Leewwota 9:1-24

  • Aaron aarsaawwan ni dhiheessa (1-24)

9  Guyyaa saddeettaffaatti+ Museen Aaronii fi ilmaan isaa, akkasumas jaarsolii Israaʼel ni waame.  Achiis Aaroniin akkana jedhe: “Ofii keetiif aarsaa cubbuutiif+ jabbii mudaa hin qabne tokko, aarsaa gubamuufis korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko fuudhiitii Yihowaa duratti isaan dhiheessi.  Israaʼelotaan garuu akkana jedhi: ‘Aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko, aarsaa gubamuufis jabbii fi xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼanii fi mudaa hin qabne tokko tokko fuudhaa;  Yihowaa duratti aarsaa isaan gochuuf aarsaawwan gamtaatiif+ qotiyyoo tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko, akkasumas aarsaa midhaanii+ zayitiidhaan makame fuudhaa; sababiin isaas, Yihowaan harʼa isinitti ni mulʼata.’”+  Kanaafuu, isaan wanta Museen isaan ajaje dunkaana walgaʼii duratti ni fidan. Achiis guutummaan yaaʼichaa gara fuulduraatti dhihaatee Yihowaa dura dhaabbate.  Museenis, “Ulfinni Yihowaa akka isinitti mulʼatuuf,+ wanti Yihowaan akka gootan isin ajaje kana dha” isaaniin jedhe.  Sana booda Museen Aaroniin, “Iddoo aarsaatti dhihaadhu; achiis aarsaa cubbuu+ fi aarsaa gubamu dhiheessiitii ofii keetiif,+ akkasumas mana keetiif araara argamsiisi; sana booda immoo aarsaa sabichaa dhiheessiitii+ araara isaaniif argamsiisi;+ kanas akkuma Yihowaan ajajetti raawwadhu” jedhe.  Aaronis yeruma sana gara iddoo aarsaatti dhihaatee jabbii aarsaa cubbuu isaatiif dhihaatu sana ni qale.+  Ilmaan Aaronis dhiigicha gara isaatti fidan;+ innis quba isaa dhiiga sana keessa cuuphee gaanfota iddoo aarsaa dibe; dhiiga isa hafe immoo iddoo aarsaa jalatti dhangalaase.+ 10  Inni akkuma Yihowaan Musee ajajetti, horii aarsaa cubbuutiif dhihaate sana irraa cooma, kaleewwanii fi cooma tiruu irra jiru fuudhee iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.+ 11  Foonii fi gogaa isaa garuu buufatichaa alatti ibiddaan ni gube.+ 12  Achiis horii aarsaa gubamuu sana ni qale; ilmaan Aaronis dhiigicha isatti kennan; innis cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti isa facaase.+ 13  Horii aarsaa gubamuu isa buusaa buusaatti kukkutame sana mataa isaa wajjin isatti ni kennan; innis iddoo aarsaa irratti akka aaran godhe. 14  Kana malees, marʼimaan isaa fi miila isaa ni dhiqe; achiis iddoo aarsaa irratti, aarsaa gubamu sana gubbaatti akka aaran godhe. 15  Achiis aarsaa sabichaa ni dhiheesse; reʼee isa aarsaa cubbuu sabichaatiif dhihaatu sana fuudhee ni qale; isas akkuma isa jalqabaatti aarsaa cubbuu godhee dhiheesse. 16  Horii aarsaa gubamuu sana erga fidee boodas akkuma yeroo hundumaa godhamutti isa dhiheesse.+ 17  Achiis, aarsaa gubamu isa ganama ganama dhihaatu+ malees, aarsaa midhaanii sana ni dhiheesse;+ isa irraas harka isaa guutee fudhachuudhaan iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe. 18  Sana booda qotiyyoo fi korbeessa hoolaa aarsaa gamtaa sabichaatiif dhihaatan sana ni qale. Ilmaan Aaronis dhiigicha isatti ni kennan; innis cinaa iddoo aarsaa sanaa hundumaa irratti isa facaase.+ 19  Isaanis cooma qotiyyoo,+ duboo korbeessa hoolaa, cooma miʼawwan garaa uwwise, kaleewwanii fi cooma tiruu irra jiru fuudhanii,+ 20  cooma sana hundumaa handaraafa horiiwwan sanaa irra ni kaaʼan; innis coomni sun iddoo aarsaa irratti akka aaru godhe.+ 21  Handaraafa sanaa fi luka mirgaa sana garuu Aaron akkuma Museen ajajametti asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti aarsaa sochoofamu godhee dhiheesse.+ 22  Achiis Aaron harka isaa gara sabichaatti ol kaasee isaan eebbise;+ aarsaa cubbuu, aarsaa gubamuu fi aarsaawwan gamtaa erga dhiheessee boodas iddoo aarsaa sana irraa gad ni buʼe. 23  Dhuma irrattis Musee fi Aaron gara dunkaana walgaʼichaatti seenanii achii erga baʼanii booda sabicha eebbisan.+ Yeroo kanatti ulfinni Yihowaa guutummaa sabichaatti ni mulʼate;+ 24  achiis ibiddi Yihowaa biraa baʼee+ aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra jiru sana nyaachuu jalqabe. Guutummaan sabichaas yommuu kana argan gammachuudhaan iyyuu jalqaban; achiis adda isaaniitiin lafatti gombifaman.+

Miiljaleewwan