gubamuuf dhihaatu sanas ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa sanaa irra ni kaaʼan.+ 19  Achiis Museen isa qalee dhiiga isaa cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase. 20  Museen korbeessa hoolaa sana buusaa buusaa isaatti kukkutee mataan isaa, buusaawwan isaa fi moorri isaa* akka aaru godhe. 21  Achiis marʼimaan isaa fi luka isaa bishaaniin dhiqee korbeessi hoolaa sun guutummaatti iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe. Kun aarsaa gubamu isa urgaan isaa gammachiisu* dha. Kun akkuma Yihowaan Musee ajajee turetti aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu dha. 22  Achiis korbeessa hoolaa isa lammaffaa, jechuunis korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu+ sana ni fide; Aaronii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa korbeessa hoolaa sanaa irra ni kaaʼan.+ 23  Museenis isa ni qale; dhiiga isaa irraas muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa Aaron, abgudduu harka mirgaa isaa fi abgudduu miila mirgaa isaa ni dibe. 24  Achiis Museen ilmaan Aaron gara fuulduraatti ni dhiheesse; dhiiga sana irraas muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa isaanii, abgudduu harka mirgaa isaanii fi abgudduu miila mirgaa isaanii ni dibe; dhiiga isa hafe garuu cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti facaase.+ 25  Achiis cooma sana, duboo sana, cooma marʼimaan irra jiru hundumaa, cooma tiruu irra jiru, kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, akkasumas luka mirgaa ni fuudhe.+ 26  Achiis guuboo maxinoo isa Yihowaa dura jiru sana keessaa, maxinoo bifa amartiitiin tolfame+ tokko, maxinoo bifa amartiitiin tolfamee fi zayitiidhaan jiidhe+ tokko, akkasumas maxinoo haphii tokko ni baase. Achiis cooma sanaa fi luka mirgaa sana irra isaan kaaʼe. 27  Hunduma isaaniis barruu Aaronii fi barruu ilmaan isaa irra kaaʼee, Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheessuuf asii fi achi isaan sochoosuu jalqabe. 28  Achiis Museen harka isaanii irraa fuudhee iddoo aarsaa irratti, aarsaa isa gubamuu olitti akka aaran godhe. Kanneen kun aarsaa muudamaa isa urgaan isaa gammachiisu* turan. Kun aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu ture. 29  Achiis Museen handaraafa sana fuudhee asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheesse.+ Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti dhihaatu sana irraa handaraafni isaa gaʼee Musee ni taʼe.+ 30  Achiis Museen zayitii dibataa+ sanaa fi dhiiga iddoo aarsaa irra jiru sana irraa muraasa fuudhee Aaronii fi uffata isaa irratti, akkasumas ilmaan isaa fi uffata ilmaan isaa warra isaa wajjin turan irratti ni facaase. Akka kanaan Aaronii fi uffata isaa, akkasumas ilmaan isaa+ fi uffata isaanii ni qulqulleesse.+ 31  Achiis Museen Aaronii fi ilmaan isaatiin akkana jedhe: “Foonicha balbala dunkaana walgaʼii irratti affeelaa;+ akkuman, ‘Aaronii fi ilmaan isaa isa ni nyaatu’ jedhamee ajajamettis foonicha maxinoo isa guuboo muudamaa keessa jiruu wajjin achumatti ni nyaattu.+ 32  Foonichaa fi maxinoo sana irraa wanta hafe ibiddaan ni gubdu.+ 33  Luboota godhanii isin muuduuf* guyyaa torba waan fudhatuuf, hamma guyyaan muudamaa keessan xumuramutti guyyaa torbaaf balbala dunkaana walgaʼii sana dura turaa.+ 34  Isiniif araara argamsiisuuf+ wanta harʼa goone kana akka raawwannu Yihowaan ajajeera. 35  Isin guyyaa torbaaf halkanii fi guyyaa balbala dunkaana walgaʼii dura turaa;+ akka hin duuneefis dirqama Yihowaan isin irraa eegu raawwadhaa;+ sababiin isaas, ani kana ajajameera.” 36  Aaronii fi ilmaan isaas wanta Yihowaan karaa Musee ajaje hundumaa ni raawwatan.

Miiljaleewwan

Ykn., “gonfoo qulqulluu.”
Ykn., “isaanitti ni mare.”
Ykn., “coomni kaleetti marsee jiru.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Ykn., “garaa ciibsu; qabbaneessu.” Kal., “boqochiisu.”
Kal., “harka keessan guutuuf.”