Wangeela Luqaas 20:1-47
20 Gaaf tokko Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisaa fi misiraachoo lallabaa jiruu, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa maanguddootaa wajjin dhufanii,
2 “Nutti himi, aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin aangoo kana kan sii kenne eenyu?”+ isaan jedhan.
3 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha; isinis naa deebisaa:
4 Cuuphaan Yohaannis samii irraa moo nama biraa dhufe?”*
5 Isaanis akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha.
6 ‘Nama biraa ti’ yoo jenne garuu, namoonni hundi Yohaannisiin raajii taʼuu isaa waan amananiif+ dhagaadhaan nu tumu.”
7 Kanaafuu, isaan madda isaa akka hin beekne dubbatan.
8 Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
9 Achiis fakkeenya kana namoota sanatti dubbachuu jalqabe: “Namichi tokko wayinii+ dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee yeroo dheeraadhaaf gara biyya fagoo tokko dhaqe.+
10 Waqtiin isaa yommuu gaʼu, firii wayinichaa keessaa muraasa akka isaaf kennan garbicha tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, erga isa reebanii booda harka duwwaa isa ariʼan.+
11 Inni ammas garbicha kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu isa kanas reebanii, salphisanii harka duwwaa ariʼan.
12 Ammas garbicha isa sadaffaa erge; isa kana immoo erga madeessanii booda gad isa darbatan.
13 Yeroo kanatti abbaan wayinichaa, ‘Maal gochuu naa wayya? Ilma koo isa jaallatamaa+ nan erga. Tarii isa ni kabaju taʼa’ jedhe.
14 Qonnaan bultoonni sunis yommuu isa argan, ‘Dhaaltichi isa kana. Dhaalli isaa kan keenya akka taʼuuf, kottaa, isa ajjeesna!’ waliin jedhan.
15 Kanaafuu, isaan maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha?
16 Inni dhufee qonnaan bultoota sana ajjeesa; maasii wayinii isaas namoota kan birootti kennata.”
Isaan yommuu kana dhagaʼan, “Kun matumaa hin taʼin!” jedhan.
17 Yesuus garuu gara isaanii ilaalaa akkana jedhe: “Maarree, ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe’+ jedhamee inni barreeffame maal jechuu dha?
18 Namni dhagaa kana irratti kufu hundi ni caccaba.+ Namni dhagichi isa irratti kufu kam iyyuu ni hurraaʼa.”
19 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa fi dura buutonni lubootaa fakkeenya kana kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe waan hubataniif, yeruma sana isa qabuu barbaadan; taʼus, namoota sana sodaatan.+
20 Xiyyeeffannaadhaan isa hordofaa erga turanii booda, wanta inni dubbatuun kiyyootti isa galchuuf namoota qajeeloo fakkaatanii itti dhihaatan dhoksaadhaan itti bitanii isatti ergan;+ kanas kan godhan, mootummaa fi aangoo bulchaa biyyattiitti dabarsanii isa kennuuf ture.
21 Isaanis akkana jedhanii isa gaafatan: “Barsiisaa, ati wanta sirrii taʼe akka dubbattuu fi akka barsiistu, akka hin loogne, kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistu beekna.
22 Qeesaariif gibira kaffaluun keenya sirrii dha moo sirrii miti?”
23 Inni garuu haxxummaa isaanii beekee,
24 “Mee dinaaree* tokko natti argisiisaa. Fakkiinii fi barreeffamni as irra jiru kan eenyuu ti?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhan.
25 Innis, “Egaa, wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif,+ wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa”+ isaaniin jedhe.
26 Isaan namoota duratti dubbii isaatiin kiyyoo keessa isa galchuu hin dandeenye; kanaa mannaa, deebii isaa dinqisiifatanii calluma jedhan.
27 Haa taʼu malee, Saduuqota warra duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan+ keessaa tokko tokko dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+
28 “Barsiisaa, Museen, ‘Obboleessi nama tokkoo utuu dhala hin godhatin haadha manaa isaa dhiisee yoo duʼe, obboleessi isaa ishii fuudhee inni sanyii akka qabaatu haa godhu’+ jedhee nuu barreesseera.
29 Obbolaan torba jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe.
30 Kanaafuu, inni lammaffaan,
31 achiis inni sadaffaan ishii fuudhan. Akka kanaan torban isaanii iyyuu ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan.
32 Dhuma irrattis dubartittiin ni duute.
33 Kanaafuu, torban isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti haadha manaa isa kamii taati?”
34 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Ijoolleen sirna* kanaa ni fuudhu, ni heerumus;
35 warri sirna sana argachuu fi duʼaa kaʼuun isaaniif malu garuu hin fuudhan, hin heerumanis.+
36 Isaan akka maleekotaa waan taʼaniif sana booda duʼuu hin dandaʼan; ijoollee duʼaa kaʼuu waan taʼaniifis ijoollee Waaqayyoo ti.
37 Warri duʼan akka duʼaa kaʼan garuu, Museen iyyuu seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu keessatti, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’+ jedhee Yihowaa* waamuudhaan ifa godheera.
38 Hundi isaanii isaaf* jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.”+
39 Yeroo kanatti barsiisota seeraa keessaa tokko tokko, “Barsiisaa, dhugaa jette” jedhan.
40 Isaan sana booda gaaffii tokko illee isa gaafachuuf hin onnanne.
41 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Namoonni akkamitti Kiristoosiin ilma Daawit jedhu?+
42 Daawit kitaaba Faarfannaa keessatti akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti
43 mirga koo taaʼi”+ jedheera.’
44 Kanaafuu, Daawit Gooftaa jedhee isa waameera; maarree, inni akkamitti ilma isaa taʼa?”
45 Achiis utuma namoonni sun hundi isa dhagaʼanii barattoota isaatiin akkana jedhe:
46 “Barsiisota seeraa irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii naannaʼuu fi iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu jaallatu; mana sagadaa keessatti fuuldura,* affeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu;+
47 mana* dubartoota abbaan manaa irraa duʼee ni onsu; argisiifachuuf* jedhaniis kadhannaa isaanii dheeressu. Isaan warra kaan caalaa adabamu.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “madde.”
^ Kal., “mataa golee.”
^ Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “akka ilaalcha isaatti.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “bakka hunda irra caalu.”
^ Ykn., “qabeenya.”
^ Ykn., “fakkeessuuf.”