Uumama 21:1-34

  • Yisihaaq ni dhalate (1-7)

  • Ishmaaʼel Yisihaaqitti qoose (8, 9)

  • Aggaarii fi Ishmaaʼel ni ariʼaman (10-21)

  • Kakuu Abrahaam Abimelekii wajjin gale (22-34)

21  Yihowaan akkuma jedhee turetti Saaraa ni yaadate; Yihowaan wanta waadaa galee ture Saaraadhaaf ni raawwate.+  Kanaafuu, Saaraan ni ulfoofte;+ akkuma Waaqayyo waadaa isaaf galee turetti, yeroo murteeffame sanatti, bara dulluma isaatti Abrahaamiif ilma ni deesse.+  Abrahaam ilma Saaraan isaaf deesse sana maqaa isaa Yisihaaq jedhee moggaase.+  Abrahaam akkuma Waaqayyo isa ajajee turetti, yommuu ilmi isaa Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeet taʼutti dhaqna isa qabe.+  Abrahaam ilmi isaa Yisihaaq yommuu isaaf dhalatetti umuriin isaa waggaa 100 ture.  Achiis Saaraan, “Waaqayyo akkan kolfu na godheera; namni kana dhagaʼe hundis anaa wajjin ni kolfa”* jette.  Itti dabaluudhaanis, “Namni Abrahaamiin, ‘Saaraan dhugumaan ijoollee ni hoosisti’ jedhu jira turee? Taʼus, bara dulluma isaatti ani isaaf ilma daʼeera” jette.  Mucichis guddatee harma guʼe; guyyaa Yisihaaq harma guʼettis Abrahaam affeerraa guddaa qopheesse.  Saaraan garuu ilmi Aggaar+ ishiin nama Gibxii Abrahaamiif deesse sun Yisihaaqitti akka qoosu ni argiti turte.+ 10  Kanaafuu Saaraan Abrahaamiin, “Ilmi garbittii tanaa ilma koo Yisihaaqii wajjin dhaaluu waan hin qabneef, garbittii tanaa fi ilma ishii ariʼi!” jette.+ 11  Taʼus wanti ishiin ilma isaa ilaalchisee dubbatte Abrahaamiin baayʼee gaddisiise.+ 12  Achiis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Mucichaa fi garbittii tee ilaalchisee wanta Saaraan siin jechaa jirtutti hin gaddin. Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa waan taʼeef,+ wanta ishiin siin jettu* dhagaʼi. 13  Ilmi garbittii sanaa+ sanyii kee waan taʼeef, ani isa keessaas sabni akka baʼu nan godha.”+ 14  Kanaafuu, Abrahaam ganama bariidhaan kaʼee daabboo fi qalqalloo bishaanii fuudhee Aggaariif kenne. Wantoota kanas gateettii ishii irra kaaʼee mucichaa wajjin ishii geggeesse.+ Ishiinis bakka sanaa deemtee lafa onaa Ber Sheebaa+ keessa asii fi achi joorte. 15  Dhuma irrattis bishaan qalqalloo sana keessa ture ni dhume; ishiinis mucicha tusii tokko jalatti gatte. 16  Ishiin, “Yommuu mucichi duʼu ilaaluu hin barbaadu” jettee, hamma darbannaa xiyya tokkoo fagaattee deemtee kophaa ishii teesse. Kanaafuu, isa irraa fagaattee teessee, sagalee ishii ol kaastee iyyuu fi booʼuu jalqabde. 17  Yeroo kanatti Waaqayyo sagalee mucichaa ni dhagaʼe;+ maleekaan Waaqayyoos samii keessaa Aggaariin waamee akkana ishiidhaan jedhe:+ “Yaa Aggaar, maal taate? Waaqayyo bakka mucichi jiru irraa sagalee isaa waan dhagaʼeef hin sodaatin. 18  Saba guddaa waanan isa godhuuf,+ kaʼi, mucicha kaasiitii harka keetiin cimsii isa qabi.” 19  Achiis Waaqayyo ija ishii ni bane; ishiinis boolla bishaanii tokko argite; deemtees qalqalloo sanatti bishaan guuttee mucicha obaaste. 20  Waaqayyo mucichaa wajjin ture;+ innis ni guddate. Lafa onaa keessa ni jiraate; nama xiyya darbatus ni taʼe. 21  Inni lafa onaa Phaaraan+ keessa jiraachuu jalqabe; haati isaas biyya Gibxiitii haadha manaa isaaf fidde. 22  Yeroo kanatti Abimelek ajajaa raayyaa waraanaa isaa Fikoolii wajjin taʼuudhaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Wanta gootu hundumaa irratti Waaqayyo sii wajjin jira.+ 23  Kanaafuu, amma ana, ijoollee koo fi sanyii koo akka hin gowwoomsine, akkasumas anaa fi biyya keessa jiraachaa jirtuuf jaalala amanamaa ani sitti argisiise akka argisiistu maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhu.”+ 24  Abrahaamis, “Tole, nan kakadha” jedhe. 25  Haa taʼu malee, Abrahaam boolla bishaanii isa tajaajiltoonni Abimelek humnaan fudhatan sana ilaalchisee komii qabu Abimelekitti hime.+ 26  Abimelekis, “Kana kan godhe eenyu akka taʼe ani hin beeku; atis waaʼee kanaa anatti hin himne; hamma harʼaatti ani waaʼee kanaa waan tokko illee hin dhageenye” jedhee isaaf deebise. 27  Yeroo kanatti Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abimelekiif kenne; lamaan isaaniis kakuu waliif galan. 28  Abrahaam hoolota goromtii torba bushaayee isaa keessaa yommuu addaan foʼutti, 29  Abimelek Abrahaamiin, “Hoolota goromtii torban kana warra kaan irraa addaan kan foote maaliifi?” jedhe. 30  Abrahaamis, “Ani boolla bishaanii kana akkan qote ragaa akka taʼuuf hoolota goromtii torban kana ana harkaa fudhadhu” isaan jedhe. 31  Lamaan isaanii iyyuu bakka sanatti waan waliif kakataniif, inni iddoo sana Ber Sheebaa* jedhee moggaase.+ 32  Akka kanaan, isaan Ber Sheebaatti kakuu waliif ni galan;+ sana booda Abimelek ajajaa raayyaa waraanaa isaa Fikoolii wajjin ni kaʼe; isaanis gara biyya Filisxeemotaatti+ deebiʼan. 33  Sana booda Abrahaam Ber Sheebaatti muka taamaariskii tokko ni dhaabe; bakka sanattis maqaa Yihowaa+ isa Waaqa bara baraa+ taʼe ni waammate. 34  Abrahaamis biyya Filisxeemotaa keessa yeroo dheeraadhaaf* jiraate.*+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “anatti ni kolfa.”
Kal., “sagalee ishii.”
Tarii, “Bishaan Boollaa Kakuu; Bishaan Boollaa kan Torbaa” jechuu dha.
Kal., “guyyoota hedduu.”
Ykn., “nama biyya ormaa taʼee yeroo dheeraadhaaf ni jiraate.”