Zakkaariyaas 1:1-21

  • Waamicha gara Yihowaatti akka deebiʼan dhihaate (1-6)

    • “Gara kootti deebiʼaa, anis gara keessanitti nan deebiʼa” (3)

  • Mulʼata 1: Abbootii fardaa mukeetii hadaasii gidduu dhaabbatan (7-17)

    • “Yihowaan ammas Xiyooniin ni jajjabeessa” (17)

  • Mulʼata 2: Gaanfota afurii fi ogeeyyii harkaa afur (18-21)

1  Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti,+ waggicha keessaas jiʼa saddeettaffaatti, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas* raajichaa+ ilma Berekiyaa, ilma Idoo ni dhufe:  “Yihowaan abbootii keessanitti akka malee dheekkameera.+  “Wanta ani Yihowaan Gooftaan Raayyaa jedhe kana isaanitti himi: ‘Ani Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti. Gara kootti deebiʼaa, anis gara keessanitti nan deebiʼa.’+ Wantoota kana isinitti dubbachaa kan jiru ana Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.”  “‘Isin akka abbootii keessanii warra raajonni durii, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Maaloo, daandii keessan isa hamaa fi gocha keessan isa hamaa irraa deebiʼaa’+ jedhanii itti himan sanaa hin taʼinaa.”’ “‘Isaan garuu hin dhageenye, xiyyeeffannaadhaanis na hin dhaggeeffanne’+ jedha Yihowaan.  “‘Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonni keessan hoo bara baraaf jiraataniiruu?  Haa taʼu malee, dubbiin koo fi labsiin koo inni ani tajaajiltoota koo warra raajota taʼan ajaje abbootii keessan irratti hin raawwatamnee?’+ Kanaafuu isaan gara kootti deebiʼanii, ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkuma murteessee turetti+ akka daandii keenyaattii fi akka hojii keenyaatti nuuf deebiseera’ jedhan.”  Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa Sheebaat* isa jiʼa 11ffaa taʼetti,+ jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Idoo ni dhufe:  “Anis halkan mulʼata nan arge. Namichi farda diimaa gulufu tokko jira ture; innis hallayyaa keessa mukeetii hadaasii* gidduu dhaabbatee ture; duuba isaatiinis fardi diimaan, fardi boorrii fi fardi adiin jiru turan.”  Kanaafuu, “Yaa gooftaa koo, kanneen kun eenyu faʼi?” jedheen gaafadhe. Maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sunis, “Kanneen kun eenyufaa akka taʼan sitti nan argisiisa” jedhee naaf deebise. 10  Yeroo kanatti namichi inni mukeetii hadaasii gidduu dhaabbatee ture sun, “Kanneen kun warra lafa irra akka deddeebiʼaniif Yihowaan erge dha” jedhe. 11  Isaanis maleekaa Yihowaa isa mukeetii hadaasii gidduu dhaabbatee ture sanaan, “Nuti lafa irra deddeebineerra; kunoo, guutummaan lafaas tasgabbii kan qabduu fi kan hin jeeqamne dha”+ jedhan. 12  Kanaafuu, maleekaan Yihowaa, “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, hamma yoomiitti Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa+ warra waggaa 70f itti dheekkamtetti gara laafina argisiisuu dhiista?”+ jedhe. 13  Yihowaanis jechoota gaarii fi nama jajjabeessanitti fayyadamee maleekaa isa anaa wajjin dubbachaa ture sanaaf deebii ni kenne. 14  Achiis maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun akkana naan jedhe: “Akkana jedhii labsi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ani hinaaffaa guddaadhaan Yerusaalemii fi Xiyooniif hinaafeera.+ 15  Ani saboota warra dhiphina malee jiraatan irratti dheekkamsa guddaa nan dheekkama;+ sababiin isaas, yeroo ani dheekkamsa xinnoo dheekkametti+ isaan rakkina dabalataa isaan irratti geessisaniiru.”’+ 16  “Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘“Ani gara laafinaan gara Yerusaalemitti nan deebiʼa,+ manni koos ishii keessatti ni ijaarama”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa, “wadaroon safaraas Yerusaalem irra ni diriirfama.”’+ 17  “Ammas irra deebiʼiitii akkana jedhii labsi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Magaalonni koo ammas deebiʼanii wanta gaariidhaan ni guutamu; Yihowaan ammas Xiyooniin ni jajjabeessa;+ Yerusaalemiinis deebisee ni filata.”’”+ 18  Achiis ol jedhee yommuun ilaalu gaanfota afur nan arge.+ 19  Kanaafuu, maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Kanneen kun maali dha?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kanneen kun gaanfota warra Yihudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemiin bittinneessanii turani dha”+ jedhee deebise. 20  Achiis Yihowaan ogeeyyii harkaa afur natti argisiise. 21  Anis, “Kanneen kun maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kanneen kun gaanfota namni tokko illee mataa isaa ol qabachuu hamma hin dandeenyetti Yihudaa bittinneessanii turani dha. Kanneen kun immoo isaan sodaachisuuf, gaanfota sabootaa warra ishii bittinneessuuf gaanfota isaanii biyya Yihudaa irratti kaasan sana gatuuf ni dhufu” jedhe.

Miiljaleewwan

“Yihowaan ni Yaadate” jechuu dha.
Biqiltuu baalli isaa cululuquu fi abaaboo adii urgaaʼu qabu.