Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 35

Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Jeremiin Waaqayyo wajjin michummaa uumuun faayidaa akka qabu haala gaddisiisaa isarra gaʼerraa barate. Akkana jedheera: “Umuriin koo waggaa 12 yeroo taʼu abbaan koo nu dhiisee deeme. Gaaf tokko galgala Yihowaan abbaan koo akka deebiʼu akka godhu cimseen kadhadhe.”

Jeremiin yeroo baayʼee gaddee ture kanatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabe. Faarfannaa 10:14 yeroo dubbisu baayʼee tuqame. Caqasichi waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Inni nama gaddisiisu gara keetti garagala; ati mucaa abbaa hin qabne ni gargaarta” jedha. Jeremiin akkana jedheera: “Yihowaan na haasofsiisaa akka jiruu fi gargaaraa koo taʼuu isaa natti himaa akka jiru natti dhagaʼame; inni Abbaa naaf taʼeera. Abbaan isa caalu jiraa?”

HAALLI Jeremii mudate si mudatus si mudachuu baatus Kitaabni Qulqulluun Yihowaan michuu isaa akka taatu kan barbaadu taʼuu isaa dubbata. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedha. (Yaaqoob 4:8) Mee yaadi, Yihowaan ijaan isa arguu baattus, akkasumas karaa kamiiniyyuu hiriyaa kee taʼuu baatus michuu isaa akka taatu si affeeraa jira.

Taʼus michuu Waaqayyoo taʼuuf carraaqqii gochuu qabda. Fakkeenyaaf, mana keetii biqiltuu yoo qabaatte biqiltuun sun ofuma isaatiin akka hin guddanne beekta. Biqiltuun sun akka dagaagu yoo barbaadde yeroo hunda bishaan obaasuu fi bakka mijataa guddachuu itti dandaʼu kaaʼuu qabda. Waaqayyo wajjin michummaa uumuu wajjin haala wal qabateenis akkasuma. Michummaan akkasii akka guddatu gochuu kan dandeessu akkamitti?

Qoʼannaan Barbaachisaadha

Namoonni lama michummaa uumuuf wal dhaggeeffachuu fi waliin haasaʼuu qabu. Michummaa Waaqayyo wajjin qabnurrattis kun barbaachisaadha. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuun karaa itti Waaqayyoon dhaggeeffannudha.—Faarfannaa 1:2, 3.

Tarii qoʼachuu hin jaallattu taʼa. Dargaggoonni hedduun televizyinii ilaaluu, geemii taphachuu ykn hiriyoota isaanii wajjin yeroo dabarsuu filatu. Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde garuu karaan qaxxaamuraa hin jiru. Dubbii isaa qoʼachuudhaan isa dhagaʼuu qabda.

Garuu hin yaaddaʼin. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun baʼaa sitti taʼuu hin qabu. Uumamaan dubbisuu akka hin jaallanne yoo sitti dhagaʼamellee qoʼachuun akka si gammachiisu gochuu ni dandeessa. Wanti gochuun si barbaachisu inni jalqabaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif yeroo ramaduudha. Shamarreen Laayiis jedhamtu, “Sagantaan itti dubbisu qaba. Yeroo hunda ganama yeroon hirribaa kaʼu jalqaba Kitaaba Qulqulluurraa boqonnaa tokkon dubbisa” jetteetti. Shamarreen waggaa 15 Maariyaa jedhamtummoo sagantaa kanarraa adda taʼe qabdi. “Yeroo hunda galgala rafuu koo dura Kitaaba Qulqulluurraa yaada muraasan dubbisa” jetteetti.

Sagantaa qoʼannaa dhuunfaa keetii baafachuuf  saanduqa fuula 292 irratti argamu ilaali. Achiis yeroo itti daqiiqaa 30f Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu dandeessu gaditti barreessi.

․․․․․

Sagantaa baafachuun jalqabbii qofadha. Qoʼachuu erga jalqabdee booda Kitaaba Qulqulluu dubbisuun yeroo hunda salphaa akka hin taane hubachuun kee hin oolu. Akkuma mucaa waggaa 11 Jezireel jedhamuu sitti dhagaʼama taʼa; “Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko xiyyeeffannaa guddaa barbaadu, dubbisuuf kan nama kakaasanis miti” jechuudhaan ifatti dubbateera. Akkas sitti dhagaʼama taanaan abdii hin kutatin. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun yeroo itti Yihowaa isa michuu kee taʼe haasofsiistu akka taʼetti ilaali. Gammachuun qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keerraa argattu carraaqqii ati gooturratti hundaaʼa.

Kadhannaan Barbaachisaadha

Kadhannaan karaa itti Waaqayyoon haasofsiisnudha. Kadhannaan kennaa akkamii akka taʼe mee yaadi! Guyyaas taʼe galgala yeroo kamittiyyuu Waaqayyoon kadhachuu ni dandeessa. Inni yeroo hundumaa si dhagaʼuuf qophaaʼaadha. Kana malees, wanta ati jettu dhagaʼuu ni barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa” jechuudhaan kan nu jajjabeessu kanaafi.—Filiphisiyus 4:6.

Caqasni kun akka argisiisutti wantoonni Yihowaatti himuu dandeessu hedduun jiru. Kunis rakkinaa fi dhiphina kee dabalachuu dandaʼa. Wantoota galateeffachuuf si kakaasanis ni dabalata. Wanta gaarii siif godhaniif hiriyoota kee ni galateeffatta mitii? Yihowaa isa hiriyaa kee kamiyyuu caalaa wanta hedduu siif godhes galateeffachuu dandeessa.—Faarfannaa 106:1.

Wantoota Yihowaa galateeffachuuf si kakaasan muraasa gaditti tarreessi.

․․․․․

Darbee darbee sodaa fi dhiphinni sitti dhagaʼamuun isa hin oolu. Faarfannaan 55:22, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha.

Dhimmoota dhuunfaa si yaaddessanii fi kadhannaa keerratti caqasuu barbaaddu gaditti barreessi.

․․․․․

Muuxannoo Kee

Michummaa Yihowaa wajjin qabdurratti wanti dagachuu hin qabne kan biraanis jira. Daawit faarfatichi, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 34:8) Daawit yeroo Faarfannaa 34 barreessetti haala baayʼee sodaachisaa keessa ture. Saaʼol Mooticha isa isa ajjeesuu barbaadu jalaa baqachaa ture; kuniyyuu wanta baayʼee nama dhiphisudha. Achiis gara Filisxeemota diinota isaa taʼanitti baqachuun isa barbaachisee ture. Achitti yeroo haalli duʼaaf isa saaxilu isa mudatettis isaan duratti akka nama qalbii dabarsee taʼuudhaan duʼa jalaa ooluu dandaʼeera.—1 Saamuʼel 21:10-15.

Daawit duʼa jalaa kan oole dandeettii isaatiin akka taʼetti hin yaanne. Kanaa mannaa, kan isa oolche Yihowaa akka taʼe dubbateera. Faarfannaa olitti ibsamerratti, “Ani Yihowaa nan kadhadhe, innis deebii naaf kenne. Sodaa koo hundumaa jalaas na oolche” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 34:4) Daawit, “Yihowaan gaarii taʼuu isaa dhandhamaa ilaalaa” jechuudhaan warra kaan kan jajjabeesse muuxannoo isaarraa kaʼeeti. a

Ragaa Yihowaan akka si kunuunsu argisiisu muuxannoo keerraa argiteettaa? Taanaan, bakka duwwaa armaan gadiirratti barreessi. Yaada: Dirqama muuxannoo dinqisiisaa taʼuu qaba jettee hin yaadin. Eebbawwan xixiqqoo guyyaa guyyaatti argattuu fi tarii akka laayyootti ilaalamanirraa jalqabuu dandeessa.

․․․․․

Tarii warri kee waaʼee Kitaaba Qulqulluu si barsiisanii taʼuu dandaʼa. Taanaan kun eebba guddaadha. Taʼus, dhuunfaatti Waaqayyo wajjin michummaa horachuu qabda. Hamma yoonaatti akkas hin goone yoo taʼe, jalqabuuf yaada boqonnaa kana keessatti kennametti fayyadamuu dandeessa. Yihowaan carraaqqii kee siif eebbisa. Kitaabni Qulqulluun, “Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu” jedha.—Maatewos 7:7.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 38 fi 39 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Waaʼee Waaqayyoo warra kaanitti himuun sitti ulfaataa? Wantoota itti amantuuf dhaabbachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

[Miiljalee]

a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokkorratti yaanni “dhandhamaa ilaalaa” jedhu, “ofuma keessaniin ilaalaa,” akkasumas “muuxannoo keessanirraa ilaalaa” jedhamee hiikameera.—Today’s English Version fi The Bible in Basic English.

CAQASA IJOO

Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.Maatewos 5:3.

GORSA GAARII

Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan fuula afur qofa dubbisuuf yaali; akkas yoo goote waggaa tokkotti dubbistee xumuruu dandeessa.

KANA BEEKTAA?

Kitaaba kana dubbisuun kee fi gorsa Kitaaba Qulqulluu kitaabichi qabate hojiirra oolchuun kee Yihowaan dhuunfaatti akka siif yaadu argisiisa.—Yohaannis 6:44.

WANTAN GOCHUU YAADE

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu koorraa fayyadamuuf akkanan godha ․․․․․

Dhaabbataadhaan kadhannaa dhiheessuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee caalaatti gammachiisaa gochuu kan dandeessu akkamitti?

● Yihowaan kadhannaa namoonni mudaa qaban dhiheessan dhagaʼuu kan barbaadu maaliifi?

● Kadhannaa kee fooyyessuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 291rra jiru]

“Xinnummaa kootti wantuma wal fakkaatun irra deddeebiʼee kadhadha ture. Amma garuu wanta gaarii fi gadhee guyyaa keessatti na mudate kaasee kadhachuufan yaala. Guyyaa garaagaraatti wanti garaagaraa waan na mudatuuf, akkas gochuun koo wantuma tokko akkan irra hin deddeebine na gargaareera.”—Iiv

[Saanduqa/​Fakkii fuula 292​rra jiru]

 Kitaaba Qulqulluu kee qori

1. Seenaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu barbaaddu tokko filadhu. Ogummaa yaada isaa hubachuuf si barbaachisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu.

2. Of eeggannoodhaan dubbisi. Hin ariifatin. Yeroo dubbistu haala isaa yaadaan ilaali. Wanta raawwatamu ilaaluuf, sagalee taatotaa dhagaʼuuf, qilleensa isaa fuunfachuuf, nyaata nyaatan dhandhamuu fi wantoota kana fakkaatan gochuuf carraaqqii godhi. Hamma siif dandaʼame seenaan isaa sammuu kee keessatti akka bocamu godhi.

3. Wanta dubbisterratti yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu:

● Yihowaan seenaan kun Dubbii isaa keessatti akka galmaaʼu kan godhe maaliifi?

● Fakkeenya eenyuufaa hordofuun qaba? Fakkeenya akeekkachiisaa kan naaf taʼanoo eenyufaʼi?

● Dubbisa kanarraa barumsa akkamiin argadha?

● Seenaan kun waaʼee Yihowaa fi karaa inni wanta tokko itti raawwatuu maal na barsiisa?

4. Yihowaatti kadhannaa gabaabaa dhiheessi. Qoʼannaa keerraa maal akka barattee fi jireenya kee keessatti akkamitti hojiirra oolchuuf akka yaadde itti himi. Yihowaan Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu waan sii kenneef yeroo hunda isa galateeffadhu.

[Fakkii]

“Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifa dha.”—Faarfannaa 119:105.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 294​rra jiru]

Wantoota Dursa Kennituuf Murteessi

Kadhannaadhaaf yeroo argachuun si rakkisaa? Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf hoo? Yeroo baayʼee kun wanta dursa kennuufiif murteessiterratti hundaaʼa.

Akkana gochuuf yaali: Miʼa tokko qopheeffadhuutii dhagoota guguddaa keessa kaaʼi. Achiis cirracha itti guuti. Akkas yeroo gootu miʼichi dhagootaa fi cirracha sii qabachuu dandaʼa.

Ammammoo dhagootaa fi cirracha sana miʼicha keessaa garagalchi. Achiis jalqaba cirracha sana itti naqi, itti aansuudhaanimmoo dhagoota sana keessa kaaʼuuf yaali. Miʼichi dhagoota hunda hin qabatu mitii? Kun kan taʼe jalqaba miʼicha keessa kan keesse cirracha waan taʼeefi.

Kanarraa maal baratta? Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jedha. (Filiphisiyus 1:10) Wantoota xixinnoo kan akka bashannanaa jiraniif dursa kan kennitu yoo taʼe, wantoota guguddaa kan akka dhimmoota hafuuraa jiraniif yeroo argachuun si rakkisa. Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu kana yoo hordofte sochii hafuuraatiifis taʼe hamma tokko bashannanuuf yeroo ni qabaatta. Kun garuu wanta jalqaba miʼicha keessa keessurratti hundaaʼa.

[Fakkii fuula 290​rra jiru]

Michummaan Waaqayyo wajjin qabdu akka guddatu yoo barbaadde akkuma biqiltuu kunuunsuu qabda