Poornoogiraafiirraa Fagaachuu Kanan Qabu Maaliifi?
BOQONNAA 33
Poornoogiraafiirraa Fagaachuu Kanan Qabu Maaliifi?
Poornoogiraafiin akka tasaa si mudatee beekaa?
□ Matumaa
□ Darbee darbee
□ Yeroo baayʼee
Yeroo baayʼee kan si mudatu yoomi?
□ Intarneetii yeroon fayyadamu
□ Mana barumsaatti
□ Televizyinii yeroon ilaalu
□ Kan biraa
Maal goota?
□ Dafeen irraa garagala.
□ Maal akka fakkaatu beekuuf xinnoo nan ilaala.
□ Ilaaluu koo ittan fufa, dabalataan ilaaluufillee nan yaala.
WARRI kee umurii keerra yeroo turanitti namoonni poornoogiraafii ilaaluuf fedhii qaban barbaaddachuu qabu turan. Yeroo harʼaatti garuu kan si barbaadu poornoogiraafiidha. Shamarreen waggaa 19 takka akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko weebsaayitii garaagaraa yeroon fayyadamu ykn yeroon intarneetiidhaan waa bituu fi herrega baankii koo ilaalu akkuma tasaa poornoogiraafiin na mudata.” Haalli akkasii yeroo baayʼee nama mudata. Qorannaan tokko akka argisiisutti ijoollee waggaa 8 fi 16 gidduutti argaman keessaa dhibbeentaa 90 kan taʼan yeroo baayʼee hoji manee yeroo hojjetan poornoogiraafiin akka isaan mudatu dubbataniiru.
Poornoogiraafiin baayʼee waan babalʼateef tarii, ‘Poornoogiraafiin dhuguma miidhaa qabaa?’ jettee yaadda taʼa. Eeyyee, miidhaa qaba. Poornoogiraafiin namoota irratti hirmaatanis taʼe warra ilaalan ni salphisa; yeroo baayʼee halalummaa raawwachuutti geessa. Miidhaa kanarra caalus qaba.
Poornoogiraafii ilaaluun barsiifata namatti taʼuudhaan miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namichi Jeef jedhamu araada poornoogiraafiirraa bilisa erga baʼee waggaa 14 boodallee akkana jedheera: “Guyyaa guyyaadhaan qabsaaʼuu gaafata. Fedhiin ilaaluuf qabu baayʼee xinnaatus ammayyuu jira. Ammayyuu ilaaluuf nan qorama. Fakkiiwwan sun ammayyuu sammuu koo keessaa hin banne. Wanta jibbisiisaa kana utuun ilaaluu jalqabuu baadhee natti tola ture. Jalqabarratti miidhaa waan qabu hin fakkaatu ture. Amma garuu miidhaa akka qabu beeka. Poornoogiraafiin miidhaa kan geessisuu fi jibbisiisaadha; namoota qopheessanis taʼe namoota ilaalan ni salphisa. Namoonni gocha kana deeggaran maaliyyuu yoo jedhan poornoogiraafiin faayidaa tokkollee hin qabu.”
Haala Si Saaxilu Gamaaggamuu
Poornoogiraafiin akka tasaallee akka si hin mudanne of eeggachuu kan dandeessu akkamitti? Jalqaba, haala si saaxilu gamaaggami. Wantoonni poornoogiraafiidhaaf si saaxilan maalfaʼi? Fakkeenyota armaan gadii ilaali:
Ijoolleen si wajjin baratan tokko tokko poornoogiraafii sii erguu dandaʼuu? Taanaan, ergaa isaanii utuu hin banin balleessuun kee gaariidha.
Intarneetii yeroo fayyadamtu jechoonni barbaaduuf barreessitu tokko tokko poornoogiraafii sitti fiduu? Kana beekuun kee jechoota barbaaduuf barreessitu of eeggannoodhaan akka filattu si gargaaruu dandaʼa.
Haalawwan poornoogiraafiidhaaf si saaxilan gaditti barreessi.
․․․․․
Haalawwan kanaaf si saaxilan hirʼisuuf ykn hambisuuf wanti gochuu dandeessu jiraa? Taanaan, wanta gochuu yaadde gaditti barreessi.
․․․․․
Araada Sitti Taʼeera Yoo Taʼe
Poornoogiraafiidhaaf akka tasaa saaxilamuunii fi taʼe jedhanii ilaaluun garaagarummaa qaba. Barsiifata yoo sitti taʼehoo maal gochuu qabda? Barsiifata kana dhiisuun salphaa akka
taʼetti hin yaadin. Fakkeenyaaf, harki kee kirrii tokkoon walitti hidhame haa jennu. Kirrii sana harka kee walirraa butuudhaan salphaatti kutuu dandeessa. Kirriin sun harka keetti yeroo baayʼee yoo xaxamehoo? Ofirraa kutuun caalaatti ulfaata. Namoonni poornoogiraafii ilaaluun barsiifata isaanitti taʼes akkasuma. Hammuma irra deddeebiʼanii ilaalan keessaa baʼuun caalaatti isaanitti ulfaachaa deema. Haalli akkasii si mudateera taanaan ilaaluu dhiisuu kan dandeessu akkamitti?Poornoogiraafiin baayʼee gadhee taʼuu isaa hubadhu. Poornoogiraafiin meeshaa Seexanni wanta Yihowaan ulfina qabeessa godhee uume mancaasuuf itti fayyadamudha. Kana hubachuun kee ‘wanta hamaa jibbuuf’ si gargaara.—Faarfannaa 97:10.
Miidhaa isaarratti yaadi. Poornoogiraafiin gaaʼela mancaasa. Namoota irratti hirmaatanis taʼe namoota ilaalan ni salphisa. Kitaabni Qulqulluun, Fakkeenya 22:3) Poornoogiraafii ilaaluun barsiifata sitti taʼeera yoo taʼe miidhaa sirraan gaʼu tokko gaditti barreessi.
“Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa” kan jedhu kanaafi. (․․․․․
Waadaa ofiif gali. Iyyoob inni nama amanamaa taʼe, “Ani ija koo wajjin kakuu galeera. Akkamittan durbaaf xiyyeeffannaa sirrii hin taane kenna ree?” jedheera. (Iyyoob 31:1) Waadaawwan ofiif galuu dandeessu tokko tokko gaditti ibsamaniiru.
Kophaa koo yeroon taʼu intarneetii hin fayyadamu.
Intarneetiirratti wanti fedhii saalaa kakaasu yeroo na mudatu dafeen cufa.
Deebiʼee yoon ilaale nama bilchina qabu tokkon haasofsiisa.
Barsiifata poornoogiraafii injifachuuf waadaa ofiif galuu dandeessu tokko ykn lama yaaduu dandeessaa? Taanaan, gaditti barreessi.
․․․․․
Faarfannaa 119:37) Yihowaan akka milkooftu barbaada; cimina wanta sirrii taʼe gochuuf si barbaachisus siif kenna.—Filiphisiyus 4:13.
Kadhadhu. Faarfatichi, “Wanta gatii hin qabne ilaaluu irraa ija koo deebisi” jedhee Yihowaa kadhateera. (Nama tokko haasofsiisi. Tarkaanfii barbaachisaan barsiifata kana dhiisuuf si gargaaru tokko nama waaʼee kanaa mariisistu filachuudha. (Fakkeenya 17:17) Maqaa nama bilchina qabuu fi waaʼee kanaa mariisisuun sitti salphatu tokkoo gaditti barreessi.
․․․․․
Qabsoo barsiifata poornoogiraafii injifachuuf gooturratti milkaaʼina argachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi. Yeroo poornoogiraafiirraa fagaattu hundatti injifannoo guddaa argachaa jirta. Injifannoo argatte kana Yihowaatti himi, cimina siif kenneefis isa galateeffadhu. Poornoogiraafii isa miidhaa guddaa geessisurraa yeroo fagaattu hundumaatti garaa Yihowaa akka gammachiistu yaadadhu!—Fakkeenya 27:11.
CAQASA IJOO
“Kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha.”—Qolosaayis 3:5.
GORSA GAARII
Kompiitarri kee weebsaayitiiwwan poornoogiraafii kan ittisu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Liinkii namoota hin beeknerraa siif ergamu banuurraas of qusadhu.
KANA BEEKTAA?
Barsiifata poornoogiraafii ilaaluu qabaachuun fedhii saalqunnamtii hafuuronni hamoon bara Nohitti argisiisan wajjin wal fakkaata.—Uumama 6:2.
WANTAN GOCHUU YAADE
Poornoogiraafiin tasa akka na hin mudanneef akkanan godha
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Poornoogiraafiin wanta kabajamaa taʼe kan salphisu akkamitti?
● Obboleessi ykn obboleettiin kee rakkina poornoogiraafii wajjin wal qabatu yoo qabaatan isaan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 278rra jiru]
“Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo dura qoricha sammuu hadoochuu fi ciccimaa taʼe hundumaa baayʼiseen fudhadha ture. Araada hundumaa keessaa dhiisuun baayʼee kan natti ulfaate garuu poornoogiraafii ilaaluudha. Rakkina kana keessaa baʼuu kanan dandaʼe gargaarsa Yihowaatiin qofadha.”—Jeef
[Fakkii fuula 276rra jiru]
Miidhaan poornoogiraafiin geessisu hammuma ilaalaa deemtu dabalaa deema; ilaaluu kee yeroo itti fuftu dhiisuun caalaatti sitti ulfaata